Israa'el Nasrallaa ajjeesuf akka jirtu Ayaatoolaan itti himaa turan- Anga'oota Iraan

Gaggeessaan Iraan Ayatoolaa Kameenii Israa'el gaggeessaa Hezbollaa Hasan Nasrallaa ajjeesuf akka jirtu akeekkachiisanii turuu Rooyitars maddeen wabeeffachuun gabaase.

Hasan Nasrallaa haleellaa Israa'el Beerutitti gaggeessiteen osoo hin ajjeefamin guyyootaan dura, Israa'el ajjeesuuf irratti xiyyeeffattee akka jirtuu fi dafee Libaanos keessaa akka bahu gaggeessaan Iraan Ayatolaa Kameenii akeekkachiisanii turuu ibsa gabaasi kun.

Keessumaa erga Israa'el raadiyoo qunnamtii Hezbollaan itti fayyadamu irratti haleellaa saayibarii gaggeessite jedhameen booda, Ayaatolaa Kameenii namoota amanamoo gara Libaanositti erguun Hasan Nasrallaa dafee Libaanos keessaa bahee lubbuusaa akka oolfatu itti himanii akka turantu himama.

Ergaan Ayaatoolaan gaggeessaa Hezbollaaf dhaaman kunis: "Israa'el Hezbollaa keessaa basaastota isheef hojjatan qabdi. Kanaaf isa ajjeesuf karoorsaa jirti" kan jedhu akka ta'e qondaalota olaanoo mootummaa Iraan wabeeffachuun Rooyitars kan gabaaase.

Ayaatoolaa Kameenii namni amanamaadha jedhanii Hasan Nasrallaatti ergaa akka himuuf ergan qondaala waraanaa olaanaa Eegdota Warraaqsa Iraan kan ta'an Birgaader Jeneraal Abbaas Nilforushaan yoo ta'u, qondaalli waraanaa Iraan kun ulaa lafa jalaa keessatti Hasan Nasrallaafi qondaalota Hezbollaa wajjin osoo wal-gahii taa'anii haleellaa Israa'eliin ajjeefame.

Akkuma Ayaaatoolaa Kameenii sodaatan Hasan Nasrallaa haleellaa Israa'eliin ajjeefame. Hasan Nasrallaa qofa osoo hin taane, qondaalli waraanaa Iraan Jeneraal Abbaas ergaa himuu deemus innis haleellaa Israa'eliin gaaga'ame.

Hasan Nasrallaa ajjeefamuu hordofee Iraan deebii kennuuf Israa'elitti akkuma dhaadatte, ajaja Ayaatoolaa Kameenitiin misaa'elota 200 ta'an gara Israa'elitti dhukaaste.

Israa'el torbee lamaaf mandheewwan buufata waraanaafi gaggeessitoota Hezbollaarratti haleellaa erga gaggeessitee boodadha ajajaa garichaa Hasan Nasrallaa kan ajjeefte.

Ergasiiyyis gaggeessitoota waraanafi buufataalee Hezbollaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuufi ajjeechaa raawwachuu hin dhaabne.

Walitti dhufeenyi Iraanifi Hezbollaa gidduu akkasumas garee hidhattootaa Iraanin deeggaraman (Axis of Resistance) Hezbollaa, hidhattoota Huutii, Hamaas, milishoota Shiyaa Sooriyaafi Iraaq keessa jiran, gidduu jiru laaffataa ta'uu Rooyitars maddeen 10 dubbisuun gabaase.

Gareen Hezbollaa bara 1980oota keessa deeggarsa Iraaniin kan hundeeffame yoo ta'u, hidhattoota Iraan deeggartu keessaa humna cimaa akka qabutu himama.

Haleellan Israa'el gaggeessitoota garichaa irratti xiyyeeffattee raawwataa jirtu, gaggeessitoota gameeyyii jalaa ajjeesera. Kun ammoo dadhabbii Iraan bara baay'eef Hezbollaa cimsuuf itti dhamaate kan laamshesseedha jedhu xiinxaltoonni.

