Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Faransaay Naton Yukireenitti akka duulu gaafatte, warri kaan ni morman
Ameerikaa, Jarman fi UK dabalatee biyyootni Nato hedduun yaada loltoota tokkummaa kanaa gara Yukireenitti erguu kufaa godhan. Yaadicha kan dhiyeesse Pireezidantii Faransaay Imaanu'eel Maakrooni.
Maakroon tarkaanfii fudhatamu keessaa ''wanti hafu hin jiru'' jedhan. Ammoo loltoota lafoo erguurratti waliigalteen waloo hin jiru jedhan.
Dubbii himaan mootummaa Raashiyaa Dimiitrii Peskoov Naton loltoota yoo duulchise ''lolli fuulaaf fuulaa ni ka'a'' jedhaniiru.
Loltootni Raashiyaa dhiyeenya kana Yukireen keessatti to'annoo bal'ifachaa jiru. Kiiv ammoo ''atattamaan meeshaan waranaa guddoon na barbaachisa'' jechuun iyyachaa jirti.
Pireezidant Maakroon Wiixata ibsa miidiyaaleef kennamerratti humna lafoo ''duulchisuun barbaachisaa ta'uu wantootni amansiisan jiraachuu malu'' jedhan. Dhimmichi waan filannoon ala godhamu akka hin taane dubbatan.
Maakroon yaa'ii ariifachiisaa Paarisitti Yukireeniif gargaarsa walitti qabuuf biyyootni Awurooppaa fi US walitti qabaman irratti dubbatan.
Raashiyaan Yukireeniin erga weerartee amma waggaa sadaffaasaa qabateera. Erga waraana addunyaa lammaffaatti waraanni Awurooppaa keessatti isa guddaadha jedhame kun dafee xumura akka argachuu danda'u agarsiiftuun hin jiru.
Yaadni Maakroon kun biyyootni Nato deebii akka kennan kan dirqisiise yoo ta'u, Pireezidantiin US Joo Baayidan ''daandiin gara injifannootti geessu loltoota Yukireeniif deeggarsa waraanaa gochuudha'' jedhaniiru.
Ibsi Masaraa mootummaa US irraa bahe loltootni Yukireen meeshaa waraanaa fi rasaasa of ittisuuf isaan gargaaru qabu'' jedha.
Ibsichi dabaluun ''Pireezidant Baayidan US Yukireen keessaa loluuf loltoota akka hin ergine ejjennoo ifa ta'e qabu'' jedha.
Chaansilarri Jarman Ulaaf Shiluus ejjennoo biyyi Awurooppaa ykn Nato kamuu loltoota gara Yukireen duulchisuu dhiisuuf qabamerratti jijjiiramni fudhatame hin jiru jedhaniiru.
Dubbii Himaan Ministirri Muummee UK Rishii Sunaak biyyisaanii loltoota hedduu bifa duulaan gara Yukireen erguuf karoora akka hin qabne ibsan. Ammoo humni muraasni Yukireenitti leenjii kennaa jira.
Waajirri Ministira Muummee Xaaliyaan Joorjiyaa Meloonii dhimma kanarratti ibsa baaseen deegarsi Yukireeniif godhamu loltootni Awurooppaa yookaan NATO dachee Yukireenitti duulchifamuu hin dabalatu'' jedheera.
Moskoon yaada Pireezidant Maakroon dhiyeessan kanaan waan miseensonni tole hin jenneedha jetti.
Yoo yaadichi raawwate garuu ''waraanni kallattii eegaluu mala osoo hin taane waan hin oolle ta'a'' jedhan Peeskoov.
Barreessaa Olaanaan Nato Jeens Staltenberg loltoota gara Yukireen erguurratti itti yaadaa jiru jedhamuu amma dura haalaniiru. Ammoo tokkummaan kun biyya ammallee miseensasaa hin taane Yukireeniin deeggaruu akka itti fufu beeksisanii turan.
Ejjennoo kana biyyootn akka Ispeen, Poolaandiifi Cheek Rippaablikis deeggaraniiru.
Raashiyan biyya meeshaalee waraanaa ammayyaa hedduu hidhattee jirtu yoo taatu, Yukireen ammoo deeggarsa michootashee warraa lixaarraa argattuun bara sadan darban waraanatti jirti. US biyya deeggarsa guddaa kennaafii jirtudha.
Pireezidant Baayidan tibba kana deeggarsa waraanaafi gosa kaanii doolaara biiliyoona 60 Yukireeniif akka kennamu ajajan koongireesiin biyyattii akka raggaasuuf gaafachaa jiru.