Hariiroon nageenyaa Azarbaajaan biyyoota Gaanfa Afrikaa waliin qabdu maali?

Jila Somaaliyaa Azaarbaajaaniitti imale

Madda suuraa, Villa Somalia/X

Ji'oota darban muraasaa dura dooniiwwan Azarbaajaan sadii hayyama malee bishaan Eertiraa seenaniiru jedhamuun buufata doonii Asaab keessatti ugguraman.

Dooniiwwan karaa Galaana Diimaatiin gara Yunaayitid Araab Emireetsi (UAE) deemaa turan jedhaman kunneen, haala ifa hin taaneen bishaan daangaa Eertiraa ta'e keessa seenuun ykn yeroo dheeraaf to'annaa jala turuunsaanii gaaffii hedduu kaaseera.

Shakkii tokko dooniiwwan kunneen meeshaa waraanaa fe'anii deemaa jiruu kan jedhuudha.

Haata'u malee, abbaan qabeenyaa dooniiwwan kanneenii CMS, yaaliin gargaarsaaf dooniiwwan kunneen aanga'oota Ertiraa qunnamuun taasisan sababii haala rakkiisaa galaanaatiin hin milkoofne jechuun falma.

Haala dooniiwwan kunneen ilaalchisuun gama motummaa Eertiraa irraa yaadni ofiiseelaa kenname hin jiru.

Tattaaffiin dippilomaasii Azarbaajaan dooniiwwanii fi hojjettoota isaanii gadi dhisisuuf ji'oota afuriif gootee hin milkoofne.

Kanarraa kan ka'e, xiyyeeffannaan Azarbaajaan fi hariiroosheen gaanfa Afrikaa akkasumas ardiittii waliin qabdu irratti ta'eera.

Hariiroon waraanaa fi tikaa Itiyoophiyaa akkasumas biyyoota gaanfa Afrikaa fi ardii Afriikaa waliin qaban maali? Hariiroon Eertiraa waliin jiru akkamiin ibsama?

Walitti dhufeenya waraanaa biyyoota Gaanfa Afrikaa waliinii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baakuun waggoota muraasa darban keessa Itoophiyaafi Somaaliyaa waliin walitti dhufeenya nageenyaa cimaa horachaa turte.

Waliigaltee tokko kan Somaaliyaa waliin meeshaa waraanaa salphaafi konkolaattota hidhannoo Moqaadishootti gurguruudhaaf mallatteessaniidha.

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad kan Guraandhala darbe keessa Azarbaajaan kan daawwatan yoo ta'u, tumsa nageenyaa cimsuuf pirezdantii Azarbaajaan Ilhaam Aliyeev waliin waliigaltee mallatteessaniiru.

Moqaadishoonis gama sheetiin ''walta'iinsi tarsiimoo'' biyyoota lamaan gidduu ifatti beeksisteetti.

Pirezidantiin Somaaliyaa daawwannaa isaanii keessatti dhaabbilee komandoo waraana Azarbaajaan daawwachuun ''meeshaalee ittisaa biyya keessaa oomishaman'' ilaalaniiru jedha gabaasni kun.

Pirezidantiin Somaalitaa tibba dhaabbilee waraana komaandoo Azarbaajaan dowwataniitti ''meeshaalee waraanaa biyya keessatti hojjatan'' argusaanii gabaafamee ture.

Somaaliyaan kan walitti fufiinsaan jahaadistoota milishaa al-shabaabii wal waraanaa jirtu, waraana biyyattii dabalatee humnoota nageenyaa ishee cimfachuurratti rakkataa jirti.

Biyyoonni kaan kan akka Ertiraa dabalatee, loltoota Somaaliyaa kumaatama leenjiisaniif.

Kanaan dura nageenyiifi waraanni Azarbaajaa Itoophiyaa waliin walitti dhufeenya qabaachu ilaalchisee garuu ifa miti, haata'u malee dhimmoota nageenyaafi waraanaarratti waliita'uuf waliigaltee taasisaniiru.

Waliigaltichis Caamsaa 2024 keessa magaalaa guddoo Azaarbaajaan Baakuu keessatti kan mallatta'e yoo ta'u, kunis haaluma waliigaltee biyyoota lamaan jidduutti bara 2023tti taasifameetiin.

Waliigaltee kunis ''damee odeeffannoo, tikaa fi nageenyaatii walta'insa qabaachuu fi pirojektoota biyyoota lamaan fattadan irratti kan xiyyeeffatu ta'u'' Itoophiyaan ibsite turte.

