Konkolaataa manaa dabalatee meeshaalee 38 alaa galchuuf sharafni alaa akka hin kennamne murtaa’e

Meeshaalee biyya alaatii akka hin gallee dhorkaman

Mootummaan Itoophiyaa meeshaaleefi shaqaxoota murtaa'an biyya alaarraa galfaman muraasaaf yeroo hin murtoofneef hayyamni sharafa alaa akka dhorkame beeksiise.

Meeshaaleen kanneen keessaa karameellaa, biskuutiiwwan, dhugaatiiwwan lallaafaa, wusikii ykn biiraa, konkolaataa manaafi konkolaataawwan miila sadii [bajaajii], rifeensa nam-tolchee, meeshaalee faayaafi dibatawwan bareedinaa fa’i dabalata.

Ministeerri Maallaqaa tarree shaqaxootaafi meeshaalee baay’inisaanii 38 ta’u baasuun, murtee sharafni alaa akka hin hayyamammneef dabarse Baankii Biyyaaleessaa hojiirra akka oolchuuf xalayaadhaan ajajeera.

Xalayaan deetaa Ministiraatiin mallattaa’e kun akka jedhuutti, rakkoon diinagdeen addunyaa dhiibbaa biyyattii irratti umaa jiruun, akkasumas rakkoo qaalaa’insi ummatarraan gahaa jiru furuudhaaf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuu yaadateera.

Tarkaanfiiwwan kunneenis bu’a-qabeessa taasisuuf ammoo sharafa alaa shaqaxawwan nyaataa bu’uuraa, qorichootaafi meeshaalee wallaansaatiif akka ooluu murteesseera.

Dhorkaan kan ilaalatu

Shaqaxoonniifi omishaaleen Onkolooleessa 17, 2022 irraa kaasee yeroo hin murtoofneef baankiiwwan sharafa alaa akka hin kenniineef dhorkaan kan irra kaa’ame kan itti aanan hammata.

Karameellaa, maastiikaafi oomishaalee miyaa’aa biroo, Chakolootii, biskutiiwwan fi kuduraaleefi muduraaleefi shuunfaa fuduuraalee saamsaman, chipsii, foon qurxummii, foon lukkuu, omihsaalee qurxummii adda addaa, soogidda, bishaan saamsaman, dhugaatii lallaaffaafi alkoolii hin qabneefi kanneen soorataaf oolan keessatti argamu.

Akkasumas, wuskii, wayinii, biiraafi dhugaatii alkoolii hunda, sijaaraa, meeshaalee dhugaatii ofilaaleerraa qophaa’an, shiittoo, omishaalee bareedinaa, riifeensa dhugaafi nam-tolchee, faayaa nam-tolche, saamunaawwan, boorsaafi waaletii, akkasumas meeshaaleen manaafi waajiiraa keessatti hammatamaniiru.

Kana malees, biskiliitiiwwan, meeshaalee ittiin taphatan adda addaa, sa’aatiiwwan harkaa, kan minjaalaafi keenyaanii, dibaabeewwan, hafaawwan, seeraamiikiifi poorisiliin, meeshaalee manaa qophaa’an, ashangulliitii uffati ittiin agarsiifamu, meeshaalee daraaraan ittiin kaa’amu fa’iidha.

Kana malees, konkolaataawwan manaafi baajaajiiwwan elekitiriikiin hojjatan, akkasumas mootaroora biyya alaatii galchuuf sharafni alaa hin kennamuuf. Dhorkaan kunis konkolaataawwan biyya keessatti tolfamaniifi kanneen elektirikaan hojjatan hin ilaalatu.

Tarkaanfiiwwan kana duraa

Mootummaa hir’ina sharafa biyya alaa hir’isuuf torban darbe keessa sosochii maallaqaa karaa seeraan alaafi daldala sharafa alaa to’achuuf tarkaanfiiwwan garaagraa fudhachaa jiraachuu beeksiisee ture.

Kanaanis qaala’insa jireenyaafi daballii gatii mudate tasgabbeessuuf tarkaanfiiwwan sosochii maallaqaa karaa seeraan alaatiin raawwatamu to’achuuf ni dandeessisa jedhame beeksiiseera.

Baankiin Biyyaaleessaa Itoophiyaa sosochii maallaqaa karaa seeraan alaa to’achuuf kanneen eeruudhaan waliin ta’aniif kanfaltii akka raawwatus beeksiiseera.

Kanaanis namoonni hanga maallaqa hayyamameetiin ol qabatanii argame, namni eeruu kenneef parsantaa 15, kanneen sosochii maallaqa biyya alaa eeraniif parsantaa 15, kanneen jijjiraa sharafa alaa hojjatan irratti eeruu kennaniif ammo parsantaa 25 akka kanfalu baankiin biyyaaleessaa beeksiiseera.