Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hireen Tigraay fi hariiroon uummanni naannichaa kaan waliin qabaatu maal ta'a?
Wal waraansi Kaaba Itoophiyaatti mootummaa federaala fi humnoota Tigraay gidduutti gaggeeffamaa ture, waraanichi itti fufiinsaan akka hiikamuuf qaamoleen lamaanuu waliigaltee nagaa mallateessanii jiru.
Waraanni waggoota lamaaf ture naannoo Tigraay bira darbee naannolee akka Amaaraa fi Affaaritti lubbuu lammiilee hedduu galaafatee, qabeenya danuu barbadeessee, miliyeenota qa’eesaanii irraa buqqaasun harka namaa akka ilaalan taasiseera.
Bakkeewwan waraanni itti gaggeeffamaa ture, keessumaa naannoo Tigraayitti deeggarsi namoomaa addaan cituun, taajiliwwan bu’uuraa kanneen akka ibsaa, baankii, telekoomii addaan cituu irraa kan ka’e ummanni baay’ee miidhamee ture.
Qaamoleen waraana irratti hirmaatan sarbama mirgoota dhala namaa guddaa irratti hirmaachuu isaanii UN fi qaamoleen mirgoota namoomaaf falman biroon yeroo garaa garaatti ibsaa turan.
Gama biroon ammoo waraanni kun walitti dhufeenya hawaasa gamaa gamanaa gidduutti daandii qoraattii uumera.
Waraana balaafamaa kana dhaabuuf qaamoleen lamaan Afrikaa Kibbaati waliigaltee irra gahuu isaanitiin badii waraana kanaan dhaqqabe sirreessuf tattaaffiwwan garaa garaa godhamuu akka qaban waliigalticha irrati ibsameera.
Marii itti aansee taasifamu irrattis dhimmi kun caalmatti ka’ee xiyyeeffannoo akka argatus ibsameera.
Madaa fi badii waraanni kun geessiseen walqabatee carraan Tigraay gara fuulduraa maal ta’a? Hawaasa Tigraay biraatti haalli waraana duraa fi booda jiru irratti ilaalchi jijjiirameeeraa?
Gaheen mootummaa fi TPLF maal ta’uu danda’a? gaaffileen jedhan bal’inaan ka’aa jiru. Dhimmoota kana xinxaaluf namoota siyaasaa, gaazexeessa fi dhalattoota Tigraay dubbisuu yaallera.
Waliigaltee nagaa
Mariin nagaa guyyoota kudhaniif Afrikaa Kibbaatti gaggeefamaa ture Sadaasa 2, 2022 nagaa buusuf waliigaltee walii mallatteessun isaanii oduu gaarin dhagahame.
Waliigaltee kanaanis mootummaan federaala fi TPLF itti fufiinsa waraana dhaabuf akkasumas TPLF hidhannoo hiikkachuuf waliigalaniiru.
“Waliigalteen marii kanaa adda dureedhaan waraanicha dhaabsisuu danda’uu qaba,” jedhu Walitti Qabduu Mana Maree Paartilee Siyaasaa kan ta’an Dr. Raahel Baafee.
Itti dabaluunis, “Waraana dura gara mariitti akka dhufaniif yeroo heddu gaafatamanis fedha hin qaban ture. Amma kun hundumaaf filannoo dhumaati. Kana booda kan murteessu uummata” jedhan.
Uummanni Tigraay baay’ee miidhame “boqonnaa argachuu qaba. Kanaaf carraan uummata Tigraay harka isaanii jira jennee dhiisudhaaf dhiibban, ukkaamsan irraa ka’uu qaba. TPLF murteessuu akka hin dandeenye erga hubatamee, bifa uummanni ofii isaatii ittiin murteessu uumamuufii qaba,” jedhu Dr. Raahel.
Gaazexeessituu fi hundessiistuu barruu Addis Standard kan taate Tsadaalaa Lammaas haaluma wal fakkaatun murteen kan uummataa ta’uu qaba yaada jedhu qabdi.
“TPLF Itoophiyummaatti kan amanuu fi qaama federeeshinichaati. Garuu, kana murteessuu kan danda’u paartii osoo hin taane uummatichuma mataa isaati,” jetti.
“Rifarandamii gaaffachuun mirga heerati” jechuun uummanin Tigraay mirga waan barbaade murteeffachuu akka qabu dubbatti.
Dr. Raahel ammoo TPLF naannicha waggoota soddoman darbaniif olaantummaan bulchaa ture waan ta’eef kana booda aangoo gadi lakkisuu akka qabu amanu. Mootummaanis uummanni waan barbaade akka murteessuf haala mijeessufii akka qabu himu.
“Mootummaan wantoota bu’uuraa guutun murtee isaa uummata Tigraayif dhiisuu qaba jedheen amana. TPLF harka kennuun yoo itti ulfaate naannicha gadhi dhiisee bahuu qaba,” jetti.
“Uummanni Tigraay bulchiinsa yeroo hundeessun, naannoo isaa bulchuun maaltu na baasa kan jedhu murteessuf mootummaan haala mijeessaf” jechuun kuni akkamitti akka galma gahu ibsu Dr. Raahel.
Waraana waggaa lamaaf naannichatti gaggeeffameen wal qabatee uummanni Tigraay waa’ee carraa isaanii gara fuulduraa irratti yaada jijjiirrate qabaachuuf dhiisuu kan gaafatamte Tsadaalan dhugaan hin haalamne akka jiru dubbatti.
“Waanta waraanni Ertiraa isaan irratti raawwate ilaalun fira akka hin qabne fi akka gataman isaanitti dhagahamuu danda’a. Kanaaf ilaalchi isaan Itoophiyaadhaf qaban akka yeroo waggaa lama duraa ta’uu hin danda’u.”
