Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarran Iraan 1000 ol akkamiin barnootaa irraa dhorkuuf jecha summeeffaman
Iraan keessatti barattoonni dubaraa 1000 ol ta’an Sadaasa irraa eegalee summeefamuu isaanii BBC’n adda baaseera.
Kanas ammoo anga’aan olaanaa mootummaa biyyattii barattoonni kana irratti beekaa xiyyeefatamuu amaneera.
Haleellaa haaraa gaasii summa'aa fayyadamama jedhameen, mana barnootaa 26 keessatti barattoonni dubaraa hedduun dhibamanii hospitaalatti wal'aansa argachaa jiru.
Barattoota dubaraa kunneen keessaa kan lubbuun isaanii darbe jiraachuu baatuus, kanneen rakkoo hafuuraa baafachuu, diddiga, joonjii fi dadhabbiin wal’aansaaf hospitala seenan danuudha.
“Namootni tokko tokko manneen barnootaa hundi, keessumaa manneen barnootaa shamarranii hundi akka cufaman akka barbaadan ragaan ni mul’isa,” jechuun itti aanaan Minisitira Fayyaa Iraan, Dr Yuunes Panaahii, Guraandhala 26 irratti ibsa miidiyaaleef keennaniin dubbataniiru.
Hanga ammaatti deebiin moootummaa irraa kenname, abbaan alangaa walii galaa wa’ee summeeffamuu kana irratti qorannoo yakkaa akka eegalee fi kun waan ‘beekaa’ godhame ta’uu mala jechuu isaadha.
Ji’oottan sadan darban keessatti barattoonni dubaraa utuu hin dhukkubsatiin dura fooliin taanjariinii ykn qurxummii tortoraa akka itti dhufe dubbataniiru.
“Keemikaalotni fayyadamaman kan sadarkaa human waraanaa miti, kan bakkeema uummata keessatti argamanidha,” jechuun Dr Panahi dubbataniiru.
Barattoonni kunnen wal’aansi cimaa ta’e isaan hin barbaachisu, tasgabbaa’uun baayyee barbaachisaadha.”
Magaalaan Qom wiirtuu summeesuu jumlaa kana taatus, haleellaan akkanaa kun magaalota Iraan saddeet biro keessatti taasifameera.
Komii fi mufannaan uummataa ammoo akka itti fufetti jira.
Yakki summeessuu jalqaba kan gaggeefame Sadaasa 30, 2022 irratti, yeroo mana barnoota teeknikaa Nowuur keessattti barattoonni 18 mallattoo summeeffamuu waan agarsiisaniif gara hospitaalaa geeffamanidha.
Erga sanaatii, bulchiinsa sana keessatti manneen barnoota shamarranii 10 irratti haleellaan walfakkaataa gaggeefameera.
Guraandhala keessatti, yoo xiqqaate namootni 100 ta’an waajjira bulchaa Qom fulduratti hiriira mormii ba’anii turani.
“Nageenya ijoollee keenyaa eeguun itti gaafatamummaakeedha! Ani ijoollee dubaraa laman qaba,” jechuun abbaan tokko yemmuu iyyuu viidiyoon miidiyaalee hawaasummaa irratti bal’inaan qoodame ni mul’isa. “Ijoollee durbaa lama… kan ani goochuu danda’u akka isaan mana barnoota hin deemne goochuu qofadha”
“Kun waraanadha!” jechuun dubartiin wal ga’ii wal fakkaataa irra turte dubbateetti. “Akka nuti mana teenyuuf nu dirqiisiisuuf jechadha kan isaan mana barnootaa shamarranii Qom keessatti kana gaggessaa jiran. Ijoolleen dubaraa mana akka ta’an barbaadu.”
Maatileen tokko tokko akka jedhaniitti ijoolleen isaanii sababa summeeffamuun, torbanoota hedduuf dhukkubsataa turaniiru.
Halellaan kun magaalaa Qom, kan hoggantoota amantaa Islaama Shiyaa, kan utuubaa mootummmaa ta’aniif teessuma taate keessatti kan xiyyeefatedha.
Ta’us garuu erga dubartiin Kurdish, Mahsaa Aminiin jedhamtu, Fulbaana darbe keessa haguggaa rifeensaa ‘sirritti hin uffannee’ jedhamuun to’annoo poolisii jalatti lubbuun ishee erga darbee booda, aangoo isaanii irratti falmiin ka’eera.
Namootni hedduu halleellaan kunneen, hojii finxaalessitootaa mala ijoollee dubaraa akka mana barumsaatti hin ergineef jecha maatii dorsisuu fayyadamu barbaadaniidha jedhanii amanu. Kanas kan godhan hojii gartuu Taaliban Afgaanistan keessa jiruu fi gartuu Bookoo Haraam Naayjeeriyaa keessa jiru ‘akkeessuunidha’ jedhanii yaadu.
Mootummaan Iraan dhorkii dubartoota irra kaa’uun wal qabatee qeeqa irra ga’u fudhachuu dhiisuun, waa’ee lakkoofsa shamarranii yunivarsitii keessatti jiraniin boonuun dubbata.
Ta’us garuu ijoolleen dubaraa mana barnoota fixuu hin danda’an yoo ta’e, koolleejiin abjuu qofadha.