Waliigalteen booda Tigiraayitti gatiin meeshaalee bu'uuraa hir'ataa jira

Jiraattonni Tigiraay erga oduun waliigaltee araaraa dhagahamee kaasee gammachuun itti dhagahamaa jiraachu dubbatu.

Akkasumas hojiirra oolmaa waliigaltichaa hawwiin eegaa jiraachun gabaafame. Akkasumas erga waliigalteen araaraa dhagahamee as magaala Maqalee keessatti gatiin gabaa gadi bu'uu eegaleera jedhu jiraattoonni.

Keessumaa meeshaalee bu'uuraa irratti gatiin isaa gadi bu'ee jira.

Fakkeenyaf, gatiin xaafii kuntaala tokkoo birrii 14,000 ture amma 8000tti gadi deebi'eera. Gatiin qamadii kuntaala tokkoo birrii 9000 irraa 3000tti gadi bu'ee jira.

Gatiin zayita nyaataa, sukkaaraa, barbaree fi kanneen biroos gadi bu'aa jiraachutu himame.

Namni hundinuu waa'ee marii nagaa torbee darbe Afrikaa Kibbaatti taasifamee haasa'a. Itti fufiinsa isaas eegaa jiru.

Jiraattota magaala Maqalee yaada isaan qaban BBCn iyyaafateera.

Raahel Abbaay haadha ijoollee lamaa, waa'ee marii nagaa walii galamuu isaa baay'ee akka gammadde dubbatti.

"Nuyi bakka waraanni itti gaggeeffamu jiraanna, waan lafa irra jiru dubbachuuf nuyidha kan malu. Diroonin nu haleelti sodaa jedhu osoo hin qabatin yoo xiqqaate kunoo socho'uu eegalleera," jetti.

Jiraattonni magaalattii hedduun isaanii yaada wal fakkaata qabu. Hunduu waa'edhuma marii nagaa haasa'a.

Belaay Taakkalaa nama ganna 32ti. "Nuti dhalattootni Tigraay, akkuma lammiilee Itoophiyaa biroo nagaan jiraachuu barbaanna.

Waraanni hangam gatii akka nama baasisu beekna. Garuu qaamoleen lamaan walii galan, walii galtee isaanii hojiitti akka jijjiran barbaanna," jedha.

Itti dabaluunis, "Waraanni Shaabiyaa bahuu isaanii oduu dhagahuun barbaada " jedha.

Uummanni Tigraay keessa jiraatan daandin gara naannoo Amaaraa fi naannolee Itoophiyaa biraatti geessu akka banamuu fi deeggarsi namoomaa akka Tigraay galu barbaadu.

Mata duree jiraattonni Tigraay heddumminaan irratti haasa'an keessaa waa'ee hiikkachuu humnoota Tigraayidha.

Heerri Itoophiyaa akka kabajamu ni barbaadu, garuu ammoo raayyaa ittisa biyyaa irraa amanannaa akka hin qabne dubbatu. Sababni isaanii ammoo waggoota lamaan darban keessatti yakkoota garaa garaa irratti raawwachuu dubbatu.

Tesfayee Adihaanom Adi Haqayi Maqalee keessatti daldalaadha. Waa'ee waraana Ertiraa ilaalchisee, "Hawaasni idil-addunyaa hanga yoomitti mootummaa Ertiraa irratti ijjannoo laafaa qabaata?" jechuun gaafata.

Angawoonni Tigraay walii galtee nagaa mallattaa'e akka fudhatan ibsaniiru. Gama biroon ammoo paartileen mormituu Tigraay keessa jiran marichi fedhii uummata Tigraay kan hin eegnedha jechuun akka hin fudhanne beeksisan. Dhalattoonni Tigraay biyya alaa jiraatanis waliigaltee nagaa mallattaa'e irraa shakkii akka qaban ibsu. Keessumaa humnoota Tigraay hiikkachiisuu kan jedhu irratti walii hin galan.

erga guyyoota muraasa darbanii asitti jireenyi fi sochiin hawaasaa Magaala Maqalee keessatti gara idileetti akka deebi'ee fi sochiin diroonis homtuu akka hin jirre BBC odeeffateera.