Intalli adaadaa Hayilasillaasee Piro. Elleenii Zallaqaa, 'Saantim' kan tibbana boqatte eenyu?

Elleenii Zallaqa
Ibsa waa'ee suuraa, Elleenii Zallaqa waggoota darba n jahaaf Yunivarsitii Kolombiiyaatti piro. qorannoowwan Afriikaa turete

''Hakiimoonni sa'aatiin dhumeera jedhan. Torbanoota ittaanan muraasa keessatti addunyaa kanarraa nan darba.''

Kunis jecha pirofesaraafi saayinsii siyaasaa Elleenii Saantiim Zallaqaati. Piro. Elleeniin erga ergaa kana miidyaa hawaasaa isheerratti barreessiteen torban tokkoon booda hospitaala Niwu Yoorkiitti argamu East End Hospital keessatti lubbuunshee darbe.

Maatiin ishee Saantiim jechuun ishee waamu. BBCn Saantiim jechuun gabaasa.

Saantiim barsiiftuu turte. Barattoonni ishees ''barsiiftuu waan qabatteetti cichiituu (dogmatic) hin turre'' jedhuun.

Saantiim gaaffiifi deebiidhaan barattootasheetiif hiriyummaa hayyamteetti.

Barattoota kanneen keessaa Natsaanat Gabramikaa'eliifi Saraawwit Baqqalaa ni argamu.

Saantiim Natsaanatiifi Saraawwit waggaa 16 dura barsiifteeti. Isaanis barattoota diigrii lammaffaa ta'anii Saantiim ammoo qorannoo PHD ishee hojjataa turte.

Elleenii Zallaqa kan jidduu keessaa

“Barsiisummaanshee kan eenyummaashee waliin wal qabatu natti fakkaata'' kan jettu Natsaanat, ''waan isheerraa argannee guddaan gaaffii gaaffachuudha. Barattuu ta'uu jechuun gaaffii gaafachuu jechuudha. Hayyummaasheen kanan hubadhu gaaffiisheetiin'' jetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Natsaanatiifi Saraawiiti walitti dhufeenyaa barataafi barsiisaa duraanii akka irra deebiin ilaalan kan isaan godhe ta'u dubbatu. Lamaanuu mudannoo hin dagannee qabu. Barnootaan booda Saantiim barattootashee hundaa (13) isaanituu qabattee mana nyaataa deemte.

Wanti guddaan reesitooraaniitii deemuu qofa osoo hin taanee, barataafi barsiistuu waliin deemuudha male. Waggaa 16 dura barsiiftuufi barattoonni piizaa isaanii shaayidhaan dhandhamatanii marii hayyootaa gaggeessan. Yaadannoo hin dagatamnes argatan.

Saantiin bishaan daakuu jaalatti. Kanaaf odolli Laamuu kan Keeniyaatti argamu dhugaa bahaaf. Muziiqaafi daansiis akkasuma. Diijees turte. Maatiifi hiriyootasheetiif nyaata bilcheessuufi keessuummeessu jaalatti.

''Saantiim yeroo haasooftu, waan kolfaafi taphaa, dhimma jireenya hawaasummaa dubbatulleen gara hayyummaatti dabarti. Haasawwan ishee kan baayyee bilchaataniidha. Kan ishee birra jirruus haala akkasiitiin isheerraa barannee dabarre'' jetti Saamraawiiti Baqalaa.

Saantiim kutaa kitaaba galataa waggaa shan dura barreessitee keessatti barattoota lamaan maqaadhaan eeruun galateeffateen.

Namoota baayyeen kan jaalatamtuufi leelliifamtu Saantiim, Adooleessa 7, 2024 addunyaa kanarraa du'aan boqatte. Saantiim jireenya namootaan guutame jaalatti turte.

Waa'ee namaa haalaan hubatti turte. Duuti ishee kan eegamu ta'ulleen, taatee firootaafi leelliftootashee onnee cabse ture.

Ofii Saantiim eenyu? Hiriyoonni, barattoonniifi hojjiiwwanshee waa'ee ishee maal himuu?

