Iloon Mask nama jalqabaa addunyaa qabeenya tiriiliyoona walakkaa baasu qabu tahe

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan Teslaa Iloon Maask nama jalqabaa addunyaa kanaa qabeenya doolaara biiliyoona 500 baasu qabu tahe. Kunis gatiin konkolaataa elektiriikii fi daldalootisaa kaan ol guddachuurraan kan ka'e dha.
Qabeenyi nama teeknolojii kanaa Roobii kaleessaa doolaara biiliyoona 500.1 kan gahe yoo tahu gaafuma sana gara guyyaa ammoo gara doolaara biiliyoona 499tti gad bu'eera jedha gabaasni Foorbis.
Teslaa dabalatee daldalooti haadhasaa, hojiiwwan hubannoo nam-tolchee, dhaabbati rokeetii SpaceX fa'i yeroo dhihoon asitti gatiin isaanii akkaan dabaleera.
Bu'aan kunis Mask seekatara teeknolojii addunyaa keessatti nama soorumaan isa dursu akka hin hin jirre mirkaneesseera.
Akka indeeksiin biiliyenarootaa Foorbis agarsiisutti namni sooressa addunyaa kanaa lammaffaan hundeessaa dhaabbata teeknolojii Oraakil, doolaara biiliyoona 350'n Laarii Eliisanidha.
Qabeenyi nama kanaa baatii darbe kan Iloon Mask yeroo muraasaaf caalee ture. Qoodni dhaabbata teknolojii Oraakil %40 ol guddatee ture. Kunis dhaabbatichi tajaajilotisaa teeknolojii ijaaf akka tolan gochuurraan kan ka'e dha.
Qabeenyi Mask baayyeensaa qooda inni Teslaa keessaa qabuun hidhata kan qabu yoo tahu bara kana gatiin qoodasaa akka malee dabaleera.
Qoodni Iloon Teslaa keessaa qabu Roobii kaleessaa gabaa daldalaa Niiw Yoorkitti %3.3 ture. Amma garuu %20'n ol guddateera.
Iloon Mask siyaasa dhiisee daldala isaa irratti xiyyeeffachuu jalqabnaan inveestaronni ji'oota muraasaa as qooda dhaabbatsaa bitachuu jalqaban.
Bara kana bulchiinsa Tiraamp keessatti waajira Department of Government Efficiency (DOGE) keessatti hirmaachuun baasii mootummaa hir'isuuf hojettoota hir'isuu isaatiin qeeqni jabaan irra gahaa ture.
Mask miidiyaa hawaasaa isaa X irrattis waa'ee godaansaa, danooma, wal-qixxummaafi kaan irratti dubbachaa ture.
Hogganaan boordii Teslaa Roobiin Deenhoom Maask ''amma daldala konkolaataa oomishuu keessatti duraaduubaan hojiitti jira,'' jedhe.
Boordiin dhaabbatichaa Mask yoo waggaa 10 dhufu keessatti dhaabbaticha galma kaa'ameen yoo gahe badhaasa doolaara tiriiliyoona 1 baasu argata jedhe.
Qarshii kana argachuuf gatiin Teslaa dachaa saddeetiin akka dabaluu, roobootii hubannoo nam-tolchee miiliyoona tokkoo akkasumas gurgurtaa konkolaataaTeeslaa miiliyoona 12fi kaan galmaan gahuun dirqama.
Baatii darbe Mask qooda Teslaa biiliyoona 1 baasu bituu beeksisuun inveestaroonni kaan amantii akka qabaatan godheera.
Teslaan yeroo dhihoon as dhaabota konkolaataa elaktiriikii kaan kan akka Chaaayinaa BYD irraa morkiin itti cimeera.
Dhaabbtichi gara daldala AI fi roobootiksiitti ce'uuf adeemsa keessa jira.












