Libaanos Hezboollaa of keessaa hin baastu taanaan akka Gaazaa barbadoofti- Neetaniyaahuu

Ministirri muummee Israa'el Beenajaamiin Neetaniyaahuu uummanni Libaanos Hezboollaa of keessaa qulqulleessuun biyyasaanii akka Gaazaatti barbadaa'uurraa akka oolchan, ofiisaaniis dararamuu jalaa akka baraaran dhaame.

Neetaniyaahuun wayita loltoonni isaa hedduun gara Kibba-lixa Libaanositti ramadamanii duula waraanaa gaggeessaa jiranitti Kibxata kaleessaa (Onkoloolessa 8,2024) akeekkachiisa kana dubbate.

Israa'el Hezboollaa irratti duula banuu maqaa jedhuun kutaalee Libaanos kallattii kibbaan jiranitti loltoota kumaan lakkaa'aman bobbaasaa jirti.

Humni waraanaa Israa'el haleellaa Wiixata darbe raawwateen qofa miseensota Hezboollaa 50 ajjeesuu ibseera.

Sa'atii 24 darbe keessatti ammoo haleellaa Israa'eliin namoonni 36 du'uun 150 kan ta'an madaa'uu ministeerri fayyaa Libaanos ibseera.

Kana gidduutti Hezboollaan ammoo rookeetiiwwan hedduu gara Israa'el, magaalaa Hayifaatti dhukaasuun namoota 12 madeesse.

Neetaniyaahuun erga viidiyoodhaan kallattiidhaan uummata Libaanosiif dabarseen ''Waraana yeroo dheeraan akka Gaazaatti barbadaa'uu fi dararamuu dura Libaanos baraaruuf carraa qabdu,'' jedhe.

''Isinittan hima yaa uummata Libaanos! Waraanni kun akka xumuramuuf biyya keessan Hezboollaa jalaa walaboomsaa!''

Neetaniyaahuun nama hoogganaa gameessa Hezboollaa Hasan Nasrallaa bakka bu'u ajjeesuus ibse. Boodarra garuu ajjeefamuu Haashim Sayifaddiin mirkaneessuu akka hin dandeenye waraanni Israa'el ibseera.

Hezboollaan haleellaa qilleensarraa fi lafoon Israa'el torbee sadan darbaniif walitti aansuun irratti raawwataa jirtu dandamachuun ammallee dura dhaabbataa jira.

Haleellaa kanaan hanga ammaa namoonni ajjeefamuunsaanii mirkanaa'e 1,400 akka caalan qondaaltonni Libaanos ni himu. Waraanni kun namoota miiliyoona 1.2 ta'an qe'eesaaniirraa buqqiseera.

Kibxata, Onkoloolessa 8, 2023 yeroo Hasan Nasarallaa turan itti aanaa kan ture Na'iim Qaasim Hezboollaan haleellaa suukanneessaa Israa'el tibbana raawwachaa jirtu dura dhaabbachuu fi ammas itti fufee dura dhaabbachuuf dandeettii akka qabu ibsan.

Israa'el sababa waraana Gaazaa walitti bu'iinsa daangaashee karaa kaabaan mudatuuf filannoo ofirraa ittisuurratti cichaa turte.

Haleellaa misaa'elaa, diroonii fi rookeetii Hezboollaan raawwatuun lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman kanneen kaaba biyyattiirraa buqqa'an qe'eetti deebisuuf akka qabsooftu ibsaa turte Israa'el.

Haata'u malee walitti bu'iinsi kun Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 daangaa Israa'el ce'ee haleellaa raawwachuu booda garmalee hammaate.

Wayita Hamaas haleellaa raawwatu bariituu isaa, Onkoloolessa 08, 2023, Hezboollaan ammoo kaaba Israa'el irratti haleellaa raawwate.

Israa'el erga Fulbaana 30 weerara Libaanos eegaltee lakkoofsi loltoota ramaddee kuma 15 caaleera.

Humni waraanaa Israa'el oppireeshinii lafoo gaggeessuun buufata gareen Hezboollaa irraa haleellaa raawwatu hedduu to'achuu ibseera.

Haleellaan Israa'el garuu lammiilee Libaanos dararaa hamaaf saaxileera. Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii rakkoo uummanni Libaanos keessa jiruun daran yaadda'uu ibseera.

Mootummaan Libaanos hanga ammaa namoonni miiliyoona 1.2 caalan qe'eesaaniirraa buqqa'uu fi kuma 400 kan caalan ammoo gara siiriyaatti baqachuu ibse.

Kanneen keessaa kuma 200 kan ta'an kanneen kanaan dura Siiriyaa keessaa gara Libaanos baqataniidha.

Humni waraanaa Israa'el ammallee kibba Libaanos irratti haleellaa qilleensarraa gaggeessaa akka jiru ibsaa jira. Israa'el akka jettutti bakki isheen haleeltu bakka loltoonni Hezboollaa maandheffataniidha.

Dhugaan jiru garuu kan baayyinaan dhumaa jiru uummata, kan barbadaa'aa jiru biyyattiidha.

Haleellaa Wiixata darbeen ajajaa Hezboollaa Suhaayil Huseen ajjeesuu ibse humni waraanaa Israa'el.

Hezboollaan kanarratti homaa hin jenne. Yoo mirkanaa'e garuu ajajaa Hezboollaa dhiheenya ajjeefame ta'a. Hasan Nasrallaa dabalatee ajajoonni Hezboollaa buleeyyiin hedduun haleellaa Israa'eliin dhumaniiru.

Qondaalli Hezboollaa olaanaan Haashim Sayifaddiin jedhamu eessumasaa Hasan Nasrallaa bakka bu'a jedhamee eegama.

Garuu erga Israa'el haleellaa Kibxata kaleessaan nama kana ajjeeseera jettee hawaasatti mul'atee dubbatee hin beeku.

Dubbi himaan humna waraanaa Israa'el Daani'eel Hagaarii Kibxata kaleessa wayita ibsa kennu, Neetaniyaahuun qondaalli Hezboollaa kun ajjeefamuu ibsanis humni waraanaa garuu ajjeefamuusaa mirkaneessuu hin dandeenye jedhe.

Hoogganaa itti aanaan Hezboollaa Israa'el ajjeese jettu kun bakka hin beekamnerraa wayita ibsa kennu loltoonni isaa ammallee cimanii humna Israa'el dura dhaabbachuun akka falmatan eere.

''Isaan hubaa jirra. Waraanichi akka dheeratu gochuudhaan. Magaalonni hedduun misaa'ela keenya jalaa kan ba'an hin jiran. Dandeettiin keenya amansiisaa akka ta'e isiniif mirkaneessina,'' jedhe.

Hezboollaan kanaan dura hanga waraanni Gaazaa dhaabbatutti Israa'el loluurraa duubatti akka hin jenne ibsaa ture.