Waliigaltichis yeroo Ittaanaan Ministira mummee duraanii Obbo Tamasgab Xurunaa Azaarbaajaan dowwataniitti ture. Gama Baakuuttiin ammoo Ministira dhimma biyya keessaa, Koloneel Janaraal Ivaazoov Viilaayaat Suliimaan waliigalticha mallatteessu isaa miidiyaan biyya keessaa gabaasanii ture.

Jalqaba bara kanaattis, jilli Azarbaajaan dowwannaaf Finfinnee kan dhaqan yoo ta'u, tajaajila siiviilii, qonnaa, daldala fi dameewwan biraa fiiyyeessuurratti Itoophiyaa gargaaruuf aanga'oota biyyattii hedduu waliin waliigaltee mallatteessan.

Obbo Tamsageen Xurunaa Iivaazov Vilaayaat Suleimaan waliin

Madda suuraa, EBC

Azaarabaajaan gabaa waraanaa Afrikaa keessatti hirmaachuu feeti

Waldhabdeefi nagaa dhabsiinsi biyyoota afriikaa hedduu keessatti mudachuun wal qabatee biyyoota ardichaa hedduunis dandeettii waraanaasaanii cimsuudhaaf yoomuu caalaa hojjataa jiru.

Haalli kun ammoo biyyoota haaraafi bulchiitoota biyyoota lixaa duraanii kannee meeshaalee waraanaa gurguddoo dhiyeessaniif carraa banuudhaan, ardiitii laaffeessaa adeema.

Dhiibbaan Dimookiraatawa Chaayinaa waggoota kurnan sadan darban keessatti guddachaa dabalaa dhufuun, hariiroon daldalaa Afrikaa waliin qabdu babal'achaa dhufuunsaa dhiibaa biyyoota dhihaa balaadhaaf saaxilee jira.

Raashiyaan kan waggoota dhiheenya darban keessa Afriikaa keessatti argamashee babal'isaa jirtuun dorgommii kana cimaa jirti.

Keessattuu tumsi nageenyaa Moskoon biyyoota Saahel fi Rippabiliika Giddugaleessa Afrikaa waliin taasifte biyyoota duraan dhiibbaa guddaa qabaniif mataa dhukkubbii ta'ee jira.

Waliigalten dhiheenya kana Raashiyaan mootummaa waraanaan durfamu Sudaan waliin buufata waraana galaanaa qarqara galaanaa Sudaan irratti ijaaruuf taasiftes naannichatti yaaddoo uumeera.

Haata'u malee xiyyeeffannaan Afrikaa, kan guddina dinagdee fi kuufama qabeenya umamaan hawwattuu taatee, biyyoota gurguddoo kana qofarraa kan dhufu miti. Biyyoonni biroo kan akka Tarkii, Yunaayitid Arab Emireetii fi Azarbaajaanis fedhii diinagdee fi nageenyaa ardii kana irratti qaban dabaluu eegaleera.

Indaastiriiwwan waraanaa ammayyaa misoomsuu fi gabaa meeshaa waraanaa irraa qooda argachuuf kan barbaaddu Azarbaajaan biyyoota Afrikaa hedduu waliin waliigaltee mallatteessiteetti.

''Azarbaajaan biyyi wiirtuu indaastirii ittisaa ta'uun mul'ataa jirtu,'' biyyoota Afrikaatti meeshaa waraanaa gurguruu eegalte jedha dhaabbanni oduu mootummaatti dhihoo ta'e tokko.

Xiinxalli jalqaba baatii kanaatti dhaabbata oduu 'Trend' jedhamu maxxanseen, ''Baakuun dhaabbilee waraanaa fi industirii sadarkaa olaanaa qabaniin nageenya Afrikaa keessatti gahee guddaa taphachuu barbaada,'' jedha.

Azarbaajaan indastiryy meeshaalee waraanaatiin Afriikaa keessatti gaheeshee guddifachu barbaaddi

Madda suuraa, Azerbaijan Ministry of Defence

Al ergiin meeshaalee waraanaa, diroonii fi qawwee Azarbaajaan gara biyyoota Afrikaatti taasiftu waggoota sadan darban qofaa keessatti dhibbeentaa 70n dabaluu isaa gabaasni kun ni mul'isa.

Azarbaajaan muuxannoo albuuda hin baafamne baasuu irrattis lola daangaa ollaa ishee Armeeniyaa waliin irra deddeebitee geggeessite irraa argattee Afrikaa keessatti fayyadamuu barbaada.

Waliigaltee waraanaafi nageenyaa biyyoota Afrikaa hedduu waliin taasiftes kana mirkaneessa.

Niijar, Chaad fi Maaliin Azarbaajaan irraa diroonii argachuudhaan hidhattoota Islaamummaa loluuf ykn daangaa isaanii to'achuuf fedhii guddaa akka qaban gabaasni kun ni mul'isa.

Biyyoonni muraasni kan akka Giinii Bisaawuu fa'i ammoo akkaadaamii waraanaa Azarbaajaan keessatti qondaaltota isaanii leenjisuufis mari'achaa akka jiran himama.

''Addunyaa jijjiiramaa jirtu kana keessatti, Afriikaan wiirtuu humna haaraa ta'aa jirtu keessatti, Azarbaajaan dhiibbaashee babal'isuun biyyoota Afrikaa waliin tumsa imaammata alaa olaanaa taasifteetti,'' jedha dhaabbanni oduu kun.

Azarbaajaan gabaa Afrikaatti makamuu qofa osoo hin taanes, tumsa yeroo dheeraaf bu'uura kaa'aa jirti."

Gama diinagdeetiin hoo?

Doonii

Madda suuraa, CMS

Azarbaajaanis qabeenya Afrikaa kan humnoonni gurguddoon Lixaa fi Bahaatiin dorgomaa jiran dhandhamachuuf waan ariifattu fakkaatti.

Waggoota darban keessa fedhii damee boba'aa irratti qabu dabaluudhaan Masiriif boba'aa fi gaazii dhiyeessuuf waliigaltee mallatteesitee jirti.

Keeniyaattis bu'uuraalee kuusaa boba'aa fi neetworkota barbaachisoo biroo deebisanii dhaabuu irrattis hirmaachaa akka jirtu gabaasni kun ni mul'isa.

Doonii Eertiraan ji'ootaaf qabattee tursiifte kunneenis qorannoo fi oomisha boba'aa fi gaazii galaana irraatiif kan tajaajilan ta'uu abbaan qabeenyaa isaanii 'Caspian Marine Services BV' ibseera.

Sadaasa bara 2024tti Konfiraansii Haala Qilleensaa Addunyaa kan keessummeessite Azarbaajaan, dandeettii indaastirii anniisaa haaromfamuu irratti qabdu biyyoota Afrikaa waliin qooddachuuf fedhii guddaa qabdi.

''Dorgommii addunyaa gara Afrikaatti taasifamu keessatti Baakuun dorgomtuu, jijjiirtuu taphaa malee homaa miti,'' jedha xiinxalaan tokko.

Hariiroo Asmaraa fi Baakuu

Ebla bara 2004 kan eegale hariiroon dippilomaasii Eertiraa fi Azarbaajaan gidduu jiru sadarkaa ambaasaaddaroota wal jijjiiruu gahee ture.

Ministeerri Dhimma Alaa Azarbaajaan Ertiraa waliin quunnamtiin qabdu karaa Imbaasii biyyattii Finfinnee jiruun kan gaggeeffamu ta'uu ibseera.

Ambaasaaddarri Eertiraa Moskootti argamu Azarbaajaan keessattis bakka bu'ummaa akka qaban gabaasni kun ni mul'isa.

Bara 2016tti Ambaasaaddar Pheexiroo Tsegaaye akkasuma waraqaa mudamasaanii Pirezidantii Eertiraatiinbakka bu'aa Azaarbaajaan ta'un ifatti kenneefiira.

Kanaan duras Raashiyaatti Ambaasaaddarri Eertiraa kan ta'an Taklaay Maanaasseh haaluma walfakkaatuun waraqaa mudamaa kennameefii ture.

Haata'u malee, tumsi dinagdees ta'e nageenyaa biyyoota lamaan gidduutti argame hin jiru.

Bara 2022 dura ammoo, waggoota 2003 irraa eegalee biyya boba'aan badhaate kana bulchaa kan turan Pireezidant Ilehaam Aliyev gita isaanii Eertiraatiif qophii walabummaa Eertiraa sababeeffachuun baga gammaddan jedhaniiru.

Pirezdant Aliyev erga abbaan isaanii Pirezidantii duraanii Heydaar Alirzaa Oglu Aliyev du'ee booda aangoo fudhachuun biyyattii bulchaa jiru..