“Gaheen isaan Itoophiyaaf qaban maal akka ta’e beekamaadha. Gaheen isaan gama seenaa, aadaa fi amantiitin Itoophiyaaf oolan salphaa miti. Garuu, ammoo kana waan mootummaan Itoophiyaa uummata Tigraay irratti raawwate wajjin wal qabasiisanii ilaalun barbaachisaadha,” jetti Tsadaalan Tigraayin ala seenadhaanis ta’ee amantiidhan waa’ee Itoophiyaa yaadun akka hin danda’mne yoo isbistu.
Waraana irratti hirmaannaa Ertiraa
Waraanicha mormaa kan turte Tsadaalan, “Uummanni Tigraay waan gatame yoo itti fakkaates itti hin murtaa’u. Uummatichi dagatameera, dagatamuu osoo hin taane bulchiinsa ollaa haaloo bahuu barbaaduf dabarfamee kennameera” jetti.
Ertiraan waraana kana irratti hirmaachun ishee haalonni caalmatti wal xaxoo akka ta’an taasisuu isaa dubbatti.
“Giddu galtummaan Ertiraa Tigraay qofaa osoo hin taane akkuma biyyaattuu haalonni wal xaxoo akka ta’an taasiseera. Kuni gaaffii birmadummaati. Kanaaf ammoo itti gaafatamaan mootummaa federaalati,” jetti Tsadaalan.
Itti dabaluunis, “Nageenyi uummata Tigraay humna alaa dhufee weerareef dabarfamee kennamuun isaa Itoophiyaa irraa adda baana yoo jedhan illee waan nama ajaa’ibu miti” jetti.
Dursinee rakkoo keenya ofii furuu dadhabuun keenya mootummaan Ertiraa gidduu akka galuuf carraa akka uumes ni kaasti Tsadaalan.
“Jalqaba irratti dhimma keessoo biyyaa mootummaa fi TPLF mariidhan osoo fixanii waa’en Ertiraa baay’ee rakkisaa natti hin fakkaatu. Kuni hundi kan ta’e rakkoo keessoo keenyaa ka’eeni. Isa dursinee hiikuu qabna,” jetti.
Gama biraan ammoo uummanni Itoophiyaa hirmaannaa Ertiraa balaaleffachuu dhabuun isaa haalonni rakkisoo akka ta’an godheera jettee akka amantu dubbatti.
“Hawaasa sivilii, dhaabbilee amantii fi qaamolee siyaasaa keessaa waraanni Ertiraa akka bahun kan morme jiraa? Dhugaa dubbanna yoo jenne humni Ertiraa akka bahuuf waamicha kan godhe hin jiru. Haala kana keessatti uummanni Tigraay miirri maalii akka itti dhagahamutu eegama?” jechuun gaafatti.
Dr. Raahel ammoo barri aangoo TPLF dhumataa akka dhufe amanu. “TPLF osoo hin barbaadin barri isaa itti dhumeera. Waanti tokko guddatee deebi’ee kufuun isaa adeemsuma uumamaati. Sababa dogoggora isaani fi siyaasa haala qabatamaa yeroo duuka hin deemne isaan hordofaniitin uummanni maalif miidhama?”
“Murteen kan uummataa ta’uu qaba”
Akkaataa waliigaltee qaamolee lamaanitti, naannichatti filannoon hanga gaggeeffamutti mootummaan cehuumsaa ni hundaa’a.
Madaa fi gadoo sababa waraanatiin uumame araara fi haqa yeroo cehuumsaa kennamuun fayyisuun ni danda’ama kan jedhan jiraatanis qaawwi duuduu hin dandeenye uumameera jedhanii kan yaadanis jiru.
Yuunivarsiitii Yuulitti kaadhimamaa PhD kan ta’e Goyitom Gabreli’ul naannichi walitti dhufeenyi naannolee biroo waliin qabu baay’ee miidhamaa ta’uu irraa kan ka’e “Tigraay qaama Itoophiyaa taatee itti fufuuf carraan isheen qabdu baay’ee dhiphaa” ta’uu amana.
Waraana waggoota lamaanitiin yakki Tigraay keessatti raawwatameen, “waraanaf falli siyaasaa yoo argame illee dhalataan Tigraay tokko waggoota 10 ykn 20 booda ajjeechan jumlaa akka hin jiraannef wabiin inni qabu maal akka ta’e gaafachuun isaa waan hin oolledha” jedha.
“Kanaaf, badiin wal fakkaatan gara fuulduraatti akka nurratti hin raawwanneef biyya mataa keenyaa hundeessina” yaada jedhutti cimsee amana.
Kun ammoo heerri Itoophiyaa mirga uummatoota Itoophiyaa gonfachiise waan ta’eef, “mirga ofiin of bulchuu hanga foxxoquutti” kan jedhu mormuun heerichuma mataa isaa mormuu akka ta’e dubbata.
Miirri akkasii dhalattoota Tigraay heddu biratti mul’ata- keessumaa dhalattoonni Tigraay biyya alaa jiraatan kan BBCn dubbise fedhii kana akka qaban ibsu.
Warri kaan ammoo, amma dursuu kan qabu waraanni dhaabatee uummanni naannichaa rakkoo keessa jiru deeggarsa argachuu fi deebisanii dhaabudha jedhu.
Kanas ta’e sana Tsadaalaa Lammaa, Dr. Raahel fi dhalattoonni Tigraay BBCn dubbise hireen Tigraay uummata Tigraayin akka murtaa’u irratti walii galu.
Hubachiisa: Barreeffama kanaaf jecha af-gaaffin kun kan godhame waliigalteen marii nagaa mootummaa fi TPLF gidduutti osoo hin mallataa’in ture.