FIFAn 'gocha badaa' sheefii beekamaan Waancaa Addunyaarratti agarsiise qorataan jira jedhe

FIFAn tapha xumura Waancaa Addunyaa 2022 Qaataar booda sheefiin beekamaa, Soolt Bay fi namoonni kaan gara dirree seenun 'gocha badaa' akka raawwatan qorachaan jira jedhe.

Maqaan sheefii kanaa inni sirriin Nuusirat Gookkisee jedhama.

Sheefiin lammii Tarkii addunyaa irratti nyaata hojjechuun beekamu kun Arjentiinaan Faransaay erga mo'atteen booda dirree walakkaa taphattoota waliin dhaabatee waancaa osoo dhungatuufi gammachuu isaa wayita ibsatu mul'ateera.

Akka seera FIFAtti garuu waancaa kana tuquu namoonni danda'an "warra filataman" qofaadha.

Waancaa kana tuquu ykn harkaan qabachuu namoonni danda'an warra dorgommicha mo'atan, aanga'oota FIFA fi gaggeessitoota biyyaadha.

Saalt Bay garuu waancaa kana qabatee yeroo dhungatuufi taphattoota Arjentiinaa mo'atan waliin waancaa kana wal harkaa fuudhaa suura ka'uudhaaf yeroo yaalutti mul'ateera.

Sheefiin kun sirna waancaa kennuutiin booda qalbii Liyoneel Mesii hawachuuf yeroo yalutti inni garuu yeroo callisee bira darbu argameera.

Dubbi-himaan FIFA BBC Sport'f ibsa kenneen, "Sirna cufinsaa Lusaayil Istaadiyeem kessatti gaggeeffameen booda namoonni dhuunfaan akkamiin hayyama hin malle argachuun dirree keessatti argaman kan jedhu adda baafachuuf qorachaa jira".

"Tarkaanfii keessoo sirrii ta'e ni fudhatama," jedheera.

Saalt Bay abbaa qabeenyaa restoraantii baayyee beekamaadha. Bara 2017 keessaa akkaataa inni ittiin foon qopheessuufi soogidda/ashaboo itti dabaluun miidiyaa hawaasaarratti beekamaa isa taasiseera.

Pirezidaantii FIFA, akkasumas Mesii, Kiristaanoo Ronaaldoo fi Daavid Beekam dabalatee namoonni kubbaa-miilaan beekaman baayyeen Restoraantii Saalt Bay kanaa nyaataniiru.

Yeroo Waancaan Addunyaa gaggeeffamaa jirutti Sheefiin kun pirezidantii FIFA Jiyaanii Infaantinoon yeroo hammatu viidiyoo agarsiisu baaseera.

Boodarras Saalt Bay keessatti bakka keessummoonni kabajaa taa'an Jiyaanii Infaantinoon dabalatee taphattoota buleeyyii Biraazil Ronaaldoo, Roobertoo Kaarloos fi Kafuu waliinis suura ka'eera.