Yahiya Sinwar mana koo keessatti ajjeefame- baqataa Gaazaa

Madda suuraa, Getty Images
Lammiin Paalastaayiin Gaazaadhaa baqate tokko BBC'tti akka himetti, manni hogganaan duraanii Hamaas itti ajjeefame mana baqataan kun baatii Caamsaa darbe utuu keessa hin baqatin dura waggoota 15f keessa jiraachaa turedha.
Namni Ashraf Abo Tahaan jedhamu kuni viidiyoo gamoo haleellaa dirooniin gartokkoon barbadaa'e mana isaa kibba Gaazaa daandii Ibin Sena irratti kan argamu ta'uu isaa wayita baru ''rifadheera'' jedhe.
Yaahiyaa Siinwaat haleellaa Hamaas bara darbe baatii Onkoloolessaa keessa Israa’el irratti raawwate kan qindeesse ta'uutu himama.
Viidiyoon diroonii Waraanni Israa'el gadhiise akka agarsiisutti Sinwaar ajjeefamuu isaa daqiiqaa muraasa dura gamoo walakkaa diigame keessa sofaa irra taa'ee ture.
Ashraf Abu Tahaan erga Caamsaa 6 Israa'el jiraattootni naannawa sanaa akka baqatan ajajjee loltoota Hamas irratti duula jalqabde as waa'ee mana isaanii homaa akka quba hin qabne BBC Arabic'tti hime
Ashraf mana isaa ta'uu kan bare wayita intalli isaa viidiyoo sa'aatii dhumaa Sinwaar itti ajjaeefame kan miidiyaa hawaasaa irratti argite itti agarsiiftetti ture. Isaayyuu hanga obboleessi isaa mana isaanii ta'uu mirkaneessutti hin amanne. Suuraa mana kooti ta'uu ergan mirkaneeffadhee baay'een rifadhe," jedha Ashraaf.
Sinwaar maaliif mana keessa dhokatee akka turee fi akkamitti akka achi dhaqe hin beeku jedha.
"Anis ta'e firoonni koo fi ijoolleen koo dhimma kana irratti homaa hin beeknu."
BBC'n viidiyoo fi suuraa manaa isaanii Ashraf kanaan dura waraabamee qabate jiru mana Sinwaar itti ajjeefame waliin wal bira qabuun wal fakkaachuu isaa mirkaneesseera.
Garuu addatti manni kun kan isaa haa ta'uu fi dhiisuu mirkaneessuu hin dandeenye.

Madda suuraa, Ashraf Abo Taha

Madda suuraa, IDF
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Viidiyoon diroonii Raayyaan Ittisa Israa’el gadhiise gamoo mana jireenyaa Sinwaar itti ajjeefame gamoolee naannoo sanatti gartokkoon barbadaa’an keessaa tokko ta’uu agarsiisa.
Israa’el Caamsaa darbe haleellaa Raafaa irratti raawwatteef hawaasa addunyaatiin qeeqa guddaa keessa turte. Akka Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii jedhutti sababa lola Raafaa keessatti geggeeffameen lammiileen Paalastaayiin miliyoona tokkoo ol qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.
Baqattootni hedduun isaanii kutaalee Gaazaa biroo irraa baqachuun erga gara sana qubatanii booda Raafaa fi naannoo ishee bakka itti da'ataniiyyis yeroo lammataa ykn sadaffaaf akka buqqa'aniif dirqamaniiru.
Ashiraafis mana isaanii Rafaah keessatti ofiifi gargaarsa obbolaa isaaniitiin Paawundii kuma 41,400 itti baasuun kan ijjarratan yoo ta'u, yeroo deemu haala gaariirra akka ture dubbataniiru.
Ashariif yeroo dhumaaf waayita mana isaa keessaa baqachuun dirqama itti ta'etti Soofaawwan, meeshaalee mana keessaa fi kanneen biroo keessumaa yaadannoo haadha isaa waliin wal qabsiisee ilaalu heddu achi keessaa qabaachuu isaa yaadatee garaa isa nyaata
" Wantoota mana keessa jiran tokko tokko kan naaf bitte haadha kooti. Anaaf yaadannoo fi kan hiika guddaa qabu turan,'' jedha.
"Kun hundi amma garuu barbadaa'era, gatii dadhabbii fi baasii koo hanga sana, uumaa qofa yoo ta'e malee maaltu naaf kanfala?"
Lolli Israa’el Gaazaa irratti geggeessitu waggaa tokkoo oliif itti fufee kan jiru yoo ta’u, lammiileen Palaastaayin kuma 42 ol ajjeesuu fi manneen Gaazaa irra caalaan barbadaa’aniiru.












