Kennaan boombii guyyaa dhalootaaf kenname gorsaa ajajaa waraana Yukireen galaafate

Yukireeniitti boombiin harkaa kennaa guyyaa dhalootaati jedhamuun kenname dhohuun gorsaan ajajaa waraana biyyattii ajjeeffamuun gabaafame.

Qondaalli umuriin waggaa 39 fi Kumaalaa Heenaadiiy Chaastaayikoov qophii guyyaa dhalootaatiin booda kennaa hiriyoota isaatiin kennameef osoo banaa jiruu ture boombiichi dhohee balaan kan irra qaqqabe.

Balaa kanaanis Kumaalaa Heenaadiiy lubbuu yoo dhaban ilmisaanii kan waggaa 13 irra miidhaan qaqqabuun gabaafameera.

Ministirri Dhimma biyya keessaa, Ihoor Kilaayimeenkoo akka jedhaniitti, jalqaba mucaatu qubeellaa bombichaa harkisaa ture.

‘‘Booda ammoo, abbaan mucaa boombicha mucaasaa harkaa fuudhee qubbeellaasaa yoo arkisuu dhohinsii badii kun qaqqabe,’’ jedhan.

Abbaan alangaa booda keessa balaan kun kan qaqqabee wayita boombicha ilmasaanii harkaa fudhuuf jedhanitti ta'uu himan.

Duutii miseensa waraanaa kanaas namoota siyaasaa Yukireen biratti dubbii ijoo ta'eera.

Miseensonni mana maree Maariyaafi Beezulaah jedhaman du'a qondaala waraanaa kanaas kan mudate of eeggannoo dhabuudhaan erga jedhanii booda, ''Chaasiyaayikoov of dagatee guyyaa dhaloota isaa irratti ni du’a jedhee yaadee hin beekun ture… boombiin harkaa meeshaa kennaan kennamu miti,’’ jechuun dubbatan.

Gama biraatiin ammo dhohinsichi kan mudate of eeggannoo dhabinsaan osoo hin taane, ta’e jedhamee nama waraanaa kana ajjeessuuf daba karoorfameeniidha kan jedhaniis hin dhabamne.

Ministirri Dhimma Biyya keessaa Ihoor Kilaayimeenkoo garuu, taatee ‘‘baayyee gaddisiisaadha’’ jedhaniin kanaan, qorannoo guutuun ni gaggeeffama jedhan.

Garuu hanga bu’aan qoranichaa ifa ta’utti namoonni haasaa kana ta’a jedhurraa akka of qusatan gaafatan.

Poolisiin mana dhohiinsi itti mudate kana keessaa boombiiwwan gara biraa shan kan argate yoo ta’u, boombiiwwan harkaa kunneenis haaluma walfakkaatuun kan akka kennaatti kennamaniifidha jedheera.

Mana koloneelii maqaadhaan hin eeramneetiis akkasumas poolisiin sakatta’insa gaggeessuun boombiiwwan lama argachUu beeksise.

Ajajaan waraana biyyattii Janaraal Vaaleerii Zaaluzahaanyi du’a gorsaa wayita dhagahaniitti baay'ee gadduu ibsuudhaan, gorsaan isaanii erga Raashiyaan biyyasaanii irratti weerara bal’aa bantee kaasee gumaata olaanaa taasisuu dubbatan.