Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraaniitti dubartoonni maaliif hijaaba isaanii gubaa jiruu?
Erga Iraaniitti dubartiin seera hijaabii cabsite jedhamuun mana hidhaa keessatti duuteen booda, dubartoonni mormii biyyattiitti babal'ataa jiru dursaa jiran haguuggii mataa guggubani.
Hiriirri mormii walitti aansee halkan shaniif kan gaggeeffame yoo ta'u, magaalota biyyattii baay'ee keessatti babal'ataa jira.
Shamarreen Maahsaa Amiinii erga guyyoota sadiif koomaa keessatti dabarsiteen booda Jimaata darbe hospitaalatti du'aan boqatte.
Kaaba Tehraan, Saarii keessatti mormii isaanii haala garaagaraatii ibsachuuf jecha dubartoonni yoo hijaaba isaanii ibiddatti qabsiisaniitti ummanni waliitti qabamee ture gammachuusaa ibsaa ture.
Shamarreen Maahsaa magaalaa guddoo biyyattii keessatti pooliisiidhaan to'annoo jala kan oolfamte torban darbe keessa ture.
Isheenis seera hijaabaa kan dubartoonni akka mataasaanii hijaabaan ykn haguuggii mataa (headscarf) akkasumas harkaafi miilasaanii akka haguuggatan gaafatu cabsitee jirti jedhamuun himatamte.
Battaluma mana hidhaa keessattis of wallaalte.
Gabaasaaleen qondaalli poolisii mataa shamarreen Maahsaa uleedhaan reebuun akkasumas konkolaataa pooliisiitti buuseera jechuun Komishinii Mirga namoomaa Olaanaa UN'tti Ittaantuu kan ta'an, Naadaa al-Naashiif himaniiru.
Maatiin shamarree kanaa garuu fayyaa qabeettii akka turte himan.
Shamarreen waggaa 22 Amiinii bulchiinsa lixa Iraan ollaa Kurdistaan bakka guyyaa Wiixataatti poolisiin mormiitoota sadii itti ajjeesee irraa turte.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman akka himanitti, qaamoleen nageenyaa Wiixata hiriira mormii dhiironni, dubartoonniifi ijoollee daandii bulchiinsa Kurdiirratti guyyaa arfaffaaf hiriira bahaniirratti namoota sadii ajjeesan.
Haala itti Maahsaa Aminiin duute akka qoratamuufi namoonni hiriira bahuu biyyattiin akka eeeyyamtu gaafatan.
Dhaabbatichi deebii qondaltoonni Iraan dubartiin seera hijaabaa cabsite jedhamte to’atamte du’uu ishee hordofee hiriira balaaleeffannaa bahameef kennite na yaaddessa jedheera.
Maahsaan wayita poolisiin to’atetti obboleessa ishee wajjiin magaalaa guddoo biyyattii Teheraan keessa turte.
Mana hidhaa keessatti erga kuftee booda of wallaalte.
Qondaalli Komishinara Mirga Namoomaa Dhaabbaticha Naadaa al-Nashiif Iraan keessatti uffannaa hijaabaan walqabatee tarkaanfii hin malle hedduun yeroo fudhatan, ragaa viidiyoon deeggarame akka isaan qaqqabe ibsaniiru.
Taatullee, gorsaan hoogganaa olaanaa Iraan Ayaatolla Ali Hamaanii, maatii Maahsaa Amiinii Wiixata dhaqanii dawwachuun ''jaarmiyaaleen hundi mirga sarbame eeguuf tarkaanfii ni fudhatu,’’ jechuu isaanii miidiyaan biyyattii gabaaseera.