Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Galmeewwan icciitii biyyaalessaa si'a lammataaf biiroo duraanii Baayidan keessaa argame
Dookumentiiwwan icciitii mootummaa biiroo duraanii Joo Baayidan keessaa si'a lammaaffaaf argame siyaasa Waayit Haawusiif qaanidha jedhame.
Dookumentiiwwan icciitii jalqaba biiroo dhuunfaa isaanii yeroo I/aanaa Pirezidaantii ta'uun Baarak Obaamaa jalatti hojjataa turan keessatti argameera.
Dhimmi dookumentii icciitii biyyaalessaa argame kun Biiroo Haqaa UStin ilaalamaa jira jedhame.
Pirezidantin duraanii US Donaald Tiraampis bifuma wal-fakkaatun dookumentiiwwan icciitii heddu harkatti argamee ture.
Tiraamp yeroo bara pirezidaantummaa isaanii fixan masaraa mootummaa keessaa dookumentiiwwaan icciitii biyyaalessaa manatti fudhatanii galani jedhamuun qorannoon yakkaa irratti gaggeeffamaa jira.
Kan pirezidant Baayidan ammoo biiroo dhuunfaa duraan itti fayyadamaa turan keessaa gargaartota isaaniin argame jedhame.
Dookumentiin jalqaba biiroo isaanii duraanii Penn Biden Center keessaa yoo ta'u, ji'a Sadaasaa keessa argame.
Dookumentiiwwan kana keessatti icciitin waa'ee Yukireen, Iraan, fi UK fa'aa ni argame jedhame.
Dookumentichi kan yeroo Baayidan pirezidaant Baarak Obaamaa jalatti itti aanaa ta'anii hojjataa turaniiti jedhamus maalif biiroo dhuunfaa keessa akka kaa'amee ture ifa hin taane.
Dookumentiiwwan iccitii biyyaalessaa qabatan namoota seerri hayyamuufin alatti namni kamiyyuu odeeffannoo achi keessa jiru argachuun seera US'tin dhorkaadha.
Ameerikaatti pirezidantin tokko bara bulchiinsa isaa gaafa xumuru, dookumentiiwwan hundumaa - kan icciitii biyaalessaa dabalatee - Mana Galmee Biyyaalessaa US'tti deebisuu qaba.
Waa'ee dookumentiiwwan biiroo dhuunfaa Joo Baayidan duraan itti fayyadamaa turan keessatti argamanii ilaalchisee Waayit Haawus hanga ammaa homaa hin jenne.
Pirezidant Baayidan KIbxata darbe waa'ee dookumentii icciitii kana gaafa dhagahan "akka nahani" fi biiroo haqaa wajjin hojjachuuf qophii ta'uu dubbatan.
Manni Maree Bakka Bu'ootaa Ummataa US amma olaantummaa warra Rippaabilikaanotaan dhuunfatameef Joo Baayidan irratti dhiibbaa gochaa jiru.
Manni marichaa pirezidant Baayidaniifi maatii isaanii irratti qorannoon akka gaggeeffamu gochaa jiraachuu beeksise.
Gama biraan ji'a Hagayyaa keessaa FBI mana Doonald Tiraamp sakatta'uun dookumentiiwwan icciitii 10,000 arguu beeksisee ture.