Ijoolluummaan Gondarii hanga Gaayaanaa

Elleenii Zallaqa
Ibsa waa'ee suuraa, Gondariitti dhalattuulleen waggaa lamaa kaaftee Kaanadaa, Gaayaanaa fi Baarbeedoosiitti dabarsite

Waggaa 53 dura Gondar Itoophiyaatti, haatii warra Dr Zallaqa Baqalaa Aaddee Elleenii Imiiruu mucaasaanii sadaffaa dahuudhaaf osoo ciniinsuu irra jiranuu, namni amala hannaa qabu tokko manasaaniitii saantiima fudhatee fiige.

Dr Zallaqaanis hattuu sana qabuuf yaalanii garuu hin dandeenye. Maallaqasaanii deebiisiisu dadhaban illeen, haatii warraasaanii mucaa deesseef. Tunis Saantiim Dr Zallaqaadhaaf mucaa arfaffaa haadhashee Addee Elleeniis ammoo intala sadaffaa taate.

Saantiim Gondariitti dhalattulleen kan guddatte garuu Gaayaanaa, Baarbeedoos fi Kaanaadaatti.

Abbaanshee Dr Zallaqaan kolleejjii saayinsii fayyaa Gondar diinii ta'udhaan dursuun lammii Itoophiyaa jalqabaati. Ammattis Naannoo Somaalii magaala Jijjigaatti hospitaala ammayyaa akka ijaaramuuf gahee olaanaa akka qaban himama.

Maqaasaanii intalasaaniif kan kennan haatiishee Aaddee Elleenii Immiruun intala adaadaa Hayilasillaasee fi intala Raas Imiiruu Hayilaaseeti.

Saantiin osoo mucaa waggaa lamaa jirtuu ALI bara 1966 waraaqsa waggaa tokkoon dura maatiishee waliin gara Kaanaadaa imalan.

Dr Zallaqaan waggoota muraasaaf erga Kaanaadaa jiraatanii booda, Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti makamuun gara Gaayaanaa achinis Barbaadoos dhaqan. Saantiim hanga sadarkaa lammaaffatti kan baratte biyyoota lamaa Odola Kaaribiyaan irratti argamaniitti.

Hiriyaanshee Natsaanatis, ''Saantiim Gaayaanaa baayyee jaalatti. Hundi keenyaa akka Gaayaanaarra dhufte beekna turre'' jetti.

Tibba turtii odolawwan Kaaribiyaanitti yaadnishee akka cime af-gaaffilee isheetiin himteetti.

Elleenii dubartoota kaan waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Saantiim hawaasa ganamaa (indigenous) waliin walitti dhufeenyi qabdi turte

“Saantiim Itoophiyaan ummata Kaaribiyyan biratti eddoo guddaa qabaachu'' dubbatti.

Af-gaaffii Onkololeessa darbe keessa tamsa'eerratti ''Tarii miira paan-Afriikaanifii fi muxannoo jiraachuun argameerraa ka'un biyyoota Kaaribiyaaniitti eddoo akka Itoophiyaa jiran caalaa cimu. Anis haala sanaan kanan baayyee bilchaa'e natti fakkaata'' jette.

Elleeniin (Saantiim umurii waggaa 18n gara Kaanaadaa imaluun Yunivarsitii Kolombiiyaa Biriitishitti digirii jalaqabaa barachuu eegalte.

Isheenis kitaaba waggaa 24 booda barreesite tokkorratti, 'gurraachi' jecha siyaasaa ta'usaa kanan hubadhe Kaanaadaatti. Ergan eenyummaan koo, qaamnikoo kishaafe sanyuummaatiin akka ilaalamu argeen booda gurraacha akka ibsituukootti ibsachuu filadhe'' jetti.

ABC hayyummaa gama gaazexessummaatiin

Elleenii Zallaqaa
Ibsa waa'ee suuraa, Elleenii Zallaqaa osoo akkaadaamii keessa hi galiin dura gaazexessituu taatee hojjattee turte

Saantiim hubannoo sanyiifi eenyummaa kana qabattee yunivarsitii Biritish Kolombiyaatii kan baate. Achinsi oggummaa gaazexessummaatti makamte.

Waggaa kudhaniif gaazexessituu ta'un hojjatteetti. Hojiin gaazexessummaa kunis ''gaaffattuu akkan ta'u na taasiseera'' jetti.

