Imraan Kahaan: Paakistaan MM duraanii shororkeessummaan himatame

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin Paakistaan Ministira Muummee duraanii biyyattii yakka shororkeessummaa raawwataniiru jechuun seera farra-shororkeessummaa jalatti himate.
Ministira Muummee duraanii Imraan Kaan irratti qorannoon kan eegalame, ergasaan michuunsaanii akkaan walitti siqan, poolisii fi mana murtiitiin hidhamuu fi dararamuu himataniiti.
Deeggartoonni qondaala duraanii kanaa manasaa fuulduratti walgurmeessuun, yoo inni hidhame ''itti hin kenninu'' jechuun sagalee dhageessisuutti jiru. Kun biyyattii keessatti muddama jabaa uumeera.
Imraan Kaan erga Ebla darbe aangoorraa kaafamanii as mootummaa fi humna waraanaa biyyattii qeequudhaan adda duree ta'an.
Aab Kaan Sambata darbe dhimma hidhamuu fi dararamuu waahilasaanii irratti wayita dubbatan, ''Yeroon nuti tarkaanfii fudhannus dhufuuf jira. Isinis yeroo kana eegaa!,'' jechuun poolisii fi abbaa seeraa biyyattiif dhaaman.

Madda suuraa, Getty Images
MM duraanii Imraan Kaan qondaaltota mootummaatti dhaadachuun biyyaaf yaaddoo ta'an jechuun qondaaltonni biyyattii himatu. Kana gochuusaaniin seera farra-shororkeessummaa sarbaniiru jedhuun.
Deeggartoonni MM duraanii Imraan Kaan dhibba hedduutti lakkaa'aman ammoo, mana qondaaltichaa magaalaa Islaamaabaad keessatti argamu fuulduratti ba'uun ''yoo poolisiin hidhe morminee magaalatti of harka galchina,'' jechuun dhaadachaa jiru.
Mootummaa Paakistaan fi MM duraanii Imraan Kaan gidduutti qoccollaan wayita hammaatee jiruttidha poolisiin himata kana kan eegale.
Imraan Kaan erga Ebla darbe aangoorraa kaafamanii as haasaa mootummaa fi humna waraanaa qeequ bal'inaan taasisaa turaniiru.
Miidiyaan biyyattii haasaa jibbiinsaa jedhame kana dabarsan akka hojiirraa dhorkaman taasifamaniiru.
Aab Kaan mootummaan amma aangoorra jiru diigamee filannoo haaraan akka gaggeeffamu gaafacha ajiru.
Gameessi siyaasaa biyyattii keessatti bakka guddaa qaban kun bara 2018 ministira muummee ta'uun filataman, wayita aangoosaanii obba'uu jala ga'etti garuu humna waraanaa biyyattiin waldhaban.















