Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan shaakala nuukilaraan haleeluu ‘guddaa’ taasisuu himte
Raashiyaan dandeettii haleellaa nuukilaraan ‘‘guddaa’’ raawwachuurratti shaakala gaggeessuu Kireemiliin beeksiifte.
Shaakalli waraanaa kun‘‘diinaaf deebii haleellaa nuukilaaraa keennuu’’ kan hammatu ta’uu Ministirri Raayyaa Ittisa biyyattii Sargeey Shooyiguu dubbatan.
TV mootummaa biyyattis wayita Shooyiguun waa'ee shaakalichaa pirezidant Vilaadmiir Puutiniif ibsan agarsiise.
Dhimmi kun Mooskoo waliigaltee yaalii meeshaa waraana nuukilaaraa qaamaan taasifamu kamuu dhorku keessaa bahun erga paarlaamaa biyyattiin deeggarameen boodadha.
Raashiyaafi Ameerikaan qophaa’insa moodeelii nuukilaaraa ni gaggeessu. Raashiyaan ammoo akkuma barame dhuma baatii Onkololeessaa irratti shaakallii gaggeessiti.
Ibsi Kiremilii akka jedhetti, ‘‘dhokaasuun misaa’eloota baalistiikiifi kiruus qabatamaan raawwatameera.’’
Misaa’elli baalastikii fageenya dheeraa furguggamu Yaars kan bakka shaakallii Raashiyaa baha fagootti argamurraa dhokaafame yoo ta’u, misaa’ellii gara biraa ammo doonii humna miisaa’elii bishaan jala deemtu kan galaana Baareentis irraa ta’u ibsichi himeera. Ministeerri Ittisaas fakkii shaakalichaa gadi lakkiiseera.
Suuraan waraabbii viidiyoo irraa fudhatamee ministira raayyaa ittisaatiin gadi dhiifames, miisaa’el baalistikii Yaarsi ardiiwwan qaxxaamuru agarsiiseesa.
Jalqaba baatii kanaattis, Obbo Putiin Raashiyaan ‘‘yaalii milkaa’aa’’ misaa’el kiruus nikulaaraan guutame geeggeessuu dubbataniiru.
Meeshaan waraanaa yaalii bara 2018tti yeroo jalqabaatiif ifa taasifame kun, fageenyaa daangeeffamne kan hin qabneedha jedhamee kan leelliifame yoo ta’u, jechi Pirezidanti Putiin kun garuu walabaan hin mirkanoofne.
Yaaliiwwan dhiheenyaa kunneenis, Mooskoon waliigaltee dhorkaa yaalii niikulaara addunyaa dhaabeen waliin wal simsiisuun humna ishee agarsiisuuf kan raawwatme ta’e ilaalamaa jira.
Paarlaamaan biyyattiis Roobee darbe waliigalticha keessaa bahu Raashiyaa irratti seera kan ragaasise.
Putiin ejjannoo Ameerikaan irratti jijjirama taasifame, Waliigaltee Dhorkaa Yaalii Nikulaaraa Waliigalaa (CTBT) garuu mallataa’u malee kan hin raggaasifame, akka deeggaraniif ministirootaaf waamicha taaseesee ture.
Waliigaltiin bara 1996 irratti waliigalame, CTBTn addunyaarratti essattuu ‘‘dhohiinsi shaakala meeshaa nikulaaraa ykn meeshaa nikulaaraa dhohuu kamuu’’ ni dhorka.
Raashiyaan bara darbe Guraandhala keessa wayita Yukireen weerarteetti waraana nikulaaraa irratti yaaddoon umamee ture.
Waxabajjii keessa ammo, Raashiyaan meeshaa waraana taakitikaal nikulaaraa jalqabaa Beelaaruus keessa olkeesse. Obbo Putiin meeshaaleen kunnneen faayidaarra kan oolfaman yoo daangaan ykn biyyi Raashiyaa yaaddoo irratti kufe qofaadha jechuun isa ani yaadatama.
Ameerikaan gama sheetiin Raashiyaan waraana Yukiren irratti meeshaalee waraanaa nikulaaraa fayyadamuudhaaf karoora qabaachuuf wanti agarsiisuu akka hin jirree himtee turte.