Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Jiraachuuf jennee foon hiriyoota keenya du'anii nyaanne' - namoota balaa xayyaararraa guyyaa 72 booda baraaraman
Hubachiisa! Seenaa dhugaa kana yeroo dubbistan miira keessan jeequu danda'a.
Seenaan kun waggaa 50 dura kan raawwatedha. Bara 1972 xayyaarri waraana Yuraaguwaay namoota 45 fe'ee gara Chiilii deema ture gaarreen Andes irratti kufee caccabe.
Isaan keessaa namoonni 12 battaluma xayyarri kufee caccabetti du'an. Namoonni 6 miidhaman ammoo guyyoota muraasa ittaanan keessatti du'an. Kaan hafan 11 ammoo qorraa fi cabbii, beelaafi dheebuu, dhibeefi dhiphina dandamachuu dadhabanii erga booda keessa du'anii booda dargaggoonni 16 qofti lubuun hafan.
Kanneen xayyaaraan imalaa turan, abbaa qabeenyaa ganna 36 tokko malee, hunduusaanii dargaggoota ganna 19 hanga 26 turan. Dargaggoonni kun dorgommii ispoortii raagbii kilabnisaanii Old Christians Club jedhamu Chiilitti gaggeessurratti hirmaachuuf osoo imalaarra jiranii ture xayyaarriisaanii lafa namuu isaan qaaqabuu hin dandeenyeefi gaarreen Andes kan cabbiin marfametti kufee kan caccabe.
Guyyoota 72f achi buuteensaanii dhabame. Gaarreen Andes olka'iinsa guddaafi lafa cabbiin marfame waan ta'eef nama namaaf birmatu argachuun haa hafuutii waan lubbuu qabu ijaan arguun abjuudha.
Waan nyaatan waan dhabaniif kopheefi qabattoo isaanii nyaachuu eegalan. Lubbuun jiraachuuf carraan tokkichi isaan qaban foon hiriyootasaanii du'anii nyaachuu ykn akkuma hiriyootasaanii gaarreen keessatti soora allaattii ta'uudha.
Robeertoo Kaneesaa namoota balaa xayyaaraa kanarraa guyyoota 72 booda argamanii baraaraman keessaa tokkoodha.
Balaan xayyaaraa su akkamitti akka mudateefi foon hiriyootasaanii du'anii nyaachun lubbuun turuuf murteessun murtoo jabaa akkamii akka ta'e hima, kitaba I had to survive jedhus barresseratti.
Robeerton bara 1972 yeroo balaan xayyaaraa mudatu sana barataa ogummaa fayyaa ture. Hiriyoonnisaa balaa xayyaararraa hafan tokkoo lamaan beelaan gaafa isa biraa du'an 'kan ittaanu ana' jechuun du'aan wal-cinaa taa'aa turre jedha.
Gaarren Andes cabbiifi huurriidhaan kan marfameedha. Xayyaarri waraanaa Uruguayan Air Force Flight 571 taphattoota raagbiifi namoota kaan fe'ee deemaa ture gaarreen kanarra gaafa gahu duumessa keessaa ol bahuuf imaltoonni akka qabattoosaanii hidhatan itti himama.
"Keessummeessitootaa keessa tokko dhuftee amma gaarreenitti dhiyaannee jirra, duumeessa keessaa olbahuuf waan jennuuf qabattoo keessan hidhadhaa nuun jette. Duumessaafuu homaa arguun hin danda'amu. Isheen kana jettee karaa foddaan yoo ala ilaallu tulluutti baay'ee dhiyaannee jirra. Xayyaarri olbahuuf gaafa ka'u kallattiin tullutti bu'e," jechuun deemsi ollaa du'aa guyyaa 72 akkamitti akka eegale hima Robeerton.
Xayyaarri erga caccabee booda battalatti kaan du'anii Robeertofi hiriyoonnisaa biroo lubbuub hafan xayyaaricha keessaa bahan.
"Takka of-wallaalee lubbuun erga natti deebitee booda, poolisiifi ambulaansin amma dhufanii nu bararu jedheen yaade. Xayyaaricha keessaa bahee gaafan laalu gaarren cabbiin marfaman keessatti of-argeen abdii kutadhe.
