Dhohiinsi buufata xayyaara waraana Raashiyatti mudate guddaa ta'uu ragaan saatalaayitii mirkaneesse

Dhohiinsa booda aara mul'atu

Madda suuraa, Reuters

Jalqaba torban kanatti dhohiinsa guddaa buufata waraana Raashiyaa galoo galaana Kirimiyaatti argamutti mudateen xayyaaroonni waraanaa heddun barbaadaa'uu ragaan suuraa saatalaayitii ni mul'isu.

Bulchiinsa Kirimiyaa keessatti kan argamu buufata waraanaa Saakii jedhamuu fi xiyyaaroonni waraanaa Raashiyaa heddu keessatti qubatanii jiranitti Kibxata darbe gaafa Hagayya 9, 2022 dhohiinsi cimaan mudatee namni tokko du'e ture.

Yukreen haleellaa kana hin raawwaannne jettee waakkattus, ragaan haaraa bahaa jiru akka agarsiisutti haleellaan buufata waraanichaa irratti qiyyaaffate gaggeeffamuu akka hin oolle akeekka.

Ragaan saatalaayitii 'Planet Labs' jedhamuu fi US buufata isaa godhate akka agarsiisutti buufanni waraanaa Raashiyaa kun dhohiinsa booda ibidda uumameen naannoon gubate hedduudha.

Suurri saatalaayitii akka agarsiisutii, xayyaaronni waraanaa saddeetis barbadaa'anii jiru.

Saatalaayitiin Planet Labs suura agarsiise kanaan buufanni waraana Raashiyaa kun miidhan irra gahuu akka hin oolle ragaa qabatamaa Yukreen keessatti ta'an yeroo jalqabaaf dhiyeessa.

Haata'u garuu, dhohiinsa kanaan miidhan hangamii akka qaqqabe odeeffannoo bal'aan hanga ammaa bahe hin jiru.

Akkasumas buufanni xayyaara waraanaa Raashiyaa Kirmiyaa keessatti argamu kun akkamittii fi eenyuun miidhaan akka irra gahe ragaa qabatamaan bahe hin jiru.

Raashiyaan akka jettutti, sababni dhohiinsa buufata waraanaa isheetti mudateef meeshaalee waraanaa man-kuusaa keessatti dhohuu irraa kan ka'eedha.

Dhohinsa mudate keessaa Yukreen harka akka hin qabanne kan ibsite yoo ta'u, inumaayyuu "loltoota Raashiyaa qalbii hin qabnetu kanaaf komatamuu qaba" jechuun ministeerri ittisaa Yukreen dubbate.

Xayyaarri homaatuu jalaa akka hin miidhamne Raashiyaan waakkattus, xayyaaronni waraanaa Raashiyaa hedduun barbadaa'uu humni qilleensa Yukreen ibsee ture.

Suura saatalaayitii dhohiinsa duraafi booda agarsiisu:

Xayyaarota waraanaa qubatanii jiran

Madda suuraa, PLANET LABS PBC

Xayyaarota waraanaa gubatan kan agarsiisu

Madda suuraa, PLANET LABS PBC

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Suuraleen saatalaayitii haaraa bahan kun garuu xayyaaronni waraanaa barbadaa'an jiraachuu kan agarsiisudha.

Ministeerri Ittisaa UK Been Waalas akka jedhetti, dhohiinsi buufata waraana Raashiyaatti si'a lama dhagahame balaa mudate osoo hin taane haleellan gaggeeffamuu akeeka.

Yukireen buufata waraana Raashiyaa Kiriimiyaa keessatti argamu haleeluf mirga akka qabdus dubbateera.

"Yukireen daangaa ishee jalaa qabame deebisuuf ykn weerartoota ofirraa deebisuuf haleellaa laalessaa fudhachuun mirga isheeti," jechuun BBC tti hime Been Waalas.

Yukreen haleellaa kamiyyuu Kirimiyaa keessatti gaggeessuun Raashiyaa baay'ee dheekkamsiisa.

Bara 2014'tti Raashiyaan harka keessa galfachuun murtee uummataa gaggeeffameen Kirimiyaa of jala galchite. Hawaasni idil-addunyaa garuu Kiriimiyaa akka qaama Yukreenitti fudhata.

Dhohiinsa guddaa Kibxata darbe buufata waraanaa Raashiyaa Kirimiyaa keessatti mudate hordofuun pirezidantin Yukreen Voloodmiir Zeleniskiin, "Hanga Kiriimiyaa walaba baasnutti lola falmachuu hin dhaabnu" jechuun ibsa kennee ture.