Kaanaadaan maaliif baqattoota mil. 1.5 simachuuf barbaadde?

Madda suuraa, Getty Images
Kaanaadaan hir’ina humna oomishaa ishee irratti mudatee guuttachuuf jecha biyyoota gara biraa irraa hanga 2025tti namoota miliyoona 1.5 galchuuf hojjataa jirti.
Kana jechuunis baqataa hunda simatti jechuu miti.
Jalqaba baatii kanaarratti mootummaa federaalaa Kaanaadaa hanga bara 2025tti waggaan baqattootaa kuma 500 simachuuf karoora guddaa baasee jira.
Haaluma kanaanis waggootaa sadani ittaanan keessatti namoota gara miiliyoona 1.5 ta’an gara biyyaa Kaanaadaa ni galu. Safartuun yaada ummataa dhiheenya taasifamee akka mul’iseetti, lammiilee gara biraa simachuun ummata irratti yaaddoo ummeera.
Karoora Kaanaadaa isa guddaa
Kaanaadaan baroota dheeraadhaaf jiraattoota dhaabbataa (kan yeroo muraasaa qofaaf biyyattii keessa jiraatan) hawwachuuf yaalaa turte. Kaayyoon isaas ummataa baayyifachuufi diinagdee guddifachuufiidha.
Bara darbeettis biyyattiin namoota 405,000 dhaabbataan fudhattee jirti. Kunis seenaa biyyattii keessatti isa olaanaadha.
Kaanaadaan akkuma biyyoota lixaa kaaniitti ummtaa lakkoofsa dahumasaa gadaanaa fi kan umuuriin jaaran hedduu qabdi.
Sababii kanaatiin biyyattiin guddachuu yoo barbaachisee baqattoota simachuu qabdi jechuudha.
Duraanis taanaan baqattootatu human hojjataa guutuu sadarkaa jechisiisuun haguuga ture. Bara 2032tti ammo guddina ummata biyyattiin ni haguuga jedhamee eegama jedha odeeffannoo mootummaa.
Mootummaan Kaanaadaa jalqaba baatii kanaatti waggoota dhufan sadi keessatti baqqattoota kuma 500 haaraa akka simatu beeksiisee jira. Lakkoofsi kunis kan bara darbee irra parsantaa 25n kan caaluudha.
Addunyaarrati eddoo adda ta’e
Har’a lammiilee Kaanaadaa afur keessaa tokko kan baqatummaan biyyattii seeneedha. Kunis biyyoota G20 keessaa ira olaanaadha. Ameerikaa biyya wal makaa jedhamutti illeen, baqattoonni parsanataa 14 qofaadha. UK’ttis parsantaan 14 kan biyya biraa irraa dhaqedha.
Yunivarsitii Oksifordiitti Daareektara baqatummaa kan ta’an Maadeeliin Sumpashin akka jedhaniitti, haala lakkoofsa kanaatiin UK baqattoota simachuun booddeetti hafte jirti jechuu miti. ‘‘Garuu ammo adda kan taateedha’’ jedhan.
Baaiyna ummataatiin dacha Kaanaadaa kan qabdu UKn durumaa ummataa baayyee qabdi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ummataa miliyoona 38 ol kan qabdu Kaanaadaan, biyya addunyaa tanarra dachii bal’aa qaban keessaa takka. Kanaafuu guddachuuf eddo qabdi.
‘‘Waliigalattis, UKn haala Kaanaadaan taasiftuun guddachuuf lakkoofsa ummataa dabaluuf kaayyoo hin qabdu turte’’ jedhan.
Yunivarsitii Maakmaastar keessatti barsiisaa saayinsii siyaasaa kan ta’an Jeefar Kaameeroon gama isaanitiin biyyoonni akka Kaanaadaa jiran, ummata lakkoofsi dahuumaa gadaanaafi namoonni umuuriin jaaran itti baayyatu qaban, milkaa’inni sirna baqataa kamuu kan hundaa’ee deeggarsa ummataa irratti jedhu.
‘‘Biyyoota hedduu keesstti dhimmi danqaan yaada ummataati’’ jedhu.
Lakkoofsi baqattoota gama Kibba Ameerikaatiin daangaa qaxxamuruun gara biyyattii seenan kan yoomiyyuu caalaa sadarkaa olaanaa irra gaheera. Hojii jiruun alatti baayyiinni baqattootaa yaaddoo umeera.
Biritaaniyaan osoo Gamtaa Awurooppaa keessaa hin bahiin dura, baqattoonni Gamtaa Awurooppaa irraa gara UK imalan miira hamaa uumee ture.