Erga bara 1990tti barnootashee kolleejjii xumurteen booda gaazeexaa 'Kiineesiis' kan Kaanaadaa Vaankuuvar keessatti maxanfamuuf barreeffama barreessaa turte.

Kiineesiis gaazeexaa mana barnootaa durii ture. Gaazexaan 'feminist' ji'aan maxxanfamu kunis kan namoota tola ooltootaan barraa'u ture.

Saantimis namoota bilisaan barreessan keessaa turte.

Gaazexechis barattoota gurraalee Afriikaa, Kaaribiyaan, Kaanaadaa fi Ameerikaa irraa dhufaniif gaaddiisa jalatti wal argan ta'eef.

Dubartoonni kunneenis wal arguudhaan siyaasa haasa'u, waliin kolfu, waliin bashananu akkasumas gaazexichaaf ni barreessu ture.

Saantiimis matadureewwan garaa garaa jalatti barreefamoota barreessite turte gaazexichaaf.

Saantiimiifi hiryaanshee bilisaan kitaaba yoo raabsan

'Yaadannoo' muziiqaatiin gamatti

Vaankuuvariitti hojii gaazeexeessummaarra waggaa 10'f erga hojjatteen booda magaalaa Montiriiyaal kan Bulchiinsa Kubeekiitti argamutti imalte. Achittiis maastarsii ishee gosa barnootaa Communication Studies argatte.

Kanaan boodas waa'ee itoophiyaa irratti qorannoofi qu'annoo gaggeessuu eegalte.

Saantiim barreeffamoota ishee keessatti ''umurii waggaa 11tti seenaa biyyakoo baruun qaban ture. Rakkoolee siyaasaa fi diinagdee warraaqsa bara 1966tiif sababii ta'an muraasa hubadheen ture'' jetti.

Kanaan booda ture eggaan kan kitaaba sochii barattoota Itoophiyaarratti xiyyeeffate kan barreessite. Kitaabichisa mata duree “Ethiopia in Theory: Knowledge Production and Social Change, 1964-2016” jedhuun kan qophaa'e yoo ta'u, waggaa shanii dura maxxane.

Kitaaba Saantiim barreesite

''Saantiim kitaaba akka gaaffii jireenyaatti ilaalti. Jireenyashee keessatti yoo ilaallees, kanuma mirkanneessa. Dhumarrattis hanga deemtuutti booraatii sireeshee jalaa kitaaba ykn waan ta'e hin dhabdu. Ni dubbiifti ykn ni yaaddi'' jetti Saraawiiti.

“Kitaabni waan bashanannaa miti. Barreessuudhaan qabsaa'aa jirra. Du'ushee nuufis waan cimaadha. Keessattuu bakka hayyoonni dubartootaa gadaanaa ta'etti duuti ishee qofummaan akka nutti dhagahamu nu taasiseera.''

Kaansariifi waraanan umurii ijoollummaatti du'aa jiru

Pirofessar Elleenii Saantiim Zallaqa torban lama dura lubbunshee kan darbe kaansarii harmaa sadarkaa afur jedhamuuni. Santiim wayita waggootaaf kaansariidhaaf yaalamaa turteetti miidiyaa hawaasaa gubbaatti haala ishee barreessaa turte.

Isheenis waa'ee mudannoowwan ishee fayyaa waliin wal qabatee mudate hunda qoodaa turte. Waa'ee kaansarii kan hubatteefi barte hunda qoodaa turte.

Saantiim akkuma dhukkubsattoota kaansarii kaanii hin turre. Dhukkubsataa wayita turteetti dhukkubichaaf harka hin kennitu turte.

Saraawiiti Baqalaa ''Saantiim kan waan harka kennachu jedhuun waliigaltu natti hin fkkaatu. Waa'ee kaansarii haala walxaxaa ta'een hubatti'' jetti.

Kanaaf ammoo yaadannoon ragaadha. Saantiim Kaansariin akka waan hamaa tokkootti, kan alaa dhufuutti osoo hin taanee, adeema jireenyaa keessattu yaalii jireenya barbaachuu gootee ilaalti.

