'Raashiyaan loltootashee adda waraanaarraa baqatan ajjeesaa jirti'-US

Raashiyaan loltootashee adda waraanaa cimaa Yukireen gama bahaan jirurraa baqachuuf yaalan ajjeesaa jiraachuu Waayit Hawus hime.

Akka US jettetti taanaan, dhumaatiin loltoota Raashiyaa dhiyeenya Avdiivkaatti qaqqabe garri tokko "ajajawwanuma gaggeessistoota isaaniitiin."

Walakkeessa Onkoloolessaarraa kaasee loltoonni Raashiyaafi Yukireen magaalaa ijoo taaterratti lola hamaa keessa seenaniiru.

Raashiyaatiin yeroo kanatti miidhaan "xinnaa hin taane" mudateera.

Tilmaama warra Yukireeniin Raashiyaan adda waraanaa Avdiivkaa irratti loltoota 5,000 kan dhabde yoo ta'u, US ammoo Raashiyaan adda waraanaa kanarratti "yoo xiqqaate" konkolaataa waraanaa rasaasni hin urre 125 fi meeshaa bataaliyoonii tokkoo ol dhabdeetti jetti.

Dubbi-himaan humna waraanaa Yukireen akka jedhutti, miidhaan guddaan waan irra gaheef loltoonni Raashiyaa dhiyeenya Avdiivkaatti Yukireen keessa seenanii loluu didaa jira. Garee isaanii tokko tokko keessatti ammoo fincilliyyu ka'eera jedha qondaalli Yukireen kun.

"Humnoonni Raashiyaa akkuma haleellaa ganna darbe gaggeessanii jalaa fashalaa'e, ammas leenjiifi meeshaa gahaa osoo hin qabataniin osoo hin qophaa'iin bobbaafamu," jedha dubbi-himaan Mana-maree Nageenyaa biyyaalessaa Joon Kirbii ibsa Kamisa kenneen.

Humni waraanaa Raashiyaa " tooftaa 'dambalii ummataa' isa jennu sana waan fayyadamaajiru fakkaata. Calluma jedhanii waraana kanatti loltoota leenjii gahaa hin fudhanne itti oofu, jedha.

"Meeshaan sirriin hin jiru, gaggeessaan hin jiru, dhiyeessiin hin jiru, deeggarsi hin jiru. Humnoonni Raashiyaa hamilee kufaan rakkachaa jiraachuu arguun waan nama ajaa'ibu miti," jedha Mr Kirbiin itti dabaluun.

Avdiivkaa - magaalaa Raashiyaan qabatte Doontesk dhiyoo kan ta'e, qabachuun loltoonni Raashiyaa adda sanaan waraana Yukireen itti dhufe duubatti deebisanii akka isaan gara naannoo Doonteskitti caalaa seeaa hin dhufne gochuu danda'u ture.

Avdiivkaan magaalaa uummanni 30,00 keessaa godaaneefi humnoonni Raashiyaa osoo walirraa hin kutiin haleellaa irratti gaggeessaa turanidha.

Jaqaba torban kanaa pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin haala achi jiru "addatti hamaadha" jedhuun ibse.

Kamisa darbe US paakeejii gargaarsa waraanaa dolaara miliyoona 150 Yukireeniif akka taasiftu beeksisteetti. Kun ammoo meeshaa waraanaa hunda gurguddaa qaban, konkolaataa waraanaa xixiqqaa rasaasni hin urreefi meeshaa farra taankii dabalata.

Haata'u malee, jalqaba torban kanaa garee warra Rippabilikaanirraa Maayik Joonsan afa-yaa'ii Mana-maree Bakka-bu'ootaUmmataa US ta'ee filamuusaatiin booda gargaarsi dabalataa Yukireeniif taasifamu gaaffii keessa gala jedhamee yaada.

Paartii Rippabilkaan keessaayyu leellisummaan kan beekamu Mr Joonsan, gargaarsa dabalataa US Yukireeniif taasiftu ni morma. Yeroo darbes labsii gargaarsi Yukireeniif taasifamu dhorkamuu qaba jedhu deeggaree ture.

US hanga ammaatti meeshaa waraanaa dolaara Biliyoona 46 baasu Yukireeniif kennuun biyya hunda caalaa Yukireeniif arjoomtedha. Kana malees, bifa maaalaqaafi gargaarsa namoomaanis dolaara biliyoona hedduu kenniteettiif.

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Guraandhala 2022 ture Yukireen irratti weerara guutuu kan bane.