Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp hojjataan tokko viidiyoo waraabame akka haqu gaafachuun himataman
Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp hojjetaan tokko viidiyoo kaameraa nageenyaaf tolfame akka haquuf gaafachuu isaaniin himanni haaraan irratti dhiyaate.
Himata fooyya’e irratti Tiraamp himannaa haaraa sadiitu irratti dhiyaate, tokko odeeffannoo ittisaa itti yaadanii qabachuu fi lama ammoo danquun himataman.
Abbootiin alangaa akka jedhanitti, viidiyoon sun sanadoonni seeraan ala kuufaman bakka biraa yeroo geeffaman agarsiisa.
Namni dabalataa biraa, miseensi hojjetaa kaameraa nageenya rizoortii isaanii bakka Mar-a-Lago jedhamu argamu Kaarlos di Oliveeraa dhimma kanaan himatamee jira.
Obbo Oliveeraan suuraa kana haquuf maal gochuu akka danda'u gaafatamutu himame.
Obbo Tiraamp gargaaraa isaanii dhiyoo Waalt Naawutaa waliin yakka akka hin qabne kan haalan yoo ta’u, nama kanarrattis Kamisa darbe himannaan dabalataa lama dhiyaate.
Sanadoonni mana murtii haaraan kun qorannoo kutaa haqaa gufachiisuuf Obbo Naawutaa fi Obbo di Oliveeraa, hogganaa qabeenya kaameraa nageenyaa Mar-a-Lago waliin tattaafatan jedha.
Akka sanadoonni mana murtii haaraa kun jedhutti, namoonni lamaan suuraa kaameraa nageenyaa irraa haquuf kan shira xaxan, erga Ministeerri Haqaa viidiyoo kaameraa nageenyaa iddoo sanadoonni iccitiin kaa'aman mana murtiif akka dhiyaatu gaafatee boodadha.
Sanadoota mana murtii keessatti Obbo Oliveeraan hojjetaa Daarektara Teeknoloojii Odeeffannootiin "hogganaan" keenya kuusaan odeeffannoo(server) akka haqamu barbaadu,'' jechuun dhaamsa barreeffamaa ergeef.
Sanadoonni kun akka jedhanitti, boodarra Obbo Oliveeraan hojjetaa sana waliin kutaa IT xiqqaa tokko keessatti wal arganii, haasaan giddusaanii dhuunfaan/iccitiin akka turu itti himan.
Sana booda hojjetaan sun aangoo akka hin qabne Obbo Oliveeraan erga itti himee booda namichi gaaffii isaa akka hojirra oolchu dirqisiise.
Taateen himannaa bakka Obbo Oliveeraan miciree fi bosona qarqara Mar-a-Lagotti argamuu eegala.
Mar-a-Lagoon rizoortii bakka bashannanaa ‘Winter White House’ jedhamuun beekamu yoo ta’u, Obbo Oliveeraan bakka kana keessa deemuun kutaa teekinolojii odeeffannoo fi Obboo Naawutaa bira dhaqe.
''Maal goona?'' jechuun Obbo Oliveeraan miiltoo waliin hojjetan gaafachuutu himama. Abukaatoon Obbo Oliveeraa dhimma kanarratti yaada kennuu dide.
Himannaan haaromfame kun akka jedhutti, Obbo Tiraamp itti yaadee barreessitoota Mar-a-Lago daawwatan waliin sanada iccitii olaanaa ta’e irratti haasa’e jedha.
Himannichi akka jedhutti, sanadni Obbo Tiraamp barreessitoota seenaa jireenya dhuunfaa kanaaf ibsan karoora "Biyya A" jedhamtu wayii haleeluu kan of keessaa qabu yoo ta'u, CNN fi miidiyaaleen biroo Iraan jechuun adda baasanii himan.
"Ilaala waanan argadhe... Ajaa'iba mitii? Tuullaa waraqaa guddaan qaba, As koottuu ilaali," jechuun Pirezidant Tiraamp keessummoota isaanii keessaa tokkotti dubbachuun himame.
Dhimmi sanadootaa kun abbaa alangaa addaa Jaak Ismiiziin kan hoogganamu yoo ta’u, kanaan dura bu’aa filannoo bara 2020 geeddaruuf tattaafatan jedhame irratti qorannoo addaa irratti abukaatota Obbo Tiraamp waliin wal arganii turan.
Abukaatoon Tiraamp Joon Laahuroo fi Tood Bilaanchi waajjira Obbo Ismiiz Waashingtan DC keessatti qondaaltota waliin wal argan jechuun miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.
Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Tiraamp, jalqaba baatii kanaa dhimmichaan nan himatama jedhanii akka eegan dubbatan.
Garuu Kamisa darbe abukaatonni isaanii yeroo kam akka itti himataman waan agarsiisu tokkollee akka hin arganne dubbataniiru.
Obbo Tiraamp himannaa haaraa dhimma sanadootaan walqabatu kana duula filannoo pirezidantummaa bara 2024 irraa ibsa iimeeliidhaan kennaniin fudhatama dhabsiisan.