Saantiim dhibee kaansarii isheerratti hundaa'uun xinxala hayyummaa taasiifteetti. Dhukkubsa isheerratti hundaa'uun waa'ee rakkoo ilmaan namaa hubachuuf yaalii taasiifteetti.

Kanaanis ''dhukkubbiifi waraanni, lamaanuu kan dandeettii, haqa qabeessuummaa fi dandamannaa namaa miidhaniidha. Kanaafuu seenaa gootummaa gowwaa ykn badhaa/adabbiidhaan awaaluuf yaalla'' jetti.

Kanaafuu, kaansarii harmaa fayyuun hin danda'amne fi sadarkaa afur fi ''haleellaa boomnii Gaazaatti raawwatamu wal fakkeessiti.

Kana malees dhukkubbisheetiin walitti qabdee waa'ee waraanaa kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf tureen wal qabsiiftee barreessaa turte.

Saantiim dhukkubbiishee keessatti ''qaamni keenya adeemsa attamii keessa akka darbu, du'aas jiraataas haala attamii keessa akka darbu kan yaadduu fakkaatti'' jetti Saraawiiti Baqalaa.

Elleeniin mana jireenyaashee keessatti

Kitaabni Saantiim inni lammaaffaan xalayaawwan abbaashee kan waggaa lamaafi baatii torbaan dura du'anii hammateedha. Kitaabichi boqonnaawwan afur kan qabuudha.

Saantiim walitti dhufeenya abbaashee Dr Zallaqa waliin qabaachaa turte kan abbaafi intalaatiin olii ture. Baayyee waliin mari'atu turan. ''Fooddaa biiroo kootiin qaarii'ee yoon ilaaluu waa'ee seenaa abbaakoon arga'' jetti.

Barattuun Saantiim kan biraa, Natssanati Gabramiikaa'el, ''Saantiim jaalala abbaashee waliin qabdu itti fufuu kan filattee xalayaa barreessuufiin ture,'' jetti.

''Kitaabichi dhugaa guyyaashee irraa kan ka'uudha. Waa'eesheefii waa'ee dargaggeessa osoo umrii waggaa kudhanoota keessa jiruu sababii waraanaatii du'e barreessiti'' jetti.

Isheenis waa'ee ishee mucaa enyummaasaa hin beekne tokkoon walitti qabdee gara du'aatti adeemuu, umurii ijoollummaatti du'uun maal jechuu akka ta'e barreessite. Gara du'aatti adeemaa jiraachuun hiikaa maal qabaa? jechaa gaafataa barreessiti.

Kana malees kitaabni ishee waa'ee wal waraansaa yaaduun maaliidha? Karaan itti Afrikaa ilaallu maal fakkaata? gaaffiilee jedhan kaasa.

Saantiim ''dhukkubaafi waraanaaf Afriikaa qabanee yoo yaadnu fayyina eessaa argachu dandeenya. Fayyuu jechuun ammoo adeemsa du'aa keessa darbuu jechuudha'' yaadawwan jedhan kaasuu dubbatti Saraawiiti.

Waraanni wal walii kaaba Itoophiyaa akkuma eegaleen baatiiwwan muraasaan booda, Saantiim hayyoota Afriikaa biraa jaatama waliin ta'un Gamtaan Afriikaa fi IGAD qaamoolee wal waraanaa turan akka araarsaniif waamicha dhiyaasaanii turan.

Iyyashee kanaafi faallaa waraanichaa dhabbachusheetiis mormiifi qeequmsi irra gahee ture. ''Qeequmsiifi mormiin ture garuu ejjannoo ishee na hin jijjirsiifne'' kan jettu Saraawiiti, ''amanummaa hayyummaa isheerraa agarreerra. Hundi keenya akka ofii keenya sakkataanuu nu taasiiftee jirti'' jette.

Saantiim waahillan dhiheenyaan ishee beekan ''qajeeltoo jireenyaa qabduun jiraattee jirti'' jedhu. Hayyuu faallaa cinqursaafi dararaa dhaabbattee turte. Rakkoo siyaasa Itoophiyaatiif furmaata saayinsii hawaasaa gochuun ni danda'ama amantaa jedhu qabdi turte.