Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan UK qorannoo durbummaa akka dhorku waadaa seene
Mootummaan UK qorannoo durbummaa fi wal’aansa durbummaa deeffachuu(hymenoplasty) jedhamuun beekamu Ingilaanditti yeroo gabaabaa keessatti akka dhorku waadaa seene.
Ministirri Fayyaa fi Eegumsa Hawaasaa, Loord Kamaal, durbummaa qorachuun ‘sarbama mirga namoomaati’ jedhan.
Haatahu malee wal’aansi durbummaa deeffachuu garuu akka wal’aansa caasaa qaamaa sirreefachuudha gatii taheef dhorkuun rakkisaa tahus lamman isaaniyyuu seeraan ala ta’uu qabu jedhan.
Ministirri fayyaa kuni, ‘’qorannoofi yaaliin kuni bu’aafi mallattoo saayinsaawaa kan hin agarsiisneefi sarbama mirgaati, dubartoota irrattis miidhaa qaba,’’ jedhan.
Ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akka agarsiisutti qorannoon durbummaa yoo xiqqaate biyyoota 20 keessatti adeemsifama.
Kunis haala namatti hin tolleen qaama saalaa dubartii qorachuun durbummaan akka hin tuqamne mirkaneessuu dha.
Haa tahu malee Dhabbanni Fayyaa Addunyaa, gochaa kana sarbama mirgaa namoomaati jechuun dubartiin tokko kana dura saal-quunnamtii raawwachuufi dhiisuu ishee qorannoon mirkaneessu hin jiru jedha.
Sababiinsaa immoo durbummaan haala garagaraan baduu waan danda’uufi, fakkeenyaaf taampuuniin dubartoonni qulqullina laguu eeggachuuf keewwatan membireenii balbala qaama saala dubartiirra jiru balleessu mala.
Gabaasa qorannoo BBC’n geggeesseen UK keessatti kiliinikooti 21 tahan yaalii durbummaa deefachuu kan kennan yoo tahu, yuroo 150-300 kaffalchiisu.
Ogeessonni fayyaa yaaliin membireenii balbala qaama saalaa dubartii deebisuu sarbama mirgaa fi saayinsaawaa kan hin taane dha jedhu.
Miseensi paartii warra conservative Richaard Holden akka yaaliifi qorannoon kun dhorkamu yaada dhiyeessan.
Tahus yaalii kana yakka gochuun dhoksaa dhaan akka raawwataman gochuu mala kan jedhan jiru.