Raayis kaardii diimaan dirreetii baafamuun murtee sirriidha - Boordii murteessitootaa

Murteessaa Kiriis Kaavanaa Deklaan Raayisiin kaardii diimaan dirreetii baasuun isaa murtee sirriidha jedhe Boordii Murteessitootaa.

Boordiin Murteessitootaa taphoota torbaniin tapha booda haala murteewwan kennamanii madaala. Akkaatuma kanaan Deklaan Raayis kaardii keelloo lamaan bahuun isaa murtoodhuma sirrii fudhatamedha jedhe.

Tapha Arsenaalii fi Biraayitan 1-1 xumurame irratti Raayis durumaan kaardii keelloo fudhatee kan ture yoo tahu, dursee kaardii akeekkachiisaa kennameef ture.

Taphataa Biraayitan Yoo'el Veltimaan irratti balleessee rukuttaan adabbii yoo Veltimaaniif kennamu, kubba akka dafee hin jalqabsiifneef beekaa danqeera jedhe boordichi.

Murteessaan balleessaa kana arge kaardii keelloo ykn akeekkachiisaa lammaffaa kennuu malee carraa biraa hin qabu ture, murtoo sirriidha jedhe boordichi.

Deklaan Raayis yeroo jalqabaaf kaardii diimaa argachuu isaati. Gochaan isaa [Raayis] balleessaan hojjete, ''ifa, tahe jedhee kan godhee fi taphicha irratti dhibbaa qabu'' ture jedhe.

Boordichi murtoo isaa yoo barreessu, ''Raayis waan gochaa ture ni beeka ture, tooftaadhaan kan itti bu'e. Murteessaan kana arge ammoo carraa biraa hin qabu ture,'' jedhe.

Arsenaal taphicha 1-0 dursaa turus Biraayitan galchii lakkoofsiseen qixa 1-1 xumuran.

Boordiin murteesitootaa kun namoota sadii kan of keessaa qabu yoo tahu, qaama walaba tahee taphattoota duraanii ykn leenjistoota duraanii sadii of keessaa kan qabudha.

Dabalataan galchii Aleeksaander Arnooldi Maanchister Yuunaayitid irratti lakkoofsise jalaa haqame murtoo sirrii turee? kan jedhu ilaaleera.

Paaneliin murteessitootaa kun murtoo daanyaa [murteessaa] taphicha taphachiisuu kan deeggaru yoo tahu, jalqaba galchiidha jechuun murteessaan taphichaa kennee ture.

Ergasii Mohaammad Saalah taphaan ala jira jedhamuun galchichi haqame.

Murtoowwan 23 ilaalaman keessaa murtoo murteessaan dirree keessaa fudhatee dogogora ture jedhame galchii Arnooldi jalqaba kennuu isaa qofa ture jedhe boordichi.

Galchiin sun VAR ilaalamee haqame. Murtoo sirrii miti kan jedhame tapha Kiristaal Paalaas fi Cheelsiin taasisan irratti taphataan Paalaas Wiil Huwuus kaardii akeekkachiisaa lama argachuu isaati.

Arsenaal tapha darbii Dilbata dhufu Tootenhaam waliin qabu irratti Raayisiin dhabuu isaati.

Dabalataan taphataan kilebichaa murteessaan Maartin Odeegaardi miidhama isa mudateef qorannoo irra jira.

Tapha kana irraas dhibamuu danda'a. Tapha Tootenhaam waliin godhan kana irratti Arsenaal yeroo jalqabaaf hidhannoo dirree isaan ala yeroo taphatu uffatu akka uffataniif murtaa'e.

Hidhannoon Arsenal Diimaa fi adiin dirree isaa irratti uffatu kan Tootenhaam waliin waan wal fakkaachuu danda'uuf Arsenaal waggoota 38 booda yeroo jalqabaaf hidhannoo dirree isaaniin ala fayyadaman akka kaawatan murtaa'eera.

Arsenaal Kofoo gabaabaa [qumxaa] diimaa fi irra keessaan T-Shartii diimaafi adii qabu dirree keenya irratti uffannu fayyadamna jechuun gaaffii dhiyeessee ture.

Garuu PGMOL yaadicha hin fudhanne.

Akkasumas Tootenhaam yeroo ji'a Amajjii keessa Arsenaal waliin taphatan hidhannoo dirree alaaf uffatan fayyadamuu akka qaban murtaa'e.

Kana dura uffatuma adii dirree isaaniitti uffataniin Arsenaal waliin morkachuun beekamu ture.

Arsenaal isa dhumaaf tapha darbii irratti hidhannoo ykn uffata dirree ala fayyadamuun kan taphate bara 1985-86 ture.

Arsenaal taphoota sadii irraa qabxii torba qaba. Tootenhaam qabxii afur qaba.

Oduu ispoortii biraan ammoo leenjisaan duraanii Tootenhaam Moorishiyoo Poochetiinoo leenjisaa garee biyyaalessaa Ameerikaa tahuun qacarame.

Poochetiinoon Tootenhaamiin booda PSG fi Chelsiis leenjiseera.