"Marii itti aanu Maqaleetti teenya, dhumarratti Finfinneetti eebbifachuuf abdanna" - Uhuruu Keeniyaataa

Marii nagaa mootummaa Itoophiyaafi humnoota TPLF gidduutti Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti eegaleen hanga tokko fuulduratti tarkaanfachuun amma Naayiroobii gahuu kan himan Pirezidantiin duraanii Keenuyaa Uhuruu Keeniyaataa, "itti aansee Maqaleetti teenyee dhuma irratti Finfinneetti akka eebbifannu abdii qabna," jedhan.

Uhuruu Keeniyaataa ''aanga’oonni lamaan dhimmicharratti mari’achuuf asitti argaman waahillan kanaan dura waliin hojjatan'' erga jedhaniin booda, ‘‘dhuma adeemsichaa irratti Itoophiyaa fooyyessuufi faayidaa qaxanichaatiif bu’aa gaarii ni galmeessisu amantaa jedhuun qaba,” jedhan.

Itoophiyaa fi TPLF Afrikaa Kibbaatti waliigaltee nagaa mallatteessanii guyyoota muraasa booda toora bilbilaa (hotline) ittiin waliin haasa’uu danda’an Sadaasa 7, 2022 wayita aanga’oonni waraanaa garee lamaanii Naayiroobii Keeniyaatti wal argan banachuu isaanii ifa godhaniiru.

[Hotline] tooftaa dhimma adda ta’eefi ariifachiisaa aanga’oonni ykn mootummoon waliin haasa’uuf banatanidha.

Garee kun lameen adeemsa hidhannoo hiikkachiisuu, deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu fi Tigraay keessatti tajaajila bu’uuraa bakkatti akka deebi’u irratti marii taasisuuf dureewwan humnoota waraanaa qaamolee lamaanii Keeniyaa- Naayiroobitti Wiixata Sadaasa 7, 2022 marii eegalaniiru.

Mariin qondaaltota kanneen jidduutti gaggeeffamu kunis guyyoota sadan ittaananiif kan turu ta’uun ibsame.

Gamtaa Afrikaatti Ergamaan Addaa Gaanfa Afriikaa, Oliiseengoon Obaasaanjoo adeemsa marii kanarraa abdii guddaa qabachuu ibsan.

“Waliigaltee nagaa mallatteessuu hordofee adeemsa kanaratti anaaf mallattoon dura isaan lamaan toora bilbila wal jijjiiruudha.”

Qondaaltoonni waraanaa olaanoon gama lamaanis haaluma waliigaltichaatiin mariidhaaf asitti argamuunsaanii adeemsi jiru haaluma qabameen deemaa jiraachuun isaa namoota hundaaf abdii kenna kan jedhan Obsanaajoon, milkaaʼinni akka argamu akka amananillee himan.

Marii kana qindeessaa kan jiran Obaasaanjoo fi Pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaatan nagaan waara’aa waggaa tokkoo keessatti akka argamu amantiisaanii ta’uu ibsan. 

Waltajjii marichaa irratti kan dubbatan gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Redwaan Huseen, gargaarsi nyaataafi meeshaleen barbaachisoo ta’an kan akka qorichaa namoota miidhamaniif akka qaqqabu jabeessanii ibsaaniiru.

“Bakkewwan qaqqabuu hin dadeenye dafnee tajaajila akka telekoomii, ibsaa fi baankii deebisuu qabna.

Uummanni keenya nyaataafi qoricha saffisaan argachuu qaba. Kanaaf, akkuma ministirri muummee jedhanitti hundi keenya waa’ee durii irraanfannee abdii haaromsuufi egeree keenya tolfachuu qabna,” jedhan Ambaasaaddar Redwaan.

Dubii himan TPLF Obbo Geetachoo Raddaa waliigaltee dhabuufi ilaalcha siyaasaa addaddaa qabachuunsaanii uummataa nagaa miidhuu hin qabu jedhan.

“Akkuma waliigaltee keenya keessatti argitan wantoonni hojatamuu qaban baay’eeti jiru. Tajaajila bu’uuraa dhiyeessuun isaan keessa tokkoodha. Akkuma tajaajilli dabaluun kan amanamummaan dabalu, akkasumallee odeeffannoo dabaluun abdii uummataa nagaa nuti argamsiisuu barbaannu kanaaf dabala.

“Akkuma duraan jenne waliigaltee kana kabajuuf kutannee jira; hunda caalaammoo, Biraanuu Juulaa fi Taaddasaa Warradaa waliigaltee irra geenya kana hojiirra oolchuuf akka yaadan itti dhiifneerra,” jedhan Obbo Geetachoon

Haaluma waliigaltee nagaa mootummaan Itoophiyaa fi TPLF Sadaasa 2, 2022 Afrikaa Kibbaatti waliin mallatteessaniitin, TPLF haala nageenya qabatamaa lafa jiru hubannoo keessa galcheetiin hidhannoo hikkachiisuuf waliigaluunsaa ni yaadatama.

Haaluma kanaanis mootummaa federaalaa bakka bu’uun Maarshaal Fiilidi Biraanuu Juulaa, akkasumas gama TPLF ammo Jenaraal Taaddasa Warrada mariidhaaf Naayiroobii galaniiru.

Waliigaticha irratti dhimma ijoo kan ta’e waa’ee hidhannoo hiikachisuu ilaalchisee qaamooleen lamaanuu Itoophiyaa keessatti humni ittisaa tokko qofti akka jiraatu waliigalterra gahaniiru.

Haaluma waliigalte kanaatiin waliigaltichi mallattaa’ee sa’aatii 24 keessatti qondaaltoonni waraanaa olaanoon walitti dhufeenya eegalan.

Waliigalteen Piritoriyaatti mootummaafi TPLFn mallattaa’ees erga qoondaaltoonni waraanaa wal arguun adeemsa hidhannoo hiikkachiisuu baasanii booda guyyoota kudhan jiran keessatti adeemsi hidhannoo hiikkachu ni xumurama jedhamee eeggama.

Haata’u malee, guyyaan kudhan kaa’ame haaluma yaadaa qondaaltoonni waraanaa lamaan kennanii fi qaamoolee lamaaniin mirkanaa’een dheereeffamuu danda’a.

Guyyoota 30 waliigaltee kanaatiin boodas meeshaalee waraanaa xixiqqaa hanga gurguddaa dabalatee hidhannoo hikkachiisuun gutummaan ni xumurama.