Dubartoota heerumuuf waraqaa ragaa durbummaa gaafataman

Iraanitti gaa’elaan dura shamarran durbummaa qabaachuu isaaniitti maatii isaaniif iddoo guddaatu kennamaaf. Yeroo garii warri dhiiraa waraqaa ragaa durbummaa fedhu.

Gochaa kana Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) mirga namoomaa dhiiba jedha.

Haatahu malee bara dabre irraa eegalee namoonni hedduu mormii dhimma kanarratti taasifamutti makamaa jiru.

''Akkan si fuudhuuf ani durba jettee na gowwomsite. Namni dhugaa kana beeku kamuu si hin fuudhu.’’

Abbaan warraa Mariyaam, erga walfuudhanii booda yeroo hunda qunnamtii saalaa erga raawwatanii booda kana itti dubbate.

Lakkii qunnamtii booda dhiigni mul’achuu baatus, amma dura tasumaa qunnamtii saalaa raawwadhee hin beeku jechuun itti himuu yaalte.

Inni garuu abadan jedhe – amanuu waan hin dandeenyeef, waraqaa ragaa durbummaa fidi jedheen.

Kun Iraan keessatti waan baramedha. Erga wal kaadhimmatan booda, dubartoonni hedduun mana yaalaa deemuun, qorannoo amma dura qunnamtii saalaa raawwachuu dhiisuu isaanii agarsiisu taasisu.

Haa tahu malee WHO qorannoon dubrummaa gama saayinsiin wanti fayyadu hinjiru jedha.

Waraqaa ragaa Mariyaam irratti kutaa qaamaa ishee ‘hymen’ jedhamuufi fiixee/hulaa qaama saalaa irratti argamuun "elastic" jechuun katabame. Kana jechuunis qunnamtii saalaa booda dhiigni hin mul’atu jechuudha.

‘‘Garmalee natti dhagahame. Waanin balleesse hin qabu, garuu abbaan manaakoo na arrabsaa bahe. Kana obsuu hin dandeenye, kiniinii fudhadhee of ajjeesuu yaale,’’ jetti.

Arganii hospitaalatti fiiganii geessan, lubbuunis oolte.

‘‘Guyyoota dukkanaa sana tasumaa hin dagadhu. Yeroo sana keessa kg 20 hir’ise.’’

Gochaa kana hambisuuf tattaaffii godhamu

Iraanitti seenaan Mariyaam kan ishee qofaa miti. Gaa’elaan dura durbummaa qabaachuun shamarran hedduuf maatii isaanii biratti iddoo guddaatu kennamaaf. Barmaata aadaa keessatti hidda gadi fageeffatedha.

Haatahu malee dhiyoon asitti haalonni jijjiiramaa jiru. Warra dhiiraas dabalatee dubartoonni hedduun biyyattii, qorannoon durbummaa dhaabbachuu qaba jechuun qabsootti jiru.

Sadaasa dabre keessa warraaqsi gama onlaayiniin taasifame, ji’a tokko keessatti mallattoo 250,000tti siqu argate.

Kunis Iraan keessatti dhimmi qorannoo dubrummaa uummata duratti dhiyaachuun, mormiin yoo irratti kahu yeroo jalqabaaf ture.

''Sarbama mateenyaa (privacy) fi waan kabaja namarraa mulqu,’’ jetti Neda.

Nedaan Tehraanitti barattuu ganna 17 turtetti, dubrummaashee jaalalleeshee wajjiin qunnamtii raawwatteen dhabde.

''Nan nahe. Maatiin koo yoo dhagahan maaltu taha kan jedhutu guddoo na yaaddesse.’’

Kanaafis ‘hymen’ ishee bakkatti deebisuuf yaalii gochuuf murteessite.

Akka adeemsaatti yaaliin kun seeraan ala miti – tahus garuu ilaalcha hawaasaa cimaa gama kanaan jirurraa kan kahe, hospitaalli kamuu wal’aansa kana hin gaggeessu.