"Hiriyoonni koo kaan ni dhiigu, kaan sibiilli garaasaanii keessa jira. Cabbiifi kattaa malee waanti nyaatamu tokkollee hin ture. Takka gaafa turtu, keessi kee waa nyaachuu akka qabdu sitti hima," jedhuun jalqabarratti kopheefi qabattoo ofii nyaachuu akka eegalan ibsa.
Mootummaan biyyattii xayyaara caccabe kana barbaachaf hojjattoota lubbuu baraaran bobbaasus haalli teessuma lafa bakka isaan itti kufanii rakkisaa ta'uurraa kan ka'e argachuu hin dandeenye.
Robeertofi hiriyoonnisaa har'aa bori baraaramna jedhanii osoo eeganuu torban tokkoo ol ta'e.
Hanguma dhihee bari'u warri lubuun hafe jiraachunsaanii gaaffii keessa galaa deeme. Kopheefi qabattoo kansaanis ta'ee kan hiriyootasaanii nyaatanii fixaniiru.
'Duunee banna malee nama taanee akkamitti foon namaa nyaanna'
"Jalqaba gaafa kopheefi qabattoo nyaannu waan nu summeessu nutti fakkaate- [kopheen yoo omishamu] keemikaala garaa garaa qaba waan ta'eef," jedha Robeerton.
Yeroo sana Robeerton barataa sayinsii fayyaa waggaa lammaffaa ture. Dhalli namaa nyaata malee hangam turuu akka danda'uufi waan murteessaa qaaama namaaf barbaachisu warra kaan caala hubannoo qaba.
Qaamni namaa keessumaa nyaata anniisaa kennu yoo hin arganne dafee akka du'u ni beeka. Hiriyootasaa keessaa tokko foon hiriyootasaanii du'anii nyaachuu gaafa yaadu waan sammuunsaa sirrii hin hojjanne itti fakkaate.
Akka Robeerton jedhutti jiraachuf foon hiriyootasaanii du'anii nyaachuu malee isaanis hiriyootasaanitti dabalamuun gara garummaa guyyaa lamaa sadii buluu malee akka hin oolle bareechee hubateera.
"Hiriyoota keenya keessaa tokko akkamitti foon hiriyoota keenyaa nyaanna. Nama tanee foon namaa nyaannaa? Kuni ta'uu hin qabu jedhe.
Barataa saayinsii fayyaa ta'uusaatin foon kutaa qaama namaa keessaa kamtu faatifi kaarboo hayidireetii akka qabu hubannoosaa qaba waan ta'eef foon hiriyootasaanii du'anii muree fiduun itti gaafatamummaansaa kan Robeertoo ta'e.
"Anaaf yeroo baay'ee ulfaataa ture. Hiriyoota koo [kanneen du'an] fedhiisaanii osoon hin gaafatin waanan foonsaanii kuteef akkan waanan eenyummaasaanii gudeedetti natti dhagahame. Keessikoo na ceepha'e," jedha.
Namoota lubbuun hafanii guyyaa 72 booda baraaraman keessaa yeroo sana umuriin hunda caala dargaggeessa kan ture Kaarlitoos Paa'ez ture.
Fiilmii seenaa namoota balaa xayyaaraa kanarraa hafanii seenessu Society of the Snow jedhurratti hirmaatera.
Namoonni hedduun fiilmimicha ilaalan garaa maalitiin foon namaa nyaatan kan jedhuufi hayyama nama du'ee osoo hin argatin akkamitti qaamasaanii muran kan jedhan jiru.
Kaarlitoos garuu yaada namoonni fiilmicha ilaalanii kennaniin baay'ee hin raafamu.
"Yeroon konfiransii garaa garaa irratti haasaa taasisu, osoo sin ta'ee maal gootu? Namni murtee nuti fudhanne kana hin fudhanne jiraa? Yoo jirate harka haa baasu jedheen gaafadha. Kan harka baasu hin jiru," jedha.
Balaan xayaarichaa qaqqabee guyyoota 10f osoo homaa hin nyaatin akka turaniifi mootumman illee barbaacha lubbuu baraaruu ijibbaatee akka gale hima.
