Israa'elota ugguraman hiikaa, waraana Gaazaa dhaabaa - Poop Firaansis

Madda suuraa, Reuters
Poop Firaansis waraanni Gaazaa keessatti adeemaa jiru akka dhaabatuufi lammiilee Israa’el Hamaasin butaman akka gadhiifaman gaafatan.
Ergaa Ayyaana Dhalachuu Gooftaa Iyyasuus Kiristoos sababeeffachuun dabarsaniin gargaarsi dabalataa Gaazaa keessa akka seenus gaafataniiru.
Waraanni Israa’eliifi Hamaas gidduu Onk. 7 yeroo Hamaas daangaa ce’ee Israa’el haleeluun namoota 1,200 ajjeesee 240 kan ta’an butee booda eegale.
Eegasii Filisxeemonni 20,000 ta’an haleellaa bombii Israa’eliin ajjeefamuu Hamaas ibseera.
Hordoftoota kuma hedduu ta’an fuulduratti Vaatikaan Bataskaana Qul. Peexiroos Baasilikaatti walitti qabamaniif ergaa dabarsaniin miidhaa ummatarratti dhaqqabaa jiru balaaleeffatan.
''Gadda miidhamtoota haleellaa jibbisiisaa Onk, 07 raawwatee onneetti qabadhee kanneen ammallee uggura jala jiran akka gadhiifaman nan gaafadha.
''Miidhaa hamaa lammiilee nagaarratti dhaqqabaa jiruuf jecha oppireeshiniin waraanaa akka dhaabbatu cimseen gaafadha,'' jechuun dubbatani.
Dhimmi gargaarsa namoomaas furmaata akka argatu yaada dhiheessan.
Kanneen kana dura butaman keessaa kan gadhiifaman turanis, Israa’el ammallee namoonni 132 ugguramanii akka jiran ibsiteetti.
Gama kaaniin, ‘’Yukireenitit nagan akka bu’us,’’ waamicha dhiyeessan.
Sooriyaa, Libaanosiifi Yaman keessatti ‘’siyaasiifi jireenyi hawaasummaa akka saffisaan bakkatti deebi’u,’’ akka kadhataniis himan.
Dabaluunis, bakkeewwan Afrikaa, Kooriyaafi kaan akkasumas dhimma godaantotaa kaasuun furmaati akka argamu fedhii isaanii ibsaniiru.