Nedaan kilinika dhuunfaa dhoksaan ishee wal’aanu argatte – gatiinsaa garuu akkaan qaaliidha.

"Qusannaa koo hundan achirra fixe. Laappitooppii, bilbilakoo fi faaya warqee koo gurgure,’’ jetti.

Kana malees yaaliirratti waanti tahe wayii mudannaan ittigaafatamummaa guutuu fudhachuuf mallatteessite.

Achis narsii deessistuun wal’aansichi taasifameef – naannoo daqiiqaa 40 fudhate.

Yaalii kanarraa bayyanachuuf Nedaan torbanoota hedduu itti fudhate.

"Dhukkubbii cimaan qaba ture. Miila koo sosochoosuu hin danda’u ture,’’ jechuun yaadatti.

Waan kana mara maatiishee jalaa dhoksuun raawwatte.

"Kophummaan garmalee natti dhagahama ture. Sodaan isaan jalaa dhoksuuf qabu, dhukkubbii koo akkan obsu na gargaare.’’

Haatahu malee waan kun hundi oggaa obba’u, dhamaatiin isheen dabarsites lafatti hafe.

Maaltu dhalate? jettu taanaan – ganna tokkoon booda nama ishee fuudhuu barbaadu walbarte. Garuu wayita qunnamtii raawwatanitti, dhiigni mul’achuu dide. Yaaliin isheen taasifte milkaa’aa hin turre.

''Jaalalleen koo gaa’elatti isa galchuuf isa gowwomsuun na himate. Ati sobduudha naa jechuun, na dhiisee sokke.’’

WHO’n qorannoon dubrummaaf godhamu naamusaan alaafi faayidaa saayinsaawaa tahe hinqabu jedhus, gochaan kun biyyoota hedduu keessatti raawwatama – Indoneezhiyaa, Iraaq fi Tarkiin isaan keessaati.

Dhaabbanni Medikaalaa Iraan haala murtaa’oo tahe keessa qofa qorannoo akka taasisan hima – fakkeenyaaf ajaja mana murtiinifi himannaa gudeeddiin.

Haa tahu malee gaaffiin waraqaa ragaa dubrummaa yeroo hedduu kan dhiyaatu, lameen walfuudhuuf karoorfatan irraati.

Kanaanis yeroo hedduu haadhasaanii wajjiin tahuu, kilinikoota dhuunfaa bira deemu.

Hakiimni yookaan narsiin deessistuu qorannoo kana taasisuun waraqaa raga kennu. Waraqaa kanarratti; maqaan isheefi kan abbaashee, eenyummeessaan biyyaaleessaafi yeroo garii suuraan ishees taa’uu mala.

Kutaan qaamaa ‘hymen’ jedhamu sadarkaa maalirra akka jiruufi barreeffamni: ‘’Shamarreen kun durbummaa qabdi,’’ jedhus irra taa’a.

Abdii fuuladuraa

Yaalii lubbuushee balleessuu taasiste waggaa afuriin booda, Mariyaam gama mana murtiin abbaa warraashee ishee rakkisu irraa gargar bahu dandeesse. Amma hiriyaa jaalalaa hinqabdu.

''Amma booda dhiira amanuun guddoo natti ulfaata,’’ jette. ‘’Yeroo dhiyootti nan heeruma jedhee hin yaadu.’’

Dubartoota akka ishee kuma kurnaan lakka’aman kaan wajjiin tahuun, warraaqsa intarneetarraa waraqaa raga durbummaa haambisuuf duulu mallatteessiteetti.

Dhiyeenyatti jijjiiramni ni dhufa jettee akka hin yaadne kan himtu Mariyaam, garuu gaaf tokko biyyashee keessa dubartoonni mirgisaanii ni kabajama jettee abdatti.

''Nan amana gaaf tokko ni taha. Gara fuulduraatti ijoolleen dubraa tokkollee waan an keessa dabre an hin dabarre nan amana.’’

Maqaan namoota odeessa kana keessaa, eenyummaa isaanii tiksuuf jecha jijjiirameera.