Haata’u malee, waggoota hedduu darbani keessa ilaalchi ummann waa’ee baqattootaatiif qabu garii ta’uun dabalaa jira.
Kunis sababii to’annoon biyyattiin namoota biyya biraa irraa gar asana dhaqan irratti taasiftuu akka cimee waan amananiifiidha jedhu oggeessi kun.

Madda suuraa, Getty Images
Kaanaadaan gama isheetiin baqattootaaf deeggarsa olaanaa qabdi.
‘‘Ani akkan yaaduutti sababiin tokko baqattummaan gara Kaanadaatti taasifamu kan mootummaadhaan sirriitti to’annoon irratti taasifamuufi kan haala dantaa Kaanaadaa eegsiisuun bulfamudha amantaan jedhu ummaataa keessa waan jiruufiidha’’ jedhan Kaameeroon.
Kana jechuun garuu waa’ee baqattootaa irratti yaaddoon omtu hin jiru jechuu miti.
Waggoota dhihoon asitti daangaa US irratti lakkoofsi baqattootaa baayyachuun mormii kaasee ture.
Kaanaadaatti bara 2018tti Paartiin Ummataa (People's Party of Canada) dhufuun mata dure kun filannoo bara 2019 irratti akka dursaan ka’u taasiseera.
Kutaaleen Kaanadaa adda addaas baqattootaaf ilaalcha garaa garaa qabu.
Tibba mootummaan waggaatti baqattoota hanga kuma 500 simachuuf karoora qabaachuu ifa taasiseetti, bulchiinsi Qubeek kan seera Immigreeshinii mataa ishee baaftu, waggaatti baqattoota 50,000 ol akka hin simannee beeksifte jirti.
Kana jechuunis bulchiinsi Quubeek kan ummata biyyattii keessaa harki 23 keessa jiraatu, baqattoota harka 10 qofaa simmatti.
Ministirri Mummee Qubeeki, Mr Firaansi Leegaalti yoo baqattoonni hedudun seenan, afaan naannichaa Faransaayi dubbachu dadhabsiisa ta’a jechuun akka isaan yaaddeesse dubbatan.
‘‘Baqattoota kuma 50 simachaa Faransaayiffa kufuurraa oolchuun ni rakkisa’’ jedhan.
Kaanaadaan guddachuudhaaf carraa hedduu qabaattulleen, eddoowwan tokko tokkootti ammumaanuu rakkoon itti dhagahamaa jira.
Magaaloota gurguddoo akka Toroontoo fi VaanikuVar keessatti rakkoo mana jireenyaa madaalawaa qabu.
Yaada ummataa namoota 1,537 irra walitti qabameen, namoota yaada kennani afur keessaa sadan isaanii karoorichi, tajaajila mana jireenyaafi hawaasummaa irratti rakkoo qabaata jechuun akak yaadda’an ibsan.
Adeemsa Kaanaadaa
Kaanaadaa haalawwan biyyoota lixaa kaan irraa adda itti taatee kan biraa, xiyyeeffannoo baqatummaa diinagdee irra qabduudha.
Kaanaadaan jiraattoota dhaabbataa keessaa wallakkaa kan ta’an kan simatte ogummaa qabaniin malee maatii waliitti makuuf yaadee miti.
Mootummaan lakkoofsi kunis hanga bara 2025tti gara parsanataa 60 geessisuuf abdataa jira.
Kanaaf sababiin tokko ammo haala sirni Kaanaaddaa itti caaseeffameedha jedhu Kaameeroon.
Kaanaadaan bara 1960mota keessa sadarkaa biyyaatti sirna kootaaa keessaa bahuun qabxii irratti xiyyeeffachuun, baqattoota ogummaa qabaniif diinagdee biyyattiif fayyadaniif dursa kennuu irratti xiyyeeffate.
‘‘Amaas haaluma walfakkaatuu hordofaa jirtii’’ jedhan BBCtti wayita dubbataniitti.
Awustiraaliyaafi Niiwizilaandi sirnoota walfakkaataa qabaatan illeen, sadarkaa addunyaatti yoo ilaalamee garuu garaa garummaa qaba. UKn jiraattoota afur keessaa tokkoo ol kan ta’an dinagdee keessatti hammachuun fudhataman kan qabaniidha.
Ameerikaa keessattis Kaardii magariifni parsanataa 20 ta’u sababii faayidaa diinagdeetiif kennamaaf.Biyyoon lamaanuu baqattoota faayidaa diinagdee qaban gara bulchiinsoota isaanii galchuu dabaluuf abdataa jiru.