"Iraan investimentii guddaa waggoota hedduuf itti dhamaate dhabde," jedha Yunivarsitii Raayyaa Ittisa Siwidiiniitti dhimma Hezbollaa qorachuun kan beekamu Maagnas Raanstorpi.

Akka inni jedhutti, daangaa Israa'elitti kan argamu Hezbollaan humnisaa dadhabuun Iraan garicha fayyadamtee Israa'el haleeluf humni isheen ijaarte jalaa laaffachuu agarsiisa.

"Iraan waan isheen hin yaannetu ishee mudate. Kuni Iraanis hangam keessonshee banaa akka ta'e agarsiisa: Israa'el Nasarallaa qofa miti kan ajjeeste, Jeneraal Abbaas Nilfoorushanis ajjeeste.

Gaggeessitoonni Hezboollaa ajjeefamuufi dandeettin humna waraansaa dadhabuun, Iraan karaa Hezboollaa haleellaa gaggaassurraa duubatti deebi'uun embasiiwwaniifi qondaalota Israa'el biyyoota garaa garaa keessa jiran irratti haleellaa gaggeessaa akka maltus akeeka Maagnas.

Ajjeechaan Nasrallaa Iraanis sodaa keessa buuse

Hasan Nasrallaa ajjeefamuunsaa harki Israa'el keessoo keenyas seenuu mala kan jedhu qondaalota Iraan biratti yaaddoo uumera.

Qondaalli olaanan Iraan tokko Rooyitarsitti akka himanitti, qondaalonni Iraan Eegdota Humna Warraaqsaatii hanga qondalota waraanaa olaanotti qaamni biraa lohee galuu hin oolu sodaan jedhu uumamuurraa kan ka'e qorannoo gaggeessuuf jiru.

Keessumaa namoota Iraanin ala deemanii deebi'aniifi biyyoota garaa garaatii fira qaban irratti xiyyeeffachuuni qorannoon kan gaggeeffamu.

Addumatti miseensonni Eegumsa Humna Warraaqsaa Iraan tokko tokko gara Libaanos deemanii deebi'anii booda irratti xiyyeeffatameera.

Miseensi Eegdota Warraaqsaa Libanoos deemee deebi'e tokko Hasan Nasrallaa eessa akka bu'eefi yeroo dheeraf bakki inni jiru maalif hin baramu jedhee erga gaafatee booda, qondaalota Iraan biratti shakkiin mudachuu qondaalli Iraan Rooyitarsitti dubbatan ibsan.

Hasan Nasrallaa erga ajjeefamee booda miseensi Eegdota Humna Warraaqsaa Iraan gaaffii kana kaaseefi namonni biroo hedduu to'annoo jala oolfamaniiru.

Qondaalli Iraan kun akka jedhanitti, maatiin miseensa Eegdota Humna Warraaqsaa waa'ee bakka Hasan Nasrallaa itti argamuu gaafate nageenya isaaniif biyyaa baafamuus himan.

Qondaalli Iraan lammaffaan madda oduu Rooyitarsitti dubbatan ammoo Iraaniifi Hezbollaa gidduu amanamummaan ture laaffataa deemera.

Keessumaa gaggeessan Hezbollaa, Hasan Nasrallaa ajjeefamuu hordofee Tehraaniifi Hezbollaa akkasumas keessoo Hezbollaatti wal-amanuun dhabamee jira.

"Wal-amanteen waan hundumaa walitti hidhee ture amma diigameera," jedhan qondaalli Iraan kun.

Qondaalli Iraan sadaffaan Rooyitarsi dubbise ammoo, Ayaatoolaa Kameenii kana booda "eenyuu hin amanan" jechuun ibsa.

Ji'a Adoolessaa keessa Israa'el kibba Beerutitti qondalli waraanaa olaanan Hezbollaa Faawud Shukrii qondaala Eegumsa Warraaqsaa Iraan wajjin osoo dhoksaan wal-argaa jiranii haleellaa Israa'eliin ajjeefamuufi sa'aatii muraasa booda qondaalli olaanan Hamaas Ismaa'el Haniyyaa Tehraan keessatti ajjeefamuun, dhaabbanni tikaa Israa'el Mosaad Hezbollaafi Iraan keessa hidda fageeffachuu hin oolle kan jedhu lamaansaanii keessatti yaaddoo uume.

Israa'el hanga masaraa mootummaa Iraan keessatti harka fageeffachuunshee hin oolu yaaddoon jedhu Iraan biraa dhagahamuu erga eegalee bubbuleera.

Pirezidaantiin duraanii Iraan Mahaammud Ahmaddiinejaad, gareen tikaa Iraan basaastota Mossad irratti xiyyeeffachuuf ni hojjata jedhame ofiisaa basaastota dhaabbata tikaa Israa'el ta'ee akka argame dubbatanii ture.

Akkasumas Israa'el sanada icciitii waa'ee nikularaa Iraan bara 2018 Israa'el argachuu dubbatanii ture. Israa'el sanada iccitii nikulara Iraan kan argatte, Iraan keessatti oppireeshinii dhoksaa gaggeessiteeni.

Itti gaafatamaan tikaa duraanii Israa'el Yoosii Koohen, man-kuusaa Iraan keessaa Israa'el akkamitti sanada icciitii kana akka argatte bara 2021 dubbatanii ture.

'Ayaatootalan si'a lama Hasan Nasrallaatti nama erganii Libaanosii akka bahu itti himan'

Ayaatoolaa Kameenii Israa'el gaggeessaa Hezbollaa kan ture Hasan Nasrallaa ajjeesuf akka jirtu si'a lama nama itti erganii Libaanosii bahee gara Iraan dhufu itti himan.

Keessumaa erga Fulbaana 17, guutummaa Libaanos keessatti raadiyoon qunnamtii miseensonni Hezbollaa itti fayyadaman dhodhohee namoota heddu ajeesee kaan madeessee as Ayaataolaa Kameenii waa'ee nageenya Hasan Nasrallaa yaadda'uun Libaanos keessaa akka bahuuf ergaa itti ergan.

Hasan Nasrallaa garuu qaamolee nageenyaa isa eeganitti amanachuun Libaanos keessaa bahuu hin barbaanne.

Ayaatoolaa Kameenii marsaa lammaffaa Birgaader Jeneraal Abbaas Niolfoorushaan itti erguun Libaanos keessaa bahee Iraan akka dhufu itti himan.

Nasrallaan garuu Libaanos keessaa bahuu hin barbaanne. Keessumaa raadiyoon qunnamtii Libaanos keessatti erga dhodhohee booda, qondaalonni nageenyaa Iraan waa'ee Hezbollaafi Hasan Nasrallaa marsaa heddu wal-gahanii mariyachuu isaanii qondaalota olaanoo Iraanirraa odeeffachuu gabaase Rooyitars.

Gama biroon ammoo raadiyoon qunnamtii Hezbollaa dhodhohuu hordofee, tikni Israa'el akkamitti keessoo isaa akka seene qorachuuf gaggeessitoonni Hezbollaa si'a heddu wal-arguun namoota shakkan irrattis qorannoo akka gaggeessan maddeen Libaanos waabeffachuun Rooyitars gabaase.

Qorannicha gaggeessaa kan ture qondaala olaanaa Hezbollaa kan ta'e Sheek Nabiil Kaa'uk yoo ta'u, qorannichi saffisaan deemaa ture. Israa'el Hasan Nasrallaa erga ajjeestee booda Sheek Nabiilis ajjeeste.

Ulaa lafa jalaa bakka Hasan Nasrallaa dabalatee qondaalonni Hezbollaa heddu itti wal-gahanitti Israa'el haleellaa qindaa'aa gaggeessuu danda'uunshee, Hezbollaan erga hundaa'ee as kufaatii tikaa guddaa isa mudate akka ta'etu himama.