Lola hidhattoota Oromiyaa keessaan dirooniin hangam mootummaa gargaara?

    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Baatilee muraasa darban keessatti mootummaan Itoophiyaa bakkeewwan giddugaleessaafi lixa oromiyaa bakkee hidhattoonni sosso’anitti haleellaa qilleensaa raawwataa jira.

Mootummaan ifatti dhimma kana irratti waan dubbate jiraatu baatus jiraattonni haleellaa kanaan lammiileen nagaas lubbuu dhabaa akka jiran BBC’tti himaniiru.

Haleellaan kuni sochiin hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan paarlaamaan Itoophiyaa Shanee jechuun waamu dabaluu waliin walqabata.

Haa ta’u malee, haleellaa kanneen dura gama mootummaati lammiileen akka of eegan ergaan ummataaf darbe hin jiru.

Dirooniiwwan waggoota 20 dura riphee loltoota loluuf Ameerikaan dhoksaan erga fayyadamuu jalqabdee eegalee yeroo ammaa biyyoonni Afrikaa baay’ee dhimma itti bahaa jiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaan itti-fayyadamni diroonii [xiyyaara nam-maleessa] humni waraana mootummaa qilleensarratti caalmaa akka fudhatu taasiseera.

Keessumaa humnoonni Tigraay imala isaanii gara Finfinnee yeroo taasisan dhiheessii, meeshaa fi konkolaattota waraanaa isaanii hubuu kana dura ajajoonni humnoota Tigraay ifatti amaniiru.

Diroonii lafa akkamiitti milkaa’a? Hangam mootummaa gargaara? Sochii hidhattoota Oromiyaa keessaa hangam danquu danda’a? Muuxannoon biyyoota Afrikaa maal fakkaata?

Riphee loltoota Oromiyaa keessaa

Duraan dursa walitti bu’iinsaafi akkaataa lola Oromiyaa keessa jiru hubachuun barbaachisaadha.

Hidhattooti WBO bara 2019 dhaaba ABO seeraan galmaa’erraa adda bahuun qabsoo hidhannootti fufan gara caalu riphanii loluu, akkasumas tasa haleellaa raawwatu.

Ajajaan waraana Itoophiyaa turtii kana dura BBC waliin taasisaniin ‘waraana dura dhaabatanii hin lolan’ jechuun isaan ibsan.

Kunis, sochii waraanaa Kaaba biyyattiitti gara caalu meeshaa gurguddaan utubameefi ifatti taasifamu [conventional war] irraa adda taasisa.

Hidhattooti Oromiyaa keessaa michuu TPLF ta’uu kana dura labsan akka humnoota Tigraay meeshaaniis ta’e lakkoofsaan hin baay’atan.

Taatullee waraana Kaabatti eegale hordofee gara Lixaa irraa gara giddugaleessa biyyatti sosso’uun sochii isaanii babal’isuu hima dhaabbata Crisis Group’tti qorataa Itoophiyaa kan ta’e Wiiliyaam Deevisan.

''Waggoota muraasa darban hidhattooti WBO cimina dabalataniiru akkasumas mootummaan paartilee Oromoo irratti dhiibbaa cimsetti lakkoofsaanis ta’e bakkee itti sosso’an bal’isaniiru,’’ jechuun hima.

Haa ta’u malee sochiin hidhattootaa ‘’mootummaa federaalaaf mitii aangoo mootummaa naannoollee sadarkaa yaaddoorra buusuu hin geenye,’’ jechuun ibsa.

'Ija samii keessaa' - Dirooniiwwan

Gosi lolas ta’e sochiin hidhattoota kan Kaaba Itoophiyaa jiruun adda ta’e kanatti hidhattoota Oromiyaa keessa sosso’an irratti haleellaan qilleensaa hangam fayyada?

Dhimma itti-fayyadama kana irratti xiinxaltoonni yaada garagaraa qabu.

Qorataan dhimma nageenyaa fi ijaarsa nagaa [peace building] buufata isaanii Landan dhaabbata Firoz Lalji Institute for Africa taasifatan Dr Mabraatu Kallachaa, lolli Oromiyaa keessa adda jechuun ibsu.

‘‘Tooftaan riphee loltummaa basaasa, haleellaa tasaa banuu, waldura-dhaabbannaa xiqqaafi dheerateen [yeroo] humna mootummaa hubuurratti xiyyeeffata,’’ jechuun ibsu.

Sababa walitti bu’iinsa Tigraay irraa garaagar ta’e kanaan ‘’Lixa Oromiyaatti diroonii fayyadamuun mootummaaf faayidaa isaarra midhaa isaatu caala,’’ jechuun ibsu.

''WBO’n meeshaa salphaa fayyadamuun riphee loltummaa waan gaggeessuuf, mootummaan diroonii fayyadamuun galmi isaa akka xiqqaatuufi lammiileen nagaa baay’inaan akka miidhaman taasisa.’’

Hidhattooti kana akka carraatti ololaaf fayyadamuun miseensota biroo horachuuf akkasumas deeggarsa dabalachuuf itti dhimma bahuu malu jechuun himu.

''Riphee loltummaan basaasa, haleellaa tasaa, waliin dhahuu, danqaa uumuufi faana dhahuu irratti waan xiyyeeffatuuf haleellaan diroonii waan mootummaan fedhu hin argamsiisuuf,’’ jechuun himu.

Wiiliyaam Deevisaniis kanaan waliigalu. ‘’Tigraayitti, bakkeewwan siviliis rukutu, yeroo baay’ee dirooniin meshaalee waraanaa jabaafi konkolaattota waraanaarratti xiyyeeffata.

''Oromiyaa keessa garuu haleellaan qophii eebbaa WBO akkasumas eega hidhattooti magaalaa to’atan booda tarii finciltoota waan deeggaraniif adabuuf namoota nagaarratti xiyyeeffate,’’ jechuun ibsu.

Xiinxalaan lammii Ameerikaafi dhimma nagaa, tasgabbiifi bulchiinsa Afrikaa irratti gorsa kan kennan Kaameron Haadsan immoo mootummaaf humna aka dabalu ibsu.

Waraanni raayyaa ittisa biyyaa lola Tigraay keessa tureen ''dadhabbii keessa jira’’ jechuun ibsu. Haa ta’u malee, dirooniin ''caalmaa tooftaa’’ ni qabaata jechuun himu.

Jiraattonni BBC’n dubbise haleellaa qilleensaa raawwateen hidhattootis ajjeefamuu himaniiru.

Mootummaan hangam itti -fayyadama diroonii kanaan akka milkaa’es ta’e sababa murtee kanarra gaheef waan dubbate hin qabu.

Lafa akkamiitti dirooniin ergamti?

Xiyyaaronni nam-maleeyyii bal’inaan maqaa dirooniin haa waamaman malee waraanaa keessa gara caalu Unmanned Aerial Vehicle (UAV) jedhamanii beekamu.

Meeshaan kuni waraana gurguddaa keessa hojiirra ooluu dura farra-waraana riphee loltootaa ta’un keessumaa dura aantummaan Ameerikaan hojiirra oolu eegale.

Diroononni lafa namaan balali’uun rakkisaa yookiin balaa qaba jedhamutti hojiirra oolu.

Meeshaaleen kuni haleellaa raawwachuu qofa osoo hin taane odeeffannoo walitti qabuu, erguu, basaasa gaggeessuu, akkasumas qorannoo gaggeessu dabalatu.

Waraana Raashiyaafi Yukireen adeemaa jiruun hulaa diinaa baruufi lafa diinni dahate adda baasu. Eegasiis haleellaa waraana guddaa raawwachuuf hojiirra oolaa jiru.

Silaa diroonii malee lubbuu waraana adda baasuuf ergamu galaafata jechuun ibsu ekispartoonni.

Namoota waraanaan dirooniin bakka qiyyaafate akka rukutuutti fudhatama. Haa ta’u malee, gidduutti lammiileen nagaa miidhamuun ijoo dubbii akkuma ta’etti jira.

Muuxannoo Afrikaa keessaa

Mootummaan Itoophiyaa dhimma diroonii waraanaa qabu irratti ifatti hin dubbatu. Lakkoofsaan meeqa akka qabuus hin beekamu.

Gosoonni diroonii meeqa akka ta’an ibsamuu baatus kana dura garuu Ameerikaan Iraan Itoophiyaaf diroonii gurguruu ibsitee turte. Taatullee, mootummaan waan dubbate hin qabu.

Kan Iraan ala Itoophiyaan Turkii, akkasumas Chaayinaa biraa diroonii argachuu akka hin oolle gabaasonni ibsu.

Haa ta’u malee, Itoophiyaan diroonii argachuun ishee yoo ibsamu kuni yeroo duraaf miti.

Waggoota 15 dura Ameerikaan waraana Itoophiyaa al-Shabaab lolu dirooniin tumsuurra darbee Arbaa Mincitti buufata diroonii tolfattee turte.

Biyyoonni Afrikaa garagaraa, Itoophiyaa dabalatee, riphee loltoota akkasumas jihaadistootarra irra-aanuuf diroonii itti fayyadamu.

Keessumaa hidhattoota bakkaa bakka sosso’aniifi riphanii haleellaa tasaa raawwatan adamsuuf itti dhimma bahu.

Ameerikaanis hidhattoota al-Shabaab irratti akkasumas Naayijeeriyaan Boko Haraam ittiin loluuf itti dhimma baati.

Waggoota muraasa darban sababa wal dhibdeen biyya keessaa dabaleefi waraana farra-shororkeessummaan biyyoota Afrikaa keessa itti fayyadamni isaa dabaluu gabaasonni ni agarsiisu.