Yukireen ji'atti diroonii 10,000 waraanaan dhabaa jirti- Gabaasa

Waraana Raashiyaafi Yukireen gidduutti gaggeefamuun dirooniiwwan qaama lamaaniinuu sadarkaa olaanaatti fayidaarra oolu.

Chaayinaa, biyyi hamma hedduun diroonii gabaa idila addunyaaf dhiyeessitu, gurgurtaa dirooniisheerratti daanga kaahuun Yukireeniin yaaddessuu eegaleera.

Dirooniiwwan Yukireen fayyadamtu harki hedduun Chaayinaarraa dhufu. Ammoo dirooniiwwan hedduu waraana keessatti waan dhabdeef dhiyeessii haaraa barbaaddi.

Dhiyeessiin diroonii fi meeshaalee jijjiirraa Raashiyaas Yukireenis miidhuuf adeema.

Akka gabasani dhaabbata biyya UK jiru, Royaal Yunaayitiid Serviis Inistitiyuut jedhamu tokko jedhutti, Yukireen ji'a ji'aan dirooniiwwan 10,000 waraana kanaan dhabaa jirti.

Tola ooltotni adda addaa maallaqa guuraniin arjoomni Yukireen argattu garuu salphaa miti.

Dirnoowwan waraanaa akka Baayiraaktar kan Turk omishtuufi Yukireen itti fayyadamtu, akkasumas Shaheed kan Iraan oomishtee Raashiyaan itti fayyadamtu cinaatti, kanneen dirooniwwan 'komeershiyaalii' jedhamanis waraana kana keessatti gahee bahaa jiru.

Daangaan gurgurtaa dirooniirratti Chaayinaan keesse, Fulbaana 1 hojiirra ooluu eegale. Dhorkaan kun dirooniiwwan fageenya dheeraa imalaniifi ulfaatina 4kg ol qaban akkasumas, meeshaalee diroonii akka kaameraa fi raadiyoo qunnamtii of keessa qaban irratti fudhatame.

Chaayinaan dirooniwwan 'komeershiyaalii' gabaa addunyaaf dhiyeessitu waraanaaf hojiirra akka hin oolle gaafatteetti.

Loltootniifi arjoomtotni Yukireen dhorkaan Chaayina ammatti dhiibbaan geessisaa jiru guddaa miti jedhu.

Haata'u malee, dhiyeessiin qaamolee jijjiirraa diroonii hanqina guddaa uumaa waan jiruuf rakkoon dhiyeessii diroonii fuula duratti kana caala hammaataa deema jedhanii yaaddahu.

''Wanti amma jijjiirame man-kuusaalee Awurooppaa keessa warra jiran hunda bitachuudha'' jedhan dhaabbata tola oolaa diroonii hedduu waraana biyyattiif gumaachu tokko kan hoogganan Yuuba Shiyopoovich.

''Wanti fuula duratti goonu ifa miti'' kan jedhan dubartiin kun, qaamni diroonii gabaarraa dhabamuun keessumaa ammoo kan kaameraa baayyee yaachisaadha jeedhan.

Qaamolee diroonii bitanii biyya keessatti kanneen tolchaniif haalli kun rakko guddaa ta'eera.

Chaayinaan warra dirooniishee ykn meeshaalee diroonii bitaniirraa hayyama gaafachuu eegaluun Yukireen meeshaalee kana salphaatti akka hin arganne gochaa jira.

Opireetariin diroonii tokko bakka Chaayinaa dhiyeessitoota biyya biroo akka filannootti barbaadaa akka jiran dubbata.

Addunyaarratti dirooniiwwan komershaalii gurguruun adda duree kan ta'e DJI waraanni Yukireeniifi Rashiyaa erga eegalee booda ji'a lama gidduutti biyyoota lamaaniif gurgurtaa diroonii godhamu dhorke. Itti dabaluunis dhabbilee Yukireeniifi Raashiyaa keessaa maamiltoota qabanitti gurguruu dhiiseeera.

Hagayyaa fi Fulbaana gidduu dhiyeessin diroonii Chaayinaa gabaa Awurooppaa keessattis akkaan gadi bu'uu Shiyopoovich ni dubbatti.

DJI dhiyeessii dirooniirratti jijjiirama godhe yoo qabaate akka ibsu BBCrraa gaaffii dhiyaateef hanga ammaa deebii hin laanne.

Qorannoon Niiw Yoork Taayims akka agarsiisutti gurgurtaan diroonii Chaayinaan gara Yukireenitti goote xiqaateera, garuu ammoo Yukireen qofa miti kan miidhame.

Gaazexaan Raashiyaa Kommersant jedhamu maxxansasaa gaafa Fulbaana 1 baasen, dhorkaan aanga'oonni Chaayinaa kaahan dhiyeessii diroonii Raashiyaan barbaddurratti rakkoo uumeera, hanqinni qaamolee jijjiirraa diroonii kanneen akka termaal Imeejiin Kaameraa mudateera'' jedheera.

Warri Raashiyaa dhiyeessiin diroonii kallattiin dhufuu wayita rakkisaa ta'u, biyyoota akka Kaazaakistaan keessaa bitatu. Ammoo biyyootni Eeshiyaas diroonii fi qaama diroonii galchuurratti seera cimsuun isaanii rakkinicha walxaxaa taasiseera.

Yukireeniif diroonii kan galchu Anatoolii Polkovinikoov rakkoon amma mudataa jiru kun Yukireen dhaabbilee biyyuma keessa jiraaniin humna diroonii omishuu akka horatan kakaasuu qabu jedhu.

Waraana as dhiyoo addunyaarratti gaggeefaman keessaa hanga diroonii fayidaarra oolaaniin waraanni Raashiyaafi Yukireen kun adda dureedha jedhamee amanama. Biyyootni lamaanuu itti fayyadama teeknoolojii kanaa cimsuuf murannoo qabu.