"Guyyaa 10f osoo hin nyaatiniifi hin dhugin turuu fi hojjattoonni lubbuu bararuu abdii nu dhabanii abdii kutatanii dhiisuu ilaali.
"Mirga jiraachuufi qe'eetti deebi'uu akka qabnu hundi keenya keessa keenyatti murteessineerra," jechuun akkamitti foon hiriyoota du'anii nyaatanii lubuun jiraachuf akka murtessan ibsa.
Guyyoota kana hunda bakki oolmafi bulmaatasaanii xayyaaruma kufee caccabe keessa. Guyyaa kaan tuullan cabbii gaara irraa itti jijjigee isaanirra garagala. Har'aa bori mootummaan faana keenya dhahee nu arga osoo jedhanii midhaanif bishaan malee erga turanii guyyaa 10ffaatti oduun garaa isaan kutu dhagahame.
"Guyyaa kurnaffaatti reediyoo xiqqoo qabannee jirru osoo dhaggeeffannuu mootumman barbaacha lubbuu baraaruu adda kuteera kan jedhu dhageenye," jechuun waliisaanii malee eenyuyyuu sana booda akka hin jirre akka galeef yaadata Robeerton.
Foon hiriyootasaanii du'aniin nyaachun ala filannoo biraa akka hin qabne hubatan.
Yeroo foon nama du'ee nyaataa turre caala erga baraaramnee isa namni nuun jedhutu nu jeeqe
Dargaggoonni kun guyyaa foon hiriyootasaanii nyaatanii guyyaa 72 akka turan oduunsaa turee dhagahame.
Robeerton akka jedhutti yeroo foon namaa nyaataa turan caala erga baraaramanii inni namni jedhuun akka isaan jeequ dubbata.
"Isin warra foon nama du'ee nyaatee lubbuun ooledhaa nuun jedhu. Garuu nuti yeroo bitachuufi waktii cabbiifi qorraa sana dabarchuuf jennee kana murteessine," jechuun jechi namaa kan yeroo sana hamileensaanii isaan ceepha'e caalaa akka isa rakkisaa ture dubbata.
Yeroo jalqaba foon hiriyootasaanii nyaatan namoonni baay'en 'dhuguma nuti namaa?' miira jedhu keessa galanii akka turaniifi yeroo baay'ee ulfaataa akka ta'e hima Robeerton.
Boodarra suuta suuta itti baraa dhufan. "Maalifan akkas godhe jedhee ergan of ceepha'ee booda osoon hiriyoota koo du'an keessaa tokko ta'ee foon koo nyaatee namni lubuun baraaramu erga danda'ee maal abbaasaa jedheen sammuu kootti deebi'ee nagaa argadha.
Dargaggoonni kun foon hiriyootasaanii nyaataa isaan dandamachaa guyyoota 11 erga deemanii garren baay'ee rakkisaa keessaa lafa namni isaan arguu danda'utti akka bahan hima Robeerton.
Namoota 16 keessaa namoonni lama ofitti murteessanii ka'an. Teenyee hundi keenya du'a eeggachuurra jedhanii tarii lafa namni arguu danda'utti yoo baane jedhanii deemsa eegalan.
Deemsa dadhabsiisaa guyyaa kudhanii booda daangaa Chiilitti cehanii lafa namni jiraatu qaqqaban. Hojjattoonni lubbuu baraaran isaanifi hiriyootasaanii gaarren Albees keessatti hafaniif akka qaqqaban iyyatan.
Guyyoota 72 booda Mudde 23, 1972 lubbuun daraggoota 16 baraarame. "Helikptara nu baraaruf dhufte ofiratti arguu gaafan yaadadhu, jireenya koo keessatti taatee yeroo hunda hin dagatamnettan fudhadha," jedhe Kaarlitoos Paa'ez.
Dhumarratti erga hawaasatti makamanii hiriyootasaanii du'an nyaatanii baraaramuunsaanii dhagahamee, maatii hiriyootasaanii du'aniifi foonsaanii nyaatanii du'arraa oolanii dhiifama akka gaafatan hima Robeerton.