Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qorattoonni hawaa yoo buufata hawaa keessatti ugguraman akkam ta'u?
Dhiheenya kana qorattoonni hawaa lama Nasa irraa gara hawaa imalan yeroo itti deebi'uuf karoorfatanitti deebi'uu dadhabuun hawaa keessatti ugguramaniiru.
Qorattoonni hawaa Saanitaa Wiiliyaams fi Baach Wilmoor guyyaa saddeetiif gara hawaa imalan, amma Buufata Hawaa Idiladdunyaa (ISS) keessatti ji'oota lamaa ol dabarsaniiru.
Xiyyaarri isaan ittiin imalan gara dacheetti isaan deebisuu hin dandeenye. Xiyyaarri saayintistoota hawaa kana qabattee gara hawaa imalte oomisha Booying yoo taatu maqaanshee Starliner jedhamti.
Qondaaltonni olaanoon Nasa Hagayya 7 ibsa kennaniin, rakkoon teeknikaa xiyyaara Starliner mudate balalii gufachiisuu eeran.
Injinaroonni xiyyaarattii lafarratti sakatta'aa turan qilleensarratti rakkoon guddaan haganaa akkamitti akka mudate bitaa itti galeera.
Ammoo booda orbitii irratti sakatta'iinsa gaggeeffameen qaamni xiyyaarattii balaliisuuf gargaaru akka hojjetu bira ga'ame, kunimmoo burjaajii duraan ture ittuu hammeesse.
Garuu hanga injinaroonni xiyyaarattiin hojjechuu guutummaatti mirkaneessuun ofitti amanamummaa guutuurra ga'anitti Starliner nama qabattee gara dacheetti deebi'uu hin dandeessu.
Murtee dhumaarra hin ga'amne, garuu kan dubbatamaa jiru tokko xiyyaarattii nama osoo hin fe'in qullaa gara dacheetti ergamuu dandeessi kan jedhuudha.
Nasa keessatti daarektarri oppireeshinii imala hawaa Keen Boowarsoksi ''haalota mudatan irraa ka'uun carraan Starliner osoo nama hin fe'in gara dachee deebisuu guddaadha,'' jedhan.
''Yeroo wayiitti qorattoota hawaa lameen, Baach fi Saanitaa gara dachee akka deebisnu ni beekna,'' jedhan qondaalli Nasa kun.
Garuu yeroo dhiyootti jedhanii haalli itti dubbachuu danda'an hin jiru. Starliner yoo qullaa gara dacheetti deebite qorattoota hawaa Buufata Hawaa Idiladdunyaa keessatti ugguramaniif mala biraa akka barbaadan ibsaniiru.
Nasan xiyyaar samii nama afur baattu- SapceX Crew Dragon gara hawaa erguun ittiin deebisuuf akka jiru yaada dhiheesseera.
Xiyyaar-samii kanaan gara hawaa kan imalan qorattoota hawaa lama yoo ta'an isaanis hanga Guraandhala 2025 turu.
Kanaafuu Baach fi Saanitaan kan guyyoota saddeetiif gara hawaa imalan ji'oota saddeet turuuf dirqamaniiru.
Qorattoota hawaa yeroo ammaa ISS keessa jiran keessaa afur Fulbaana dhufu gara dacheetti kan deebi'an yoo ta'u, qaorattoota afur gara hawaa deemuuf jedhan fi qorattoota Raashiyaa sadi ISS keessatti hafantu waliin turu.
Waliigalatti qorattoota hawaa torba ta'antu ISS keessa turu jechuudha.
Buufata Hawaa Idiladdunyaa (ISS) keessatti ugguramanii turuun akkaan hamaa ta'uu ibsa qorataan hawaa Nasa Viktar Giloovar.
Saayintistiin Nasa kun bara 2020-21 ji'oota ja'aaf ISS keessa jiraateera.
''Yeroo ammaa buufati hawaa kutaa ciisichaa torba fi mana qulqullinaa sadi qaba. Kana keessa torba ta'anii turuun ni cima.''
Nyaati fi bishaan rakkoo miti. Ammoo yeroo ammaa diyeessiin akkaan dabalaa jira, kana jechuun hanqinni soorataa hin jiru jechuudha.
