Naannoon haaraa hundeeffame magaaloota muummee afur qabaachuun hiika attamii qaba?

Naannoon Kibba Lixa Itoophiyaa erga hundeeffamee amma umurii baatiiwwan qabu, jiddugalawwan magaalootaa dhaabbilee bulchiinsaatiif ijaaruu murteesse.

Naannooleen biyyattii kaan jidugala isaanii magaalaa guddoo tokko keessa taasisuun biirooleen bakka tokkotti akka ijaaraman taasisuun beekamu. Naannoon Kibba-Lixa Itoophiyaa garuu ijaarsa naannoolee kaan irraa adda isa taasisu hordofuuf filate.

Kanaanis guyyaa Roobii Adooleessa 3, 2022tti naannichi magaaloota muummee afur akka qabaatu kan dandeessisuu wixinee labsii mana maree naannichaatti dhiyeesse.

Wixineen seeraa kun kan raggaafamu yoo ta’es, godinaalee naannichatti argaman jaha keessaa afur keessatti magaaloonni gurguddoon teessuuma qaamoolee bulchiinsa naannichaa mummee ta’u.

Naannoon Kibba-Lixa Ummattoota Itoophiyaa kunis kan godinaalee jaha duraan qama naannoo Ummattoota Kibaa turaniin hundeeffameedha.

Haaluma wiixinichaatiin Boongaan teessuma waajjira bulchiinsa pirezidaanii naannichaafi siyaasaa taati. Tarcaan ammo teessuma mana maree naannichaa, Miizaan Amaan ammo kan caasaan seeraa keessatti argamuu fi Teeppiin ammo teessuuma mana maree ummattootaa qabatu.

Biiroon hojii raawwachiiftuu ammo magaaloota arfaniittuu haala haqa qabeessaatiin ramadamu jedhame.

Haalli caasaa naannoo haaraa ijaaruu kunis yaadawwan adda addaa irratti kennamaa jira.

Tokko tokkoos hojiifi qabeenyaa naannoolee magaalaa tokko qofaarratti walitti qabanuu achiirratti baasuun magaalaa sana qofaan haala adda ta’een akka guddatuufi faayidaa argatu adeemsa taasisuu sana ni geeddara kan jedhan jiru.

Kaan ammoo dhaabbilee bulchiinsa naannoo magaaloota adda addaa keessa akka ta’an gochuun, jiraattoonni tajaajilawwan mootummaa barbaadan baasiifi dadhabbiif saaxiluun alattis, dhaabbileen naannichaa walitti dhiheenyaan waliin ta’uun hojjachuuf carraa dhabisiisa jechuu yaaddoo qaban ibsu.

‘Tajaajilamtoota dadhabsiisa’

Karoorri bulchiinsa naannoo kunis jiraattoota naannichaa dadhabsiisuu mala jedhu Obbo Dayaamoo Daalee.

Obbo Dayaamoo Daalee nama siyaasaa duraan caasaa mootummaa Naannoo Ummattoota Kibbaa keessa hojjataa turan yoo ta’u, oggeessa saayinsii siyaasaafi quunnamtii idil-addunyaati.

Mootummaan naannichaa kana hojiirra oolchuuf kan ragaasise, ‘‘murtoo siyaasaa‘’ kan jedhan Obbo Dayaamoon, kana dura naannoon biyyattii tokko wayita magaalaa tokko caalaa qabaatu argamee waan hin beekamne ta’uu kaasu. Itti dabalunis muuxannoo akkasii kan qaban biyyoota Awurooppaa guddataniidha jedhu.

‘‘Attamiin hojiirra oolchu kan jedhu abbootii dhimmaatu beeka. Kanas gara fuuladuraatti kan ilaalu ta’a. Baasiin isaa olaanaadha,’’ jedhu Obbo Dayaamoon. Wixineen seerichaa tajaajilawwan mootummaa kennuufis ta’e, tajaajila argachuuf baasii olaanaa kan gaafatudha kan jedhan Obbo Dayaamiin, ulaagaan magaaloonni arfan ittiin filatamanis ifa miti jedhu.

‘‘Magaalootii arfan maaliin filataman? Waan gurguddoo ta’aniif filataman immoo ykn zooniirra babahaniiti? Komiin magaaloota carraa hin argannee hoo attamiin keessumeefama?’’ jchuun gaafatu.

Jiddugala tokkoon al

Itti-gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Tsagaayee Maammoo gama isaanitiin, fedhii jiraattoota naannichaa guutuuf jecha murteen kun darbuu dubbatu.

Naannoon kun yoo hundeeffamee magaalaa jidduugalaa kamitu ta’a dhimmi jedhu baayyee kan mariisiisee akka ture himu Obbo Tsagaayeen.

‘‘Tokko tokkoos magaalaan jidduugalaa nu bira yoo ta’e malee naannicha gadhiifna ejjannoo jedhu qabatanii ture. Aangoon yeroo sana ture ta’e aangoonni wayita naannichi hundeeffamu ture, waliin ta’un magaalaa jidduugalaa ni jiraata jechuun irratti dubbatanii ture,’’ jedhu.

‘‘Namni osoo hin rakkannee fi hojiin hin hubamne attamiin magaaloota heddu uuman kan jedhu irratti waliin mari’annee xumurree’’ jedhan.

Jiraataan tokkoo dhimsaa raawwachisuuf osoo magaalaa tokkoo gara magaalaa biraa ilamuun hin barbaachifne bakkuma jiruutti akka xumuratu kan dandeessisan biirooleen dhimma raawwachiftuu yaadamaniiru jedhu.

“Dhimmoon biiroo tokkoo biiroo biraatti ce’an yoo jiraatan, waajjiraaleen tajaajilicha kennan (liaison offices) waliin uumuuf kan yaadame’’ jedhu.

Naannichi magaala gudoo afur akka qabaatu godhamuun isaa baasii dabalataatif saaxila jedhanii akka hin yaanne dubbatu bakka bu’aan mootummaa naannichaa Obbo Tsaggaayen.

“Fakkeenyaf, biiron tokko bajata yoo barbaade faayinaansidhaaf waraqaa galcha malee gara magaalaa dhufee qarshii hin fudhatu, kanaaf baasii adda ta’e hin qabu,” jechuun ibsu.

Magaaala kam keessatti biiroon kam jiraachuu akka qabu dursa kan irratti walii galame ta’uu kan ibsan Obbo Tsagaayeen, “magaala kana keessatti biiroon kun haa ta’u kan jedhu walii galteedhaan malee saayinsii wayiitinii miti” jedhu.

Manni maree naannichaa wixinee labsii erga irratti mari’atee raggaasiseen booda hojiirra ooluu akka eegalus ni dubbatu Obbo Tseggaayen.

Naannon haaraa hundeeffame kun naannolee Itoophiyaa jiran irra bifa addaatiin kan hundeeffame ta’uun isaa namoota heddu biraa deeggarsaa fi mormii kaasaa jira.

Sabdaneessummaa naannichaa yaada keessa galchuudhan giddu galeessa magaala tokko qofatti godhanii misoomas ta’ee carraalee garaa garaa iddoo tokko gochuurra magaalota garaa garaatti carraa kana uumun gaaridha warri jedhan jiru.

Gama biroon ammoo hojiifi tajaajilawwan mootummaa magaalota garaa garaa keessa akka ta’u gochuun uummataaf dhamaatii guddaa akkasumas naannicha baasii guddaf saaxila jedhanii kan mormanis hedduudha.

Haa ta’u garuu fayidaa fi miidhaa inni qabu gara fuulduraatti kan ilaalamu ta’a.