Ajjeechaan Kaashimiir olloota nikuleera hidhatan lamaan muddamatti galche

Kaashimiir bulchiinsa Hindiin bultu keessatti bakka hawwata turizimii Himaalaayaatti namoonni 26 hidhattootaan ajjeefamanii guyyaa tokko booda Indiyaan Paakistaan irratti tarkaanfii fudhatte.

Tarkaanfiiwwan kanniin daandii guddaa biyyoota lamaan walitti hidhu cufuu, waliigaltee bishaan qooddachuu adda kutuu, dippilomaatota ari'uu fi abbootiin viizaa Paakistaan ​​tokko tokko sa'aatii 48 keessatti akka bahan ajaja kennuu dabalata.

Qondaaltonni Paakistaan ​​haleellaa kana keessatti gahee biyyattiin qabdu haalanii deebii kennuudhaaf Kamisa dhufu walga'uuf akka jiran Ministirri Haajaa Alaa biyyattii beeksisaniiru.

Haleellaan Pahalgam naannoo jeequmsi itti hammaatu kanatti dhiheenyatti balaa hamaa isa lubbuu hedduu galaafate ta'eera.

Kunis hariiroo biyyoota lamaanii duraanuu qorraa ta'e akka hammeessu sodaatameera.

Hindiifi Paakistaan Kaashimiir kiyya jedhanii irratti walfalmu. Ammatti ammoo biyyoonni lamaanuu kutaa bulchiinsichaa gartokkoon qofa to'atu.

Erga Hindi qoqqoodamtee Paakistaan ​​bara 1947 uumamtee as olloonni waraana niwukilaraa qaban lamaan bulchiinsa kana dhunfachuuf wal waraananiiru.

Mootummaan Hindii haleellaa kanaaf deebii aarii guddaa guute kennuun Paakistaan ​​al-kallattiin akka itti gaafatamtu akeekeera.

Indiyaan yeroo dheeraaf mootummoonni Islaamaabaad dhufanii darban marti gareewwan hidhatanii naannicha keessa jiran deeggaru jechuun himachaa turte, Paakistaan ​​kana cimsitee ni haalti.

Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodii barreeffama X irratti maxxansaniin, ''warri gocha fokkisaa kana duuba jiran seeratti ni dhiyaatu,'' jedhan.

Hindiin waliigaltee bishaan Indu (Indus Water Treaty) bara 1960 irraa eegalee hojiirra turee fi waggoota kurnan lamaan darbaniif dippilomaasii diinummaa damdamate adda kutuuf dhaadatteetti.

Waliigaltichi Hindiin lageen bahaa, Paakistaan ​​ammoo kanneen dhihaa, laga Indus fi lageen xixiqqoo gara laga Indus yaa'an akka to'atan hayyama.

Waliigaltichi Hindiin haalota adda ta'an muraasa irraa kan hafe bishaan lageen dhihaa irraa gara gadiitti gara Paakistaan ​​akka yaa'u hayyamuu qabdi jedha.

Ejeensiin nageenyaa Hindii haleellaa kana kan raawwate garee Kashmir Resistance jedhamu akka ta'e amana. BBC garuu dhimma kana ammatti ofiin mirkaneessuu hin dandeenye.

Hidhattoota ajjeecha akana raawwatan adamsuun hanga Kibxata galgala itti fufee ture.

Mootummaan Paakistaan ​​Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa kan qaama waraanaa fi nageenyaa biyyattii bulchu, Kamisa dhufu akka walga'u ibseera.

Haleellaa Pahalgam booda, Ministeerri Haajaa Alaa Paakistaan ​​''lubbuu tuuristootaa dhabuun akka isa yaaddesse'' ibsuun gaddi itti dhaga'ame himeera.

Tarkaanfiiwwan Indiyaan Roobii darbe labsite kanaan gorsitoonni waraanaa Paakistaan ​​kanneen teessoo isaanii imbaasii Delhii keessa godhatan hatattamaan akka bahan itti himameera.

Torban dhufu ammoo dippilomaatotni dabalataa akka ari'aman karoorfameera jedha ibsi ba'e.

Haleellaan Pahalgam kun waldhabdee yeroo dheeraaf olloota niikuleera hidhatan gidduu muