Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Hindiin Paakistaanif Kaashimiir irratti raawwatte ilaalchisee waan beeknu
Haleellaa hidhattootni Kaashimiir Hindiin bultu keessatti turistoota irratti raawwatame torban lama booda, Hindiin bakkeewwan Paakistaan fi Kaashimiir Paakistaan bulfamtu keessatti haleellaa walduraa duubaan raawwatteetti.
Ministeerri ittisa Hindii akka jedhetti haleellaan kun haleellaa Ebla 22 Pahalgam, Kaashmir Bulchiinsa Hindiin bultu keessatti raawwatameen lammiilee Hindii 25 fi lammii Neepaal tokko du'eef haaloo ba'uudha.
Garuu haleellaa sana keessatti hirmaannaa akka hin qabne kan haalte Paakistaan, haleellaa kana ''sababa hin qabne'' jechuun ibsite
Ministirri Muummee Shehbaz Shariif ''gochi weeraraa fokkisaan kun osoo hin adabamin hin hafu'' jedhan.
Shariif Roobii darbe haleellaan Pahalgam Paakistaan waliin ''wal hin qabatu'' jechuun, biyyi isaaniis sababa dogoggoraatiin himatamu himan.
Waraanni Paakistaan akka jedhetti haleellaa Kibxata galgala raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 31 yoo du'an, 57 ammoo madaa'aniiru.
Indiyaan naannawa daangaa Paakistaanitti yoo xiqqaate lammiileen nagaa 15 kan du'an ta'uu fi 43 ammoo madaa'uu ibsite.
Waraanni Paakistaan xiyyaarota Hindii shan fi diroonii kuffisuu dubbate. Hindiin ammallee himannaa kanaaf deebii hin kennine.
Roobii galgala Shariif humni qilleensaa ittisa isaa taasiseera, kunis ''deebii gama keenyaan isaaniif kennedha'' jedhan.
Hindiin eessa rukutte?
Hindiin Roobii ganama akka ibsitetti, Kaashimiir naannawa Paakistaan bulchitu fi Paakistaan keessatti bakkeewwan adda addaa sagal irratti haleellaa raawwachuu himte.
Bakka haleellaan itti raawwatame 'bu'uuraalee shororkeessummaa' jechuun ibsite irratti xiyyeeffatte.
Mootummaan Hindii dhaabbileen waraanaa Paakistaan kamiyyuu akka hin rukutamne qulqulleessuun, haalaa xiyyeefannoo fi madaalawaa akkasumas akka hin hammanneef kan kaayyeffate ta'uu ibse
Deebii kanaaf Paakistaan naannoowwan sadii akka miidhaman gabaasteetti: Muzaffarabad fi Kotli Kashmir Paakistaan bulchitu, akkasumas Bahawalpur Punjab.
Itti aansuudhaan dubbi himaan waraanaa Paakistaan Lt. Jeneral Ahmed Sharif bakkeewwan 6 rukutamuu ibsaniiru.
Ministirri Ittisaa Paakistaan Khawaja Asif, haleellaan kun nagaa miidheera jechuun falmu, Hindiin bakka buufata shororkeessummaa irratti xiyyeeffadhe jechuun ishee waan dhugaa hin taane jechuun kuffiseera.
Hindiin tarkaanfii waraanaa kana akka jalqabdu maaltu kakaase?
Haleellaan kun kan raawwatame yeroo waldhabdeen ollaa dandeettii niwukilaraa qaban gidduutti hammaataa dhufe hordofee yoo ta'u, haleellan magaalaa Pahalgam keessatti raawwatame sababa ijoodha.
Haleellaan Ebla 22 garee hidhattootaatiin raawwatame kanaan namoota dhuunfaa 26 kan ajjeefaman yoo ta'u, namoonni haleellaa raawwatan kun addatti namoota Hindii irratti xiyyeeffachuu isaanii gabaasan.
Taatee kun waggoota digdama darban keessatti haleellaa hamaa namoota nagaa naannoo sanatti raawwatame kan agarsiisu yoo ta'u, erga Hindiin bara 2019tti keewwata 370 kan Kaashimiir sadarkaa tokko ofiin of bulchuu kenne haqxee booda haleellaa guddaa namoota nagaa irratti raawwatame isa jalqabaa kan bakka bu'udha.
Murtee kana booda naannichi mormii kan mudate yoo ta'u, hidhattoonnis hir'achuu fi sochiin turistii haalaan dabaluu agarsiisee ture
Haa ta'u malee ajjeechaan torbana alamaan dura raawwatamme kun guutuu Hindiitti aarii bal'aa kan kakaase yoo ta'u, MM Naareendiraa Moodiin biyyi isaanii namoota yakka kana raawwatan 'hanga dhuma lafaatti' akka hordofan fi namoonni itti gaafatamummaa fudhatan bu'aa yaada isaanii ol akka isaan mudatu mirkaneessaniiru.
Jalqaba irratti Hindiin garee addaa haleellaa Pahalgam duuba jira jedhamee amanamu adda baasuu irraa of qusatte turte
Haa ta'u malee, aanga'oonni Hindii namoota haleellaa raawwatan keessaa lama lammiilee Paakistaan ta'uu himan. Niiw Deeliin Paakistaan hidhattoota keessummeessitee jirti jechuun himatteetti-himata kana Islaamaabaad haaleera, haleellaa Ebla 22 raawwatame keessatti hirmaannaa akka hin qabne Paakistan irra deeddebin ibsite
Caamsaa 7 Ministirri Dhimma Alaa Hindii Vikram Misri haleellaa kana dhaabbata hidhattoota Paakistaan keessa jiru Lashkar-e-Taiba jedhamun kan walqabsiisan ta'uu ibsaniiru.
Torban lamaan itti aananiif biyyootni lamaan tarkaanfii wal-faana fudhataniin, kanneen akka dippilomaatota ari'uu, viizaa dhorkuu fi daangaa wall qunnamsiisiisu cufuu dabalatee walirratti fudhataniiru
Namoonni hedduun haalli kun gara deebii waraanaa daangaa qaxxaamuraatti guddachuu akka danda'u tilmaamaniiru, kunis haleellaa Pulwama hordofee tarkaanfii haaloo bahuu kan bara 2019tti hojjettoonni waraana Hindii 40 du'an yaadachiisu.
Kaashimiir akkamiin Hindii fi Paakistaan gidduutti bakka falmii taate?
Kaashimiir guutummaatti Hindii fi Paakistaan lamaan isaaniitiin kan himatamte yoo ta'u, erga bara 1947 walabummaa Ingilizii booda qoqqoodamanii kaasee kutaa ishee qooddachuun bulchu
Biyyootni lamaan naannoo kana irratti waraana lama gaggeessaniiru.
Dhiheenya kana haleellaan hidhattootaa waldhabdee hammeessuun biyyoonni lamaan haala hin eegamne keessa galaniiru.
Bara 1989 irraa eegalee Kaashimiir Hindiin bulfamtu bulchiinsa Hindii irraa fincilli hidhannoo kan mudate yoo ta'u, hidhattoonni kunneen qaamolee nageenyaa fi namoota nagaa irratti xiyyeeffataniiru.
Bara 2016tti, du'a loltoonni Hindii 19 Urii keessatti du'uu isaanii hordofuun, Hindiin 'haleellaa cimaa' naannawa daangaa kaampii hidhattootaa irratti xiyyeeffate gaggeessiteetti.
Haleellaa bara 2019 Pulwama irratti miseensonni humna waraanaa gargaaraa Hindii 40 du'an, Balakot keessatti haleellaa qilleensaa kan taasise yoo ta'u, bara 1971 booda Paakistaan keessatti tarkaanfii waraanaa akkasii isa jalqabaa ture.
Taateewwan kun gara waldhabdee guutuutti kan hin guddanne ta'us, hawaasni addunyaa gara fuulduraatti haalli kun hammachuu akka danda'u irratti yaada kennaa turan
Biyyootni fi dippilomaatonni adda addaa haala kana salphisuuf tattaaffii godhaniiru.
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez biyyootni kunneen saffisaan "of to'achuu" akka qaban gaafataniiru
Gamtaa Awurooppaa fi Baanglaadeesh dabalatee biyyoonni hedduun waamicha kana taasiisniiru.
Muummichi ministeeraa Biriteen Keir Starmer 'marii' fi 'tasgabbii' wayyaa jedhan
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp warra jalqaba deebii kennan keessaa tokko yoo ta'u, waldhabdeen kun saffisaan akka furamu abdii qaban ibsaniiru.
ministirri haajaa alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon haala jiru itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiran is eerameera