Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waliigalteen mallattaa'us ammallee gargaarsi Tigraay galaa hin jiru- WHO
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) waliigalteen dhukaasa dhaabuu mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti mallattaa'us ammallee gargaarsi midhaan nyaataa fi qorichaa gara nannoo Tigraay seenaa hin jiru jedhe.
Qaamoleen lameen torban darbe keessa ture Afrikaa Kibbaa, Piriitooriyaatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu kan mallatteessan.
Qabxiiwwan waliigaltee keessaa tokko gargaarsi namoomaa gara Tigraayitti hatattamaan akka eegalu ture.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti beela akka meeshaa waraanaatti fayyadameera jechuun himate.
Ulaan dhiheessii gargaarsa namoomaa cufamuusaatiin uummata naannochaa keessaa dhibbeentaan 90 ta'u rakkoof saaxilamee harka namaa eeggata jedhe UN.
''Waliigalteen mallattaa'us homaa raawwatamaa hin jiru,'' jedhan Daarektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teedroos Adihaanoom.
''Akkuma waliigalteen nagaa buusuuf mallattaa'een bariituu isaa midhaan nyaataa fi qorichi gara Tigraay seenuu ni eegala jedheen eegee ture. Kun hanga yoonaa ta'aa hin jiru.''
Dr Teedroos akka jedhanitti yeroo waliigalteen dhukaasa dhaabuu mallattaa'ee qondaaltonni gama lachuu mariirra jiran kanatti uummannoi Tigraay beelaan du'aa jira jedhan.
''Uummanni beelaa fi dhibeewwan silaa yaalamanii irraa fayyuu danda'aniin dhumaa jiru.''
Dhalataa Tigraay kan ta'an Dr Teediroos tajaajilli kominikeeshinii, baankii, fi tajaajiloonni bu'uuraa adda citanii jiran kaan akka dafanii bakkatti deebi'an gaafatan.
Uummanni miiliyoona ja'a waggoota lamaan darbaniif akka waan hin jirreetti addunyaarraa moggaatti baafamee dhokfamee ture jedhan qondaalli dhaabbata fayyaa addunyaa kun.
Qondaalli Itoophiyaa maqaan hin eeramne tokko, midhaan nyaataa fi qorichi gara naannoo Tigraay seenaa jiraachuu eeranii, Dr Teedroos garuu waliigaltecha gufachiisuuf adeemaa jiru jechuun himatan.
Qondaalli kun akka jedhutti tajaajilli bilbilaa fi ibsaa bakkeewwan muraasatti deebi'eera.
Waliigaltee nagaa torbee darbe Afrikaatti erga mallatteessanii booda qondaaltonni mootummaa federaalaa fi humnoonni Tigraay Keeniyaa, Naayiroobiitti mari'ataa jiru.
Marii Wiixata, Sadaasa 7, 2022 eegale kanarratti ajajoonni waraanaa olaanoon gamlachuu hirmaataa jiru.
Marii kanaan ajandaan duraa akkaataa hidhattoota TPLF hiikkachiisuun danda'amuu fi dhiheessii deeggarsa namoomaa danqaa malee itti fufsiisuu akka ta'e ibsameera.
Keeniyaatti dipiilomatiin Itoophiyaa akka himanitti mariin kuni hanga Jimaataa itti fufa.