Namni Hindii fi Paakistaan waraanatti dhiibaa jiru Masuud Azaar eenyu?

Jalqaba torbee kanaatti Hindiin bakkeewwan Paakistaan sagalitti misaayela darbateetti.

Kunis haleellaa hidhattootaa turistoota Hindii 26 Kaashmiir torbee lama dura galaafate hordofeeti.

Haleellaan kuni ''bu'uuraalee shororkeessitootaa'' irratti kan xiyyeefate dha jedhan qondaaloti Hindii.

Masjiida Subaanallaah bakka Bahaawaalpuur jedhamu baha Paakistaanitti argmu haleeluunis gareen hidhataa uggurame Jaayish-e-Mohammed jedhamu ''hidhattoota lafatti filuufi leenjii waraanaa itti kennu dha,'' jedhan

Gareen uggurame kuniifi hogganaan isaa Masuud Azaar- kan Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii ''shororkeessaa'' jechuun labse eenyu?

Masuud Azaar eenyu?

Masuud Azaar finxaalessaa akka addunyaatti Muslimooti maqaa jihaad (waraana qulqullaa'aa) jedhuun ajjeechaa fi gochaalee shororkeessumaa biroo akka raawwatan nama kakaase jedhamuun beekama.

Magaalaa Bahaawaalpuur bara 1968tti maatii amantootaa keessatti dhalate. Abbaansaa damee ogummaafi falaasamaa keessatti hojjeteera.

Barnoota sadarkaa duraan booda Yunivarsiitii Jaamiyaa Uluum-ul Islaamiyaa magaalaa Baanuuri, Kaaraachii Paakistaan keessatti barate.

Erga eebbifameen booda Jaamiyaa Baanuuri keessatti barsiisummaan akka tajaajiluuf filame.

Maddi isatti dhiyaatu Taahiir Hamiid barruullee hidhataa Risaal-e-Jihaad jedhamurratti akka eeretti- Masuud Azaar 1989tti jihaadistoota waliin loluun Afgaanistaanitti tureera.

Afgaanistaanirraa erga deebi'ee booda Masuud magaalota Kaaraachi, Sukkur, Kuupruu, Naawaabishaahiifi kaan keessatti waamicha hokkoraa geggeessaa ture.

Bara 1990tti ammoo keewwata ilaalchasaa jihaadii jajjabeessu barreessuun barruu Saadaayi Mujaahiid jedhurratti maxxanseera.

Namni kuni garee hidhataa duraanii Paakistaan Haakaat-ul-Mujaahiddiin kan Kaashmiir keessatti socho'aa tureen dhibbaan irratti taasifamuufi ilaalcha garee kanaa faana bu'uutu himama.

Masuud Azaar jihaada Islaamaa, seenaafi leenjii jihaadaa irratti kitaabota 30 tahan barreessuun ilaalcha Islaamummaa tiksuuf Afgaanistaan keessatti loluun barbaachisaa tahuu jajjabeessuu isaa gaazexeessitootaafi xiinxaltoonni dubbatu.

Hindiitti hidhamuufi gadhiifamuu

Masuud Azaar goolii jihaada addunyaattii amana. Hindii, Baangilaadesh, Saa'udii Arbiyaafi Zaambiyaa akkasumas UK daawwateera jedhu maddeen gariin.

Bara 1994tti bulchiinsa Kaashmiir Hindii jala jirtutti qabamee sochii shororkeessummaa raawwachuun himatameera.

Miidiyaaleen yeroos akka gabaasanitti ejensii tikaa Hindiif jecha kenneen Masuud Azaar Hindii keessa ''jihaadiif'' haalli mijataa jiraachuu qo'achaa ture.

Paaspoortii Poorchugaal fayyadamuun jalqaba Baangilaadeesh deemee boodarra magaala guddoo Hindii Deelihii dhaqe.

Maqaan Masuud kan beekame yeroo tuuristoonni biyya alaa bulchiinsa Kaashmiir Hindii jala jirtutti bara1995tti butamani dha. Namoonni tuuristoota kunneen butan maqaan isaanii Al Faran akka jedhamu himanii akka inni gadhiifamu gaafatan. Mootummaan Hindii garuu ni dide.

Tuuristoonni shan yeroo miliquuf jedhan akka ajjeefaman amanama.

Kanaan booda bara 1999 xiyyaarri Hindii magaalaa guddoo Neeppaal Kaataamaanduu irraa ka'e Delihiitti imalaa ture butamee magalaa Afgaanistaan Kaandaahaar akka qubatu taasifame. Yeroos gareen Taalibaan bakka kana buufata ture.

Kanneen xiyyaara kana butan Masuud akka gadhiifamu gaafachuun imaltoota 155 akka qabatan himan. Waliin dubbii dheeraa booda Masuud dabalatee hidhattoonni Omaara Sa'iid Sheekiifi Muushtaaq Zaargaar jedhaman gadhiifaman.

Hundeeffamuu Jaayesh-e-Mohaammad

Hindiitti hidhamuun dura, Masuud Azaar miseensa Haarkaat-ul-Mujaahiddiin ture. Erga gadhiifameen booda bara 1999 Kaaraachiitti Jaayish-e-Mohaammad(Loltuu Mohaammad) hundeeffamuu labse.

Kanaan booda hariiroo Haarkaat-ul-Mujaahiddiin addaan kutuun Jaayish-e-Mohaammad kaampiiwwan dhaaba duraan miseensa ture kanaa booji'uu jalqabe.

Ebla bara 2000 magaalaa Kaashmiir kan Hindiin bultu keessatti argamtu Baadaamii Baag jedhamtu keessatti buufati waraanaa mummee boombii konkolaataatti hidhameen haleelame. Qondaaloti Hindii Jaayish-e-Mohaammad himatan.

Waggaa itti aanu bulchinsoti Hindii jala jiran Kaashmiiriifi Jaamuun haleelaman, baruma kana paarlaaman Hindii Deelhii jiru haleelame - Jaayish-e-Mohaammad garuu haleellaa kana raawwachuu haale.

Bara 2016tti Hindiin buufati humna qilleensaa Paataankoot kan daangaa Hindiifi Paakistaan irra jiru haleele jechuun garee kana gaafatamaa goote.

Jaayish-e-Mohaammad baruma 2016tti qontsilaa Hindii Afgaanistaan keessatti argamu haleeluunis himatameera.

Waggaa sadiin booda bara 2019tti haleellaa badee balleessaa bulchiinsa Kaashmiir Hindii jala jirtu irratti geggeesseen loltoota 40 ajjeesuu hime.

Shororkeessummaan labsamu

Haleellaa bara 2001 paarlaamaa Hindii irratti raawwateen booda Ameerikaanillee Jaayish-e-Mohaammad tarree shororkeessitoota biyya alaa jala keesseetti.

Kanaan booda Hindiin Mana Maree Biyyoota Gamtoomaniitti gareen kuni tarree shororkeessitoota addunyaa jalatti akka galmaa'u yaaltus Chaayinaa sagalee veetoodhaan kuffisteetti.

Haa tahu malee bara 2019tti Pulwaamaa Hindiitti raawwateen lammiileen 40 ajjeefamnaan UN maqaa Masuud Azaar tarree shororkeessitootaa keessatti ramade.

Haleellaan suni Hindii fi Paakistaan lolatti galche. Hindiin haleellaa qilleensaa yoo raawwattu, Paakistaan deebiidhaan qilleesarraan dhiyeenyaan haleellaa raawwachuu jalqabde.

Bara 2002 yeroo Jeneraal Peerveez Mushaaraaf Paakistaan bulchaa ture Jaayish-e-Mohaammad sochii qaburraa kan ugguram tahus, maqaa Taanziim Al Furqaan jedhuun socho'uu itti fufeera- dhaabbata gargaarsaa Al-Rahaamat Tiraast jedhu qaba.