Shamarree akka Haacaaluu hin daganneef guyyaa lakkooftu

Haadha warraa Haacaaluu Hundeessaa fi Naaroobikaa Baayisaa

Madda suuraa, Naaroobikaa

Naaroobikaa Baayisaa Shamarree Oromoo biyya UK Magaala London keessa jiraattu. A.L.A Wabajjii 29 bara 2020 wixata galgala gaafa Wellisaa Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame haala itti dhageessee fi miira isheetti uume akkas jechuun dubbatti.

“Galgala gaaf sanaa hiriyaakoo biyya biraa jirtu tokkotu bilbilee oduu gaddaa kana natti hime. Amanuu hin dandeenyen ture. Biyyatti naman beeku hedduutti bilbilee jennaan wantichi dhugaadha.”

“Jireenya koo keessatti miira gaddaa takkaa natti dhagahamee hin beekne keessan seene. Namummaa koon jibbe. Haacaaluun haala sukaneessaa saniin du’a jedhee yaadee ofamansiisuu dadhabe,” Jetti.

Wareegamni Haacaaluu amma waggoota afur lakkoofsisulleen gaddi keessa kiyyaa kan guyyaa sanaarraa hir’atee hin beeku jechuunis miira sanarraa deebi’uu akka dadhabde himti.

Hanga dacheerra jirutti guyyaa tokko dagachuu hin barbaadu

Naaroobikaan jaalala wellisaa Haacaaluu hundeessaaf qabduu fi du’a isaatiin gadda itti dhagahame keessaa bahuufis karoora akka hin qabne himti.

“Haacaaluun kan wareegame Oromoodhaafi. Akkuma innuu ‘yaa waa irraanfachuu’ jedhee sirbe sana. Ani Haacaaluu guyyaa tokkoof dagachuu akkan hin qabne murteeffadheen mala baafadhe”

“Harka Mirgaa kiyya irratti maqaa isaa tumaa tumadheen yeroo hunda ilaala. Yoon waa hojjedhus yoo deemus isumaanin yaadadha” jetti.

Kana malees guyyaa Haacaaluun wareegamee irraa kaasuun waggoota afran darban kanatti fuula miidiyaa hawaasumama isheetiin hojiin ganama yeroo hiriibaa kaatu hojjettu suura Haacaaluu fi erga wareegamee guyyaa meeqa akka ta’e maxxansuudha.

“Guyyaa inni wareegame sanan tokko jedhee jalqabe. Waggaa afran kana osoo guyyaa tokkoof adda hin kunne amma guyyoota 1,560 gaheera. Guyyuu erga isa dhabnee guyyaa meeqa kan jedhun maxxansa. Kana hangan lubbuun jirutti adda hin kutu” jetti.

Hamma Haacaaluun Oromoof ta’e Oromoon Haacaaluuf hin taane

Naaroobikaa Baayisaa landanitti haqa Haacaaluu Hundeessaaf yoo hiriira bahan

Madda suuraa, Naaroobikaa

Haacaaluun waa’ee Oromoo waan hin dubbanne hin qabu kan jettu shamarreen kun, dhugaa fi gumaan isaa osoo hin baane turuun waan akkaan garaa nama nyaatu ta’uus dubbatti.

“Torbee tokko hoo’isnee torbee itti aanummoo dagannee ajandaa kan biraatti ceena. Dhiigni Haacaaluu Oromiyaa walaba baasa ture. Garuu nuti osoo dhugaasaas gumaasaas hin baasne mana keenyatti galle,” jetti.

Akkuma Haacaaluun Oromoo miidhame bakka jiran deemee jajjabeessee sagalee isaanii ta’ee dhageessisaa ture Oromoon amma lubbuun jirus miidhama oromoorra gahaa jiruuf sagalee ta’uu qabas jetti.

Wellisaa Haacaaluu Hundeessaa yeroo 'wayyaaneen aangorra ture' waltajjii Galma Barkumee irratti “Ka’i fardakeen loli Arat Kiiloof situ aane’ jechuun kan geerare qabsoo yeroo sana ture finiinsee onnee uummata Oromoos daran kan ittiin booji’e ture.

Haacaaluun A.L.A Waxabajjii 29, 2020 Finfinnee naannoo Kondominiyeemii Galaan jedhamuun beekamutti Rasaasan ajjeefame jedhame.

Ajjeechaa isaa hordofuun dheekkamsi uummataa kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti dhalachuun lubbuun lammiilee hedduu galaafatamuunis niyaadatama.

Namoota ajjeechaa Haacaaluutiin shakkamanii too’atamanii fi himanni irratti baname keessaas ajjeechaa kana raawwate jedhamuun namni Xilahuun Yaamii jedhamu hidhaa umrii guutuutiin adabame.

Gama biraatiin guyyaa wellisaan kuni ajjeefame isa bira kan turtee fi yeros too’atamtee kan turte Laamroot Kamaal ammoo bilisaan gadhiifamuunshee niyaadatama.

Leegaasii wellisaa Haacaaluu Hundeessaa itti fufsiisuuf jechas Faawundeeshiniin maqaa wellisaa kanaatiin hundaa’e hojiilee adda addaa hawaasaf hojjechaa kan jiru yoo ta’u, badhaasni Aartii Haacaaluu hundeesaas barana marsaa sadaffaaf gaggeeffama.