Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Libaanos eenyutu bulcha, Hezboollaan hoo aangoo akkamii qaba?
Torban lamaa darban keessa Libaanos haleellaa misaa’elaa bal’aa Israa’el irraa itti dhukaafamu jala jirti. Sababa haleellaa kanaanni namoonni 1,000 ol ajjeefamanii, daangaan biyyattiis loltoota Israa’eliin jalaa weerarameera.
Kun ammoo sababa walitti bu’insa Israa’el fi Hezboollaa gidduutti dhalateenidha. Hezboollaan paartii siyaasaafi milishaa Libaanos keessa maandheffatedha.
Milishoonni Hezboollaa kun raayyaa ittisa biyyaa Libaanos caalaa humna guddaa kan qaban yoo ta’u, keessumaa Musiliimota Shi’aa biyyattii biratti deeggarsa guddaa qaba.
Dhaabbata mootummaa idileen beekamu miti, garuu waggoota 40 darbe keessa Libaanos keessatti humna guddaa mul’atedhe.
Libaanosiin eenyuti bulcha?
Libaanos keessatti, aangoon siyaasaa kutaalee amantii garagaraatti qoqqoodamaadha.
Akka waliigaltee bara 1934 yeroo Libaanos gita-bittaa Faransaay jalaa walaba baatutti taasifameen, pirezidantiin biyyattii Kiristaana damee Maronaayit jedhamurraa ta’uu qaba. Ministirri muummee ammoo Musliima Sunniirraa ta’uu kan qabu yoo ta’u, af-yaa’iin paarlaamaa ammoo Musliima Shi’aa irraa ta’uu qaba jedha.
Kun kan agarsiisu gareewwan amantaa garagaraa yeroo sanatti Libaanos keessa turan baayyina hangamii akka qabanidha. Yeroo sanatti, Kiristaanonni Musliimota Sunniifi Shi’aa caalanii baayyina ummataa biyyattii keessaa walakkaa ol turan.
Haata’u malee, baayinni Kiristaanotaa, Musliimotaa Sunniifi Shi’aa hundi isaanii tokkoo tokkoon isaanii %30 waan ta’aniif namoonni baayyeen waliigalteen ture sun dulloomeera jedhanii jedhu.
Waliigalteedhaan, Musliimonni waliigalaan baayyina ummata biyyattii keessatti guddaa ta’us, Kiristaanonniifi Musliimonni paarlaamaa keessatti teessuma walqixa qabu.
Qabatamaan ammoo, Libaanos keessatti paartiin tokko ykn kutaan amantaa tokkichi aangoo hunda hin dhuunfatu.
Mootummoonni gurmaa’insa paarlaamentariirraa kan ijaaraman yoo ta’u, murteewwan gurguddoo kan darbuu qabanis waliigalteerra gahuudhaanidha. Kun ammoo yeroo baayyee gara laamsha’ina siyaasaatti geessa.
Hezboollaan Libaanos keessatti sadarkaa akkamii qaba?
Hezboollaan milishaa Musliima Shi’aa ta’uun bara 1982 hundeeffame. Barri kun ammoo yeroo Libaanos wal waraansa keessa turtedha. Hundeeffamni Hezboollaa kun humnoota Israa’el bara sana keessa kibba Libaanos keessa babal’atan dura dhaabbachuuf hundeeffame.
Gareen kun [Hezboollaan] Islaamiik Rippabiliika Iraaniin hanga funyaaniitti kan hidhachiifamee yoo ta’u deeggarsa maallaqas ishumarraa argata.
Hezboollaa jechuun afaan Arabaa yoo ta’u hiikni isaa ammoo “Paartii Waaqaa” jechuudha.
Hezboollaan jiraachuusaa ifatti kan beeksise bara 1985 keessa yoo ta’u akkuma Iraan keessaa sana Libaanos keessatti biyya Islaamaa hundeessuu akka barbaadus labsuun ture.
Gocha Israa’el kibba Libaanos humnaa qabattuufi daangaa Filisxeemotaa dhaabsisuufis dhaadataa ture.
Bara 2009 keessa, maanufestoo [sagantaa siyaasaa] haaraa biyya Islaamaa hundeessuu ilaalchisee waan akeeku kan hin qabne baase. Haata’u malee, ejjennoo Israa’el ilaalchisee qabu garuu ittuma ciche.
Bara 1990 keessa yeroo wal waraansi Libaanos dhaabbate, qaamoleen wal waraanan hunduu milishoota isaanii dhabamsiisan.
Haata’u malee, Hezboollaan garuu itti fufe. Lafa Israa’el kibba Libaanos humnaan qabate waliin wal loluun barbaada jechuun akka warra kaanii osoo hin diigamiin hafe.
Dhumarratti Israa’el humnotashee naannicha keessaa bara 2000 keessa kan baste yoo ta’u, Hezboollaan ammoo injifachuu labsatte.
Bara 1992 keessa, Hezboollaan paarlaamaatiif kaadhimamaa dhiyeessuu jalqabe.
Kanaaf, amma miseensota mana-maree baayyee kan qabu yoo ta’u, ministeeronni Hezboollaas mootummicha keessa ni jira.
Libaanos bakka hawaasni Musliima Shi’aa heddummaatan keessattis tajaajilawwan kanneen akka maneen-barnootaa, kunuunsa fayyaafi tajaajilawwan hawaasaas ni dhiyeessa.
Paartileen biroo Libaanos keessa jiranis akkuma kana tajaajilawwan akkasii ummata isaaniif ni dhiyeessu, garuu Hezboollaan warra kaan caalaa neetiwoorkii bal’aa qaba jedhamee amanama.
Hezboollaan akkamiin humni isaa Libaanos keessatti akkas cimuu danda’e?
Hezboollaan humna Libaanos keessatti qabu irra guddaan milishoota isaati. Loltoota 100,000 qaba jedha. Haata’u malee, akka qaamni walaba ta’e tilmaamutti garuu miseensonni milishoota isaa 20,000 hanga 50,00 ta’u.
Akka dhaabbata US keessa jiru Wiirtuu Istiraateejikiifi Qo’annoowwan Idil-addunyaa jedhutti, Hezboollaan meeshaa waraanaa walumaagalatti rokkeetiiwwan 120,000 fi misaa’eloota 200,000 qaba.
Kun ammoo osoo biyya hin ta‘iin meeshaa garee ta’e tokkoon hidhatamu addunyaarratti isa guddaa jedhamudha. Humna raayyaa ittisaa Libaanosiin baayyee caala jedhamees yaadama.
Dadhabina mootummaa biyyaalessaa Libaanosirraas fayyadameera. Fakkeenyaaf, sababa eenyu akka filatamu paartileen siyaasaa waliigaluu dhabuu isaaniitiin biyyattiin erga bara 2022tii pirezidantii malee jirti.
Hezboollaan ajandaa barbaade ooffachuurraa kan dhorku mootummaan giddu-galeessaa cimaan hin jiru.