Keessi isaa nama dhiphisuu danda'a, garuu karaa foddaa wayita hawaa mil'attu soora qalbii namaaf ta'uun dhiphina nama dagachiisa.
Saanitaa Wiiliyaams fi Baach Wilmoor qorattoota hawaa muuxannoo qabaniidha. Saayintistoonni kunneen buufata hawaa cimsuu, iddoo turtii mijeessuu, shaakala saayinsaawaa taasisuufi shaakalliiwwan biroo taasisuun baayyee beekamu.
Michummaan qorattoonni hawaa kunneen buufata hawaa waliin qaban wantoota barbaachisan hunda namoota garas deemaniif akka hojjetan isaan taasiseera.
Hojii mana keessaa dabalatee waan hedduurratti isaantu waamama.
Fakkeenyaaf hojii kaargoo, soorata mijeessuu fi qulqullina waliin walqabatan kan adda durummaan hojjetan isaani.
Buufata hawaa keessatti dafqi fi fincaan dhala namaa deebi'ee hojiirra ooluun bishaan dhugaatiitti geeddarama.
Bara 2000 irraa eegalee qorattoonni hawaa buufata hawaa keessaa dhabamanii hin beekan. Kana jechuun sana duras namoonni buufata hawaa keessa jiraachaa, keessaa hojjechaa hin turre jechuu miti.
Qorataan hawaa Sooviyeet Sergee Kirikaalev Caamsaa 1991 wayita gara buufata hawaa imalu ji'oota muraasaaf ture.
Torbanoota imala kana dura turan keessatti hunduu gara hawaa imaluuf karoora qabatee ture, imala hawaa Biriteen jalqabaa Helen Sharman dabalatee jechuudha.
Wayita Kirikaalev gara hawaa imalu dacheen biyyasaa walqoqqooduutti galte.
Hagayya keessa mata-jabeeyyiin warra komiyunistii dursaa Sooviyeet Mikaa'el Gorbacheev fonqolchuuf wayita yaalan daandiin magaalaa Moskoo taankiidhaan guutamee ture.
Yeroo sana Kirikaalev buufata hawaa keessa taa'ee maatii isaa lafa jiraniif yaadda'aa ture. Akkasuma maatiinsaa ammoo isaaf yaadda'aa akka turan hime.
Ji'a afur booda mootummaan Sooviyeet kufe. Kirikaalev fi waahilli isaa Aleksaandar Volkov yoom fi haala kamiin akka gara dacheetti deebi'an yaaddoo ta'e.
Yeroo kana bakki Sooviyeet imala gara hawaa irraa eegaltuu fi deebitee qubattu Kazaakistaan ta'e. Kana jechuun mootummaan Raashiyaa sagantaa hawaa hojiitti hiikuuf mari'atee waliigaluu qabaata jechuudha.
''Buufata hawaa keessatti dagatamuu keenya dhageenye. Garuu dagatamuu jechi jedhu soba, sababni isaa guyyuu warra dacheerra jiran waliin walquunnamaa turre. Waan nu barbaachisu hunda argachuuf balaliin guyyuu ture. Hunduu akkaataa karooraan nuuf dhufaa ture,'' jedhe Kirikaalev.
Sooviyet Yuuniyen dhiisee kan deemee qorataan hawaa kun waggaa tokko erga orbitii irra turee booda biyya haaraa- Raashiyaa jedhamtutti deebi'e.
Kanarraa wanti hubatamu imala gara hawaa yeroo jedhamu wanti miira sodaa keessa nama galchu akka hin jirredha.
Dhimma xiyyaar-samii rakkoon mudate- Starliner ilaalchisee odeessi ba'aa jiru rifaatuu guddaa uumuu hin qabu.
Qorattoonni xiyyaar-samii kanaan imalanii buufata hawaa keessa jiran Fulbaana dhufus ta'e isa boodas gara dachee deebi'uun waan hin oolle.
Wanti hubatamuu qabu garuu haalli kun fuuldurattillee ittuma fufa.
Keessattuu yeroo buufati hawaa daran ammayyaawaa, jireenyaaf mijataa deemutti, akkasumas ammoo imalli gara addeessaa wayita mirkanaa'aa deemutti qorattoonni ba'anii hawaa keessa turuun waanuma eegamu.