Qondaalli Mana Maree US Masrii deeggaruuf matta'aa fudhachuun himataman aangoo gadhiisan

Dura taa'aan koree dhaabbii hariiroo dhimma alaa mana maree bakka bu'oota uummataa Ameerikaa Boob Mendez, mootummaa Masrii deeggaruuf matta'aa fudhachuun erga himatamanii booda aangoo isaanii gadhiisaniiru.

Ministeerri Haqaa Ameerikaa nama siyaasaa fi haati warraa isaanii, mootummaa Masrii deeggaruuf matta'aa doolaara kuma dhibbaan lakkaa’amu fudhachuu isaanii himate.

Namoonni kunneen dhoksaan mootummaa Masrii gargaaraa turan himannaa jedhu haalaniiru.

Akka himannaan fuula 39 qabu Jimaata darbe bahetti, Mendez aangoo isaanii fayyadamuun malaammaltummaa biyya keessaa fi biyya alaatti raawwatamu keessatti dhiibbaa uumaniiru.

Dura taa’aan koree dhaabbii kun dippilomaatota Imbaasii Masrii US keessatti argamu keessaa hojjetaniif odeeffannoo iccitii olaanaa qooduu, akkasumas mootummaa Masrii dhoksaan deeggaruun himatamaniiru.

Mendez fi haati warraa isaanii Nadine Arsilaniyaan daldaltoota magaalaa Niwu Jersii sadi irraa maallaqa, warqee, kaffaltii liqii manaa fi konkolaataa qananii bifa malaammaltummaan fudhachuu isaaniitiin himataman.

Bara darbe ergamtoonni nageenya federaalaa mana Mendez sakatta'anii turan.

Sakatta'iinsa kanaan doolaarri kuma 480 ol ''maallaqa callaan, irra caalaan isaa poostaa fi kiisii (giphii) uffata, kaazinaa fi seeftii keessatti dhokfamee argame,'' jechuun abbaan alangaa himannaa kana keessatti ibseera.

Abbaan alangaa ragaalee waliigaltee matta'aa qondaala kanarratti argachuu ibse.

Dura taa’aan koree dhaabbii, dubbii xaxaa keessa jiran, kun gaaffii Dimookiraatonni kutaa biyyaa isaanii Niwu Jeersii aangoo akka gadhiisaniif dhiyeessan kuffisaniiru.

Mana marechaatti dura taa'aan dhimma murtee seeraa Chuuk Shuumar Jimaata akka jedhanitti, Mendez, dura taa’aan koree dhaabbii hariiroo alaa, “hanga dhimmichi furmaata argatutti” aangoo gadhiisuuf murteessaniiru.

Dimookiraatiin Niwu Yoork Chuuk Shuumar, hiriyaan isaa, Mendez ''nama ummata tajaajilee fi hawaasa Niwu Jeersiif cimee qabsaa'e'' jechuun jajan.

Bara 2006 irraa eegalee miseensa mana maree bakka bu’oota uummataa Ameerikaa ta’uun kan tajaajilan maanguddoon ganna 69 Mendez, dura taa’aa koree dhaabbii hariiroo alaa ta’uun aangoo wayita gadhiisan kan jalqabaa miti.

Bara 2015 mana yaalaa ijaa Filooriidaa, Niwu Jeersii keessatti argamu irraa matta'aa fudhachuu isaanii erga himatamanii booda aangoo gadhiisanii turan.

Abbaan murtii sagalee guutuun murtii kennuu waan hin dandeenyeef dhimmichi murtii malee akka xumuramu taasiseera.

Miseensi mana maree Meeriilaandii Ben Kaardin, kan yeroo sanatti koree dhaabbii ta'uun bakka bu'anii turan, ammas bakka kana ni fudhatu jedhamee eegama.