Deeggarsi namoomaa Tigraay seenaa jiraa?

Mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay kan uummatni miiliyoonaan lakkaawwamu deeggarsa atattamaa barbaaduuf deeggarsi seenaa jiraa jedha.

Waraanni gaaga'aan humnoota TPLF fi mootummaa Giddugaleessaa gidduutti waggaa lama dura eegale jalqaba ji'a kanaatti qaamoleen lameen waliigaltee waraana dhaabu Piriitooriyaatti mallatteesaniin goolabamuuf abdiin horatame.

Ofii amma naannicha keessatti warra deeggarsa fedhaniif deeggarsi dhiyaachaa jiraa?

Mootummaan Itoophiyaa maal jedhe?

Gorsaan nageenya biyyaalessaa Ministira Muummee Abiy Ahimad Ambaasaaddar Reedwaan Sadaasa 11 yaada maxxansanii tureen gargaarsi haala amma dura seenee hin turreen galaa jira'' jedhan.

Ibsa isaanii kanaan konkolaattootni fe'isaa 35 midhaan feanii kan biroon sadii ammoo qoricha fe'anii Shiree gahuu dubbatan.

Deeggarsi kun naannolee harka humnoota mootummaa jiran qofa osoo hin taane kan harka isaanii hin gallellee akka dabalatu himan

Dhiyeessii deeggarsaa kana wanti danqu hin turre hin jiraatu jedhaniis ture.

Reedwaan yaada isaanii kana madda oduu Rooyitarsiif yeroo ibsan kan galaa jira jechuun haasa'an gama mootummaa Itoophiyaan dhiyaatu ta'uufi kan dhaabbilee gargaarsaa yeroo kamittuu eegaluu akka malu himan.

Shireen magaalaa naannoo Tigraay mariin nagaa Piritooriya aeegalamuu guyyoota muraasa dura harka mootummaa Federaalaa galteedha.

BBC'n magaalaa Shireen alatti bakka biraa gahaa jiraachuu akka nuuf qulqulleessan Redwaaniin gaafatus hanga ammaadeebii hin arganne.

Maxxansa Reedwaan kan tiwiitaraa bulee mootummaan Itoophiyaa ibsa baaseen ''Tigraay bakka harka Raayyaa Ittisa Biyyaa jiran keessatti deeggarsa dhiyeessuuf tattaaffiin godhamaa jiraa'' jedha.

Gama Tigraayiin maaltu jedhame?

TPLF deeggarsi Tigraay galaa jira yaada jedhu irratti deebii laateen wanti mootummaan jedhu dhugaa miti jedheera.

Dubbii himaan TPLF Getaachoo Raddaa hanga Sadaasa 13'tti deeggarsi Tigraay gale akka hin jirre BBC'tti himan.

Yaada kan qondaalli TPLF biroon Piroofeesar Kindiyyaa Gebrehiwoot qooddachuu tiwiitara isaanii gubbaatti ''Uummatni keenya atattamatti deeggarsa danqaa hin qabne barbaada...waadaan galame raawwatee arguu feena'' jedhan.

Raawwii waliigaltee Piritooriyaa irratti magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti waliigaltee lammataa mallattaa'e irratti jaarsi araaraa Gamtaa Afrikaa Oliseegoon Obasaanjoo ''deeggarsi kaleessa eegalee galuu qaba ture'' jedhan.

''Atattamatti deeggarsi namoomaa danqaa hin qabne ni eegala'' jechuun gaaffii BBC'n dhiyeesseef deebii kennaniiru.

Ejensiiwwan gargaarsaa maal jedhan?

Deeggarsi namoomaa dhaabbilee gargaarsaa idila addunyaa kan UN yeroo dhumaaf kan Tigraay gale Waxabajjii 22 gama Affaariin isa magaalaa Maqalee seenedha.

Waxabajjii 23 ammoo xiyyaaraa deegarsi namoomaa Maqalee buufamee ture.

Yeros uummatni miiliyoona shan ta'an Tigraay keessatti beelaaf saaxilamuun Sagantaan Nyaataa Addunyaa ibsee ture.

Ergasii dhiyeessii deeggarsa namoomaa dhaabbile idila addunyaa ilaalchisee wanti ta'aa ture maali Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti damee dhimma kana ilaalu gaafannee ture.

''Nuti gargaarrtota keenya biroo waliin ta'uun qaamolee dhimmi ilaallatuun deeggarsa itti fufuuf mariitti turre. dhuunfaan Tigraay keessa socho'uu dabalatee'' jechuun dubbii himaan UNOCHA deebiseera.

''Deeggartootni namoomaa hayyamni deemaa jedhu kennamee sa'aatiiwwan 48-72 gidduutti deeggarsa achiin gahuuf qophiidha.''

Hojjetaan dhaabbata gargaarsaa tokko haasaa mootummaan Itoophiyaa naannoo Shireetti deeggarsa hiraa jira jedhu kufaa godheera.

''Deeggarsi kamuu magaalaa Shiree akka hin seenne dhorkameer'' jedhee ture hojjetaan deeggarsaa maqaan hin ibsamne.

Yoomi kan deeggarsi Tigraay gale?

Deeggarsi namoomaa naannoo Tigraay galuun waggoota lamaan darban waraanni itti gaggeefamaa ture keessatti dhibdee guddaa ture.

Ta'ullee yeron dhaabbileen gargaarsaa deeggarsa akka galchan hayyamameef tureera. Adoolessaa hanga Amajjii bara 2021 fi Bitootessa hanga Hagayyaa 2022tti ture.

Ji'ootaaf yeroon deeggarsi xiqqaan yookaan ammoo gonkumaa Tirgraay galaa hin turres tureera.

Sababootni ammoo waraanni hulaa deeggarsi itti galutti hammaachuu, daandiin cuccufamuu fi bu'uuraaleen misoomaa manca'uudha.

konkolaattootni gargaarsaa hayyama qaama mootummaa argachuuf harkifannaan tures rakkoo ijoo ture.

Mootummaan balaliiwwan qilleensaa deeggarsa fe'anii irratti to'annoon godhu jabaachuufi ulaagaan dhiyeessu dabaluunis mudateera.