Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qondaaltoonni waraanaa Itoophiyaafi TPLF har’a Naayiroobitti wal argan
Waliigaltee nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti guyyoota muraasaan dura mallattaa'e hojiirra oolchuu keessaa tokko kan ta’e, adeemsa hidhannoo hiikkachiisuu irratti marii taasisuuf dureewwan humnoota waraanaa qaamoolee lamaanii Keeniyaa- Naayiroobitti har'a marii eegalaniiru.
Ajajaan Waliigalaa Raayyaa Humna Itiisa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa fi Ajajaa olaanaan Humnoota Tigraay Taaddasa Warrada Sadaasa 7, 2022 marii eegaluun himameera.
Mariin qondaaltoota kanneen jidduutti gaggeeffamu kunis guyyoota sadan ittaananiif kan turu ta’un ibsame.
Waltajjii marichi itti ifa taasifame irrattis mariicha dahoo Gamtaa Afriikaa jalatti qindeessaa kan jiran pirezidantiin Naayijeeriyaa duraanii Oliisungoon Obaasaanjoo fi Pirezidantiin Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaatan argamaniiru.
Haaluma waliigaltee nagaa mootummaan Itoophiyaa fi TPLF Sadaasa 2, 2022 Afriikaa Kibbaatti waliin mallatteessaniitin, TPLF haala nageenya qabatamaa lafa jiru hubannoo keessa galcheetiin hidhannoo hikkachiisuuf waliigaluunsaa ni yaadatama.
Haaluma kanaanis guyyoota shan waliigaltee qaamoolee lamaan jidduutti taasifame kanaan boodaa aanga’oonni waraanaa olaanoon gama lamaaniirraa qaamaan wal arguun adeemsa hidhannoo hikkachiisuu irratti ni mari’atu jedha.
Kana hordofees waliigaltichi mallattaa’ee guyyaa shanaffaa isaa irratti mootummaa federaalaa bakka bu’uun Maarshaal Fiilidi Biraanuu Juulaa akkasumas gama TPLF ammo Jenaraal Taaddasa Warrada mariidhaaf Naayiroobii galaniiru.
Waltajjii qondaaltoonni waraanaa kunneen irratti wal argan irratti marichi jalqaba ifa wayita taasifamu, Gamtaa Afriikaatti Ergamaan Addaa Gaanfa Afriikaa, Oliiseengoon Obaasaanjoon, qaamoonni marii Piritoriyaa guyyoota 10niif dadhabe osoo hin jedhiin gaggeessan waliigaltee guyyoota shaniin dura mallattaa’ee irra gahameera jedhan.
Qondaaltoonni waraanaa olaanoon gama lamaanis haaluma waliigaltichaatiin mariidhaaf asitti argamunsaanii, fiixaan bahiinsii waliigaltichaa kallattii sirrii irra akka jiru kan agarsiisuudha jedhan Obaasaanjoon.
Uhuruu Keeniyaataa gamasaanitiin aanga’oonni lamaan dhimmicharratti mari’achuuf asitti argaman waahillan kanaan dura waliin hojjatan erga jedhaniin booda, ‘‘dhuma adeemsichaa irratti Itoophiyaa fooyyessuu fi faayidaa qaxanichaatif bu’aa gaarii ni galmeessisuu amantaa jedhuun qaba’’ jedhan.
‘‘Marii Pirotoriyaatti eegallee amma taakkuu walitti siquun Naayiroobii irratti argaman. Itti aansee ammo Maqaleetti akka ta’u abdiin qaba. Achinis dhumarratti Finfinneetti kabajana. Kun kadhannaa fi abdii keenya’’ jedhan Uhuruu Keeniyaataan.
Waliigaltee hidhannoo hiikkachiisuu
Waliigaticha irratti dhimmi ijoo kan ta’e waa’ee hidhannoo hiikachisuu ilaalchisee qaamooleen lamaanuu Itoophiyaa keessatti humni ittisaa tokko qofti akka jiraatu waliigalte irra gahaniiru.
Haaluma waliigalte kanaattis waliigaltichi mallattaa’ee sa’aatii 24 keessatti qondaaltoonni waraanaa olaanoon walitti dhufeenya eegalu.
Waliigalteen Piritoriyaatti mootummaa fi TPLFn mallattaa’ees erga qoondaaltoonni waraanaa wal arguun adeemsa hidhannoo hiikkachiisuu baasanii booda guyyoota kudhan jiran keessatti adeemsi hidhannoo hiikkachu ni xumurama jedhamee eeggama.
Haata’u malee guyyaan kudha kaa’ame haaluma yaadaa qondaaltoonni waraanaa lamaan kennanii fi haaluma qaamoolee lamaaniin mirkanaa’een dheereeffamu danda’a.
Guyyoota 30 waliigaltee kanaatiin boodas meeshaalee waraanaa xixiqqaa dabalatee hidhannoo hikkachiisuun gutummaan ni xumurama.