'Qoqqobbiin biyyoonni Awurooppaa kaa'an isaanuma raasaa jira!' - Putiin

Madda suuraa, TASS VIA REUTERS
Qoqqobbiin biyyooni Awurooppaa Raashiyaarra kaa'an akka weeraraa guutummaa addunyaatti yaaddoo uumera jechuun Vilaadmiir Putiin biyyoota Lixaa komatan.
Fooramii diinagdee Vilaadivoostokitti gaggeeffame irratti Putiin haasaa taasisaniin Raashiyaan qoqqobbii diinagdee biyyoota Lixaa dandamataa jirti jedhan.
Jireenyi lammiilee Awurooppaa qoqqobbii kanaan aarsaa yoo ta'u biyyoonni diinadee gadi aanaa qaban ammoo dhiyeessii nyaataa dhabanii rakkataa akka jiran dubbatan.
Biyyooni Awurooppaa midhaan Yukireenin biyyoota hiyyeeyyii sossobu jechuun himatan.
Ji'oota hedduuf buufanni doonii Yukireen loltoota Raashiyaatin ugguramee turus jalqaba ji'a Hagayyaa akka banamu ta'ee ture. Erga buufanni doonii Yukireen banamee as dooniwwan Yukireen midhaan fe'an lama qofa gara Afrikaa akka imalan komatu.
Raashiyaan Guraandhala 24, 2022 waraana Yukireen irratti banteen daangaa Yukireen harka shan to'attee turte. Boodarra haleellaa cimaa Yukireen irraa ishee mudateen dudduubatti deebi'uun amma Kibbaa fi Baha Yukireenitti waraanatti jiru.
Weerara Raashiyaa kana hordofee biyyoonni lixaa qoqqoobbii guddaa abbootii qabeenyaa, diinadgee fi daldalawwan mootummaa Raashiyaatin gaggeeffaman irra kaa'an.
Gamtaan Awurooppaa boba'aa Raashiyaa irratti hundaa'uu hin qabnu jedhee yoo murteessu Raashiyaan ammoo ujummoo boba'aa gara Awurooppatti geessu Nord Stream 1 jedhamu rakkoo teekinikaa qaba jechuun cufte.
Awurooppatti gatiin boba'aa akka malee olka'uu irraa kan ka'e aangawoonni Gamtaa Awurooppaa Fulbaana 3, 2022 wal gahuun gatii ittiin boba'aa Raashiyaa irraa bitan daangessuuf walii galanii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haasaa fooramii diinagdee irratti taasisan kanaan Putiin, biyyooni Lixaa amala isaanii biyya biroo irratti fe'uu akka barbaadan himan.
"Kaampaaniwwan heddu Raashiyaa gadi dhiisanii akka bahaniif sarda turan, amma omishnii fi hojiin Awurooppaa keessatti akkamitti akka cufamaa jiru argaa jirra," jedhan.
Puutin kana haa jedhan malee Raashiyaanis qaala'iinsa jireenya fi kaampaaniwwan ishee meeshaalee barbaachisoo galchuuf rakkataa jiru.
Biyyoonni Gamtaa Awurooppaa torbee darbe lammiilee Raashiyaatif viizaa kennuun rakkisaa akka ta'e gochuun Raashiyaa baay'ee aarsanii jiru. Inumaayyuu biyyoonni Baaltik sadi lammiilen Raashiyaa fi Beelaarus gara daangaa isaanii akka hin ceene dhorkanii jiru- fira yoo qabaatanii fi dhimma hojii namoomaf qofa konkolaatan akka cehan eeyyamuun.
Puutin haasaa isaanii kanaan, kana booda doolaraa, yuuroo ykn paawundiidhan dhaadachuun osuma arginuu gatii dhabaa jira jechuun biyoota lixaa qeeqan: "jala muree kanan isinitti himu, waan dhabne tokko hin qabu waanti gara fuulduraatti dhabnus tokko hin jiru," jedhan.
Ministeerri Dhimma Alaa Yukireen Dimiitiroo Kuleebaan, Raashihyaan boba'aa isheetin Awurooppaa sodaachisuu barbaaddi jedhan: "Puutin tasgabbii fi nageenya tokkoon tokkoo lammiilee Awurooppaa keessa jiraatanii balleessuu barbaada.












