Roonaaldoon, Erik Ten Haag qeequun Maanchister Yuunaayitid irra deebiin ijaaramuu qaba jedhe

Kiristaanoo Roonaaldoo leenjisaa kilaba isaa duraanii Maanchister Yuunaayitid Erik Ten Haag qeeqe.

Kilabichi sadarkaa olaanaatti dorgomuufis tahe waancaa injifachuuf waan hundumaa ''irra deebiin bifa haaraan ijaaruu qaba'' jedhe.

Bara dorgommii darbetti Maanchister Yuunaayitid sadarkaa saddeettaffaan xumure.

Kun seenaa kilabichi Piriimer Liigii keessatti qabuun qabxii isa gadi aanaadha.

Kana irraa kan ka'e leenjisichi dhiibbaa guddaa keessa galee ture. Bara dorgommii bara kanaattis taphoota jalqabaa sadii keessaa lama mo'ameera.

Roonaaldoon erga gara Maanchister Yuunaayitiditti deebi'ee waggoota lamaaf kilabicha keessa ture. Booda gara Sawudiitti imaluun kilaba Al-Nasiriif mallatteesse.

Roonaaldoon waa'ee leenjisummaa fi xiin-sammuu Erik Ten Haag gaafatameera.

''Leenjisichi garee kanaan waancaa Piriimer Liigiis tahe Shaampiyoonsi Liigii mo'achuu hin dandeenyu,'' nu jechaa ture jechuun tamsaasa Podkastii Riyoo Ferdinaandi irratti hime.

''Akka leenjisaa Maanchister Yuunaayitiditti, waancaa Liigii ykn Shaampiyoonsi Liigii mo'achuu hin dandeenyu jettee dubbachuu hin dandeessu.''

''Humna isaa guutuu qabaachuu dhiisuu dandeessa taha. Garuu hin dandeenyu jedhee hin dubbadhu. Yaaluu qabna, yaaluus qabda.

''Ani Maanchister Yuunaayitidiif kanan hawwu, waanuman ofiikoof hawwudha. Garee jabaa adunyaa akka tahanidha.''

''Kileba sana baay'een jaaladha...Ani nama waan dabarse dagatu miti.''

Roonaaldoon turtii isaa jalqabaa waggaa jaha maanchister Yuunaayitid keessatti dabarseen waancaa Piriimer Liigii sadii, Shaampiyoonsi Liigii, Liig Kaappii lama, fi FA Kaappii mo'ateera.

Akkasumas FIFA Kileb Woorlid Kaappii fi waancaa Koomunitii Shiid mo'ateera.

Bara 2009 ammoo gatii yeroo sana rikardii jalqabaa tahe Paawondii miliyoona 80'n Riyaal maadirid gale.

Bara 2021 ammoo Juuvantas irraa gara Yuunaayitiditti deebi'uun taphoota waliigalaa Maan Yuunaayitidiif tapahate 346 irratti galchiiwwan 145 lakkoofsiseera.

Bara 2022 ammoo kilaba Sawud Arabiyaa Al Nasiriif mallatteesse.

Kilaba Al Nasir galuu isaa ji'a tokko dursuun af-gaaffii Piirsi Morgaan waliin taasiseen ''nan ganame'' jechuun dubbate.

Kilabicha keessaa akka bahuuf dhiibbaan isarratti godhamuu dubbate.

Ammas turtii waayila isaa duraanii Riyoo Ferdinaandi waliin taaasise irratti erga Sir Aleeksi Fergusan bara 2013 soorama bahanii as kilabicha keessa ''jijjiiramni'' dhufe homtuu hin jiru jedhe.

Ergasii Yuunaayitid waancaa Piriimer Liigii tokkoyyuu hin mo'anne.

Kilabicha irraa %25 tahu kan bitatan Sir Jiim Raatkiliif, kilabicha ulfina isaa duriittan deebisa jechuun hojii eegalaniiru.

Roonaaldoon akka yaadakootti ''waan hundumaa....irra deebiin ijaaruu qabu'' jedhe.

''Deebisanii ijaaruuf yeroo isaan barbaachisa. Garuu jijjiirama fiduu qabu. Ammayyuu Maan Yuunaayitid addunyaarraa kilaboota gurguddaa keessaa tokko waan taheef filannoon jiru jijjiirama fiduu qofa.''

"Isaanis kana hubataniiti jijjiirama jijjiirama fiduu kan jalqaban. Caasaa hoggansa kilabichaa, bu'uuraalee misoomaa fi waan hundaa jijjiiruu jalqabaniiru. Abbootiin qabeenyaa kilabichaa dirree shaakalaa haaromsuuf hojjechaa jiru. Kun waan nama gammachiisu.''

Akkasumas taphataa duraanii kilabichaa Ruud Vaan Niisteruuy gara kilabichaatti deebisuun garee leenjiftootaatti dabaluun murtoo gaarii tahuus hime.

''Tarii Ten Haag yoo Ruud dhaggeeffate waan isa gargaaru irraa argata,'' jedhe.

Sababni isaas inni kilabicha sirriitti beeka. Kilabichis namoota akkasaa duraan kilabicha keessa turaniif gurra kennuu qaba jedhe Roonaaldoon.

Sii [Riyoo Ferdinaandi] ykn Rooy Kiin, Pool Iskoolsi ykn Gaarii Neevil ykn Sir Aleeksi Fergusan dhaggeeffachuu qabu. Beekumsa malee kilaba tokko deebistee ijaaruu hin dandeessu.

''Warri waa'ee kubba miilaa beeku warra kutaa taphattootaa keessa turanii fi taphattoota turani. Malee warra waajjira keessa hojjetaa turan miti.

Isaantu taphatoota hubachuu danda'a'' jedhe.