Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tartiiba yeroo waraana Tigraay waggoota lamaan darbanii
Humnootiin Tigraay waraanaa federaalaa kaaba biyyatiitti buufatee ture irratti haleellaa banuu isaanii hordofee waraana Sadaasa 4, 2020 Tigraay keessatti eegale kunoo amma waggaa lama qabateera.
Taateewwan ijoo waggoota darban lamaan keessatti waraanaan wal qabatee mudatan isaan kana.
Waaraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaan darbaniitti mudateen walqabatee sarbamoonni mirga namoomaa hedduun raawwatamuu gabaafameera.
Miidhaawwan kanneen keessaa tokko miidhaa saal- quunnamtii shamarraniifi dubartoota irratti raawwatameedha.
Akka gabaasaaleen dhaabbilee dhimma kanarratti hojjatan jedhaniitti, miidhaan saal-quunnamtii kunneenis Itoophiyaa keessatti Tigraayiin dabalatee eddoowwan garaagaraatti, qaamoolee garaa garaatiin raawwatame.
Akka odeeffammoonni dhaabbata Armed Conflict Location & Event Data Project jedhamu irraa argameetti qaamooleen miidhaa saal-quunnamtii raawwataniiru jedhaman akka argamaan gadiitti errgamaniiru.