Dhimmoota ijoo shanan bara 2024'tti kallattii waraana Yukireen bocan

Yeroo waggoota lama ta’uuf ajandaa miidiyaalee addunyaa kan ture waraanni Yukireen bara faranjootaa 2024’ttis itti fufa. Garuu waraanichi haala kana dura tureen kan itti fufu hin fakkaatu.

Dhimmoonni ijoon shan waraana Yukireen irratti dhiibbaa gochuun kallattiisaa bocuu danda’an kunooti:

Maallaqa

Waggoota lama dura ALA Onkololeessa 2022 waraanni Yukireen fi Raashiyaa yemmuu eegalutti dandeettiin ofirraa qolachuu Yukireen agarsiifte heddu kan ajaaibsiifamefii michuuwwanshee meeshaa waraanaa akka ishee deeggaraniif kan taasise ture.

Haa ta’u malee kun bara 2024 keessa waan jijjiiramu fakkaata. Sababnisaammoo gargaarsawwan biyyattiif taasifamuuf yaadaman lama yeroof tursiifamaniiru.

Gargaarsi Yunaayitis Isteetis, Yukireeniif taasiftu miseensota koongirasii biyyattiin sagaleen irratti kennamee ragga’uu qaba. Baasiin kun marii gareeleen siyaasaa US lamaan: Ripablikaanonni fi Dimokiraatonni taasisan keessas darba.

Gargaarsi waraanaa Doolaara biliyoona 61 (Birrii Tiriliyoona 3.4 olitti tilmaamamu) kunis ji’a Amajjii dura kan irratti mari’atamuu miti.

Gamtaa Awurooppaa (EU) keessattis waadaan maallaqaa Doolaara biliyoona 55 Yukireeniif galame marii cimaa biyya Hangarii fi miseensota gamtichaa kunneen biro gidduutti taasifamurratti hirkateera.

Hangariin biyyoota Gamtaa Awurooppaa biroorraa bifa adda ta’een Raashiyaa cinaa kan hiriirte yemmuu ta’u deeggarsi Yukireeniif taasifamu hundi akka dhaabbatus barbaaddi.

Meeshaalee waraanaa

Duubatti harkifachuun gargaarsa biyya alaa Yukireeniif taasifamu dhiyeessii meeshaalee waraanaa biyyattiin loltootasheef gootu laaffisaa jira. Kunis Yukireeniif yaaddoo, Raashiyaaf ammo ofitti amanamummaa gonfachiisaa jira.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putin, ibsa dhuma waggaa ilaalchisuun kennaniin, waraanni isaanii yeroo keessa cimaa akka deeme garuummoo michummaan Yukireeniif warra Lixaa dhumataa jiraachuu himan.

Gama biraatiin Pirezidaantiin Yukireen, Volodimir Zeleniskii haalli jiru ulfaataa ta’ullee gargaarsi waraanaa waadaa seenameef yeroo gabaabaa keessatti akka kennamuuf abdii qaban himaniiru. Waraanicharratti bu’aaqabeessummaan isaanii kan himameef dirooniiwwan baay’inaan akka omishanis himaniiru.

Ji’a Sadaasaa keessa Gamtaan Awurooppaa karoora dhukaafamaa abbaa milimeetira 155 lakkoofsaan miliyoona tokko ta’u ji’a Bitootessaa bara 2024 keessa Yukireeniif kennuuf ture milkeessuu akka hindandeenye beeksiseera.

Zeleniskiin gamasaaniitiin Yukireen haleellaa gara Raashiyaatti taasiftu dursitee eegaluu dhabuunshee sababa hanqina meeshaa waraanaatiin ta’uu eeraniiru. Waraanni Yukireenis dhukaafamaa gurguddaa (shells) qusannaan fayyadamaa akka jiran daafif deebii BBC waliin taasisaniin himaniiru.

Hanguma loltoonni Yukireen meeshaan waraanaa gahaa dhaban iddoowwan qabatanfii lafasaanii dhabaa deemu. Yeroo ammaa kanattis lafti Yukireen dhibbeentaan 17 to’annoo Raashiyaa jala jira.

Yukireen waraanichi diinagdeesheerratti kasaaraa Doolaara biliyoona 150 akka fides kan tilmaamte yemmuu ta’u, bara faranjootaa 2024 keessas Doolaara biliyoona 43.2 waraanaaf baasii gochuuf karoorfatteerti. Gama biraatiin bajanni waraanaa Raashiyaa immoo haala kana dura mul’atee hinbeekneen Doolaara biliyoona 112 akka ta’u tilmaamameera.

Uummata

Bara 2024 keessa Yukireenifis ta’e Raashiyaaf loltoota gahaa qabaachuun qormaata ijoodha. Onkololeessa 2022 dura baay’inni uummataa Yukireen miliyoona 44 kan ture yemmuu ta’u, harki caalmaan deebi’aniiru jedhamullee lammiileen biyyattii miliyoona jaha ta’an sababa waraanichaan biyyattii gadhiisanii bahuunsaaniitu tilmaamama.

Kana malees kuma dhibbaan kan lakka’aman haleellaafii weerara Raashiyaan iddoo jireenyaasaaniitii buqqa’aniiru. Lammiileen nagaa kumaan lakka’amanis ajjeefamaniiru.

Kanaafis loltoota haaraa walitti qabuun leenjisuun biyyattiif ulfaataadha. Labsii biyyattiin waraanichaan walqabatee labsiteen dhiiroliin umriinsaanii waggaa 18 hanga 60 ta’an biyyattii dhiisanii bahu hin danda’an.

Ministirri Ittisaa Yukireen, Rustem Umerov biyyisaanii lammiileeshee biyyoota alaa jiraniif waamicha dirqama waraanaa gochuu akka dandeessu himaniiru.

Dhiiroliin umriinsaanii waraanaaf gahefii kuma dhibbaan lakka’aman biyyoota biro keessa akka jiraatan amanama. Biyyi Awurooppaa Istooniyaan dhiirolii lammummaa Yukireen qabanfii biyyashee keessa jiran waraanaaf gama calaluutiin Yukireeniif gargaarsa akka gootu beeksifteerti.

Gama biraatiin baayy’ina loltootaafi uummataa guddaa kan qabdu Raashiyaan baay’inni uummataashee miliyoona 144 akka ta’e himama. Haa ta’u malee waraana waggoota lamaan darbanii keessatti biyyattiin loltootashee leenjii ciccimaa fudhatan dabalatee loltoota heddu dhabdeerti.

Weerara Yukireenfi waamicha loltummaa biyyattiin taasifte hordofee lammiileen Raashiyaa miliyoona tokko ta’anis biyyattii gadi dhiisanii bahaniiru. Angawoonni Raashiyaas gara hidhamtoota fi baqattoota karaa seera qabeessa ta’een hin galmaa’iin waraanaaf sassaabuutti fuula garagalfatan.

Lakkoofsi loltoota du’anii garee lachuunuu ifatti himamuu baatus Yukireen loltoota kuma kudhaniin lakkaa’amu akka dhabde tilmaamama.

Gama Raashiyaatiin immoo BBC Raashiyaan Sarvis loltoota ajjeefamuunsaanii mirkanaa’e kan qindeesse yemmuu ta’u, hanga dhuma ji’a Mudde bara 2023’tti lakkoofsi loltoota Raashiyaa BBC’n galmaa’e 40,000 dha.

Dhaabbanni basaasaa Yunaayitid Isteetis gamasaatiin gabaasa tibbana baaseen Raashiyaan loltootashee 315,000 du’afi madoon dhabdeerti jedha.

Nuffamuu Yukireen

Ammatti dhimmi Yukireeniif yaaddoo ta’e tokko ilaalchifi deeggarsi biyyattiin uummatoota biyyoota michuu biraa qabdu hir’achaa dhufuu isaati.

Filannoowwan dhiyoo kana Neezarlaand fi Slovaakiyaa keessatti adeemsifamaniin deeggarsi Yukireen xiqqaatera. Slovaakiyaan gargaarsa Yukireeniif taasiftu kan dhaabde yemmuu ta’u, Neezarlaandis jeettiiwwan waraanaa F-16 Yukireeniif kennuuf waadaa seentee turte kennuu dhiisuu malti.

Gama biraatiin Yunaayitis Isteetis Waggaa tokko booda Sadaasa 2024 filannoo pirezidaantummaa kan adeemsiftu yemmuu ta’u, Doonaald Tiraamp yoo injifatan imaammanni biyyattiin waraana Yukireenfii Raashiyaarratti qabdu akkaan jijjiiramuu mala.

Yaada uummataa Ameerikaa keessatti walitti qabameenis lakkoofsi namootaa Ameerikaan hanga maluu ol Yukireen gargaaraa jirti jedhanii amanan dhibbeentaa 21 irraa gara dhibbeentaa 41’tti ol guddateera. Biyyoota Gamtaa Awurooppaa 27 keessaa saddeet keessattis kunneen Yukireeniif deeggarsi hinmalu jedhantu baay’ata.

Bara haaraa 2024 kanattis Yukireenis taate Raashiyaan biyyoota bantii Kibbaarraa deeggarsa argachuuf tattaafachuu itti fufu. Haala hanga ammaa jiruun biyyoonni Baha Giddugaleessaa, Ameerikaa Kibbaa fi Afriikaa heddun faallaa US dhaabbachuun Raashiyaaf michummaa agarsiisaa jiru. Waraanni biyyoota lamaanii erga eegalee boodas Raashiyaan michummaa duraanuu qabdu cimsuuf yemmuu sochootu Yukireen immoo deeggarsa argachuuf hojjechaa turteerti.

Ji’oota 12 darban keessas Ministirri Hajaa Alaa Raashiyaa Sargeey Laavrov al afur gara Afriikkaatti imaluun biyyoota 14 daawwataniiru. Gitnisaanii Yukireen Dimitroo Kuleba immoo yeroo ji’oota 12 darban keessa al lama gara Afriikkaatti imaluun biyyoota sagal daawwataniiru.

Haa ta’u malee dhiibbaa Raashiyaan Afriikaa keessatti qabdu injifachuun Yukireeniif dhimma ulfaataadha.

Tapha xummuraa

Waraanni Yukireenifii Raashiyaa haala kamiin xummuramuu danda’a kan jedhu gaafii namoonni siyaasaafii xinxaltoonni deebisuuf yaalaa turanidha.

Yukireen gamasheetiin yoo Raashiyaan guutummaatti Yukireen keessaa baatee daangaan hawaasa idil addunyaan beekamu kabajame qofa waldhabdichi akka dhaabbatu himti. Raashiyaan immoo gamasheetiin warra Lixaa waliin waraana bal’aa keessa akka jirtufii loluu akka itti fuftu himti.

Haa ta’u malee waraannichi bara 2024 keessallee itti fufuun Yukireeniif mancaatiifii yaaddoo du’aa, Raashiyaaf immoo rakkoo diinagdee qaqqabsiisaa itti fufa.

Waraanni Gaazaa ammallee furmaata hin argatinfii walitti bu’iinsawwan haaraa uumamaa jiranis xiyyeeffannoon waraana Yukireenfii Raashiyaaf kennamu xiqqeessaa jiru.