Bulchaan Godina Addaa Saba Oromoo Obbo Ahimad 'finxaaleyyiin' ajjeefaman

Bulchaan Godina Addaa Saba Oromoo Obbo Ahimad Ali Ibree guyyaa Jimaataa magaalaa Kamisee keessatti qaamolee mootummaan 'finxaaleyyii' jedheen itti dhukaafamee ajjeefamuu beeksise.

Naannoon Amaaraa fi Kominikeeshinii Mootummaa Godina Saba Oromoo ibsa baasaniin, masjiida magaalaa Kamisee ture keessa sagadanii osoo gara manaa deebi’aa jiranii ajjeefamuu ibsan.

Obbo Ahimad qaamolee mootummaan ''finxaaleyyii farra nagaafi tokkummaa ta’an'' ittiin jedheen itti dhukaafamuun ''ganna 39’n wareega ta’aniiru’’ jedhe ibsi Naannoo Amaaraa.

Godinni Addaa Saba Oromoo gama kominikeeshinii isaatiin kanneen ajjeechaa raawwatan hidhattoota 'Shaneedha' jechuun himate.

''...masjiida Kamiseetti salaata jum'aa soolatan booda gara mana isaanii osoo deebi'aa jiruu dhukaasa garee Sheeneen [Shanee] godhameen umurii waggaa 39tti wareegame,’’ jechuun ibse.

Ajjeechaa booda gadda isaanii kan ibsan Ministirri Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Dr Laggasaa Tulluu ''gatii dhugaafi nagaaf kanfalamedha.

''Obboleessakoo lubbuukee jannatatti haa qananiitu,’’ jechuun barreessaniiru.

Godinni Addaa Saba Oromoo bulchaan isaa ajjeefaman koree giddugaleessaa paartii biyya bulchu akka ta'an ibseera.

Naannoon Amaaraa keessa humnoonni mootummaa waggaa dura eegalee hidhattoota Faannoo waliin lolatti jiru.

Lolli kun gara caalu Godina Addaa Saba Oromoon ala kan taasifamaa jiru yoo ta'u, hanga ammaattis aanga'oonni mootummaa fi miseensonni nageenyaa naannichaa yeroo garaa garaatti hidhattootaan ajjeeffamaa turuun ni yaadatama.

Haata'u malee, godinni Addaa Saba Oromoo kunis ajjeechaa irra deddeebiin raawwaturraa bilisa miti.

Baranuma baatii Bitootessa keessa walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo fi Godina Kaaba Shawaa keessatti mudateen lubbuun namaa darbuun ala miidhaan qaamaa qaqqabuufi hawaasnis qe'eerraa buqqa'eera.

Walitti bu'insa kana ilaalchisuunis Ameerikaan yaadda'u ibsuun ishee ni yaadatama.

Ajjeechaafi badii irra deddeebiin godinichaafi ollaa godinichaatti mudataniif hidhattooti Faannoo fi 'Shanee' ni himatamu.

Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan 'Shanee' jedhuun waamus akka Godina Addaa Saba Oromoo keessa sosso'an aanga’oonni kana dura ibsaniiru.

Gama Godina Addaatiin ammoo hidhattoonni naannoo Amaaraa keessa socho'an yeroo garaa garaatti miidhaa akka irraan gahan Jiraattoonni BBCtti himun ni yaadatama.

Naannoon Amaaraa Obbo Ahimad obbolummaa akka dagaaguufi fedhiin ummataa akka galma gahu nama hojjetaa turaniifi finxaalessummaa cimsanii irratti qabsaa’an turan jedhe.

Godinichi akka ibsetti aangawaan kun ALI Bara 1998 eegalee godinicha keessa sadarkaa gara garaaratti hojjetaa turani.

Ajjeechaa aanga'aa kanaan wal qabatee namoonni to'ataman jiraachuun ammatti BBCn adda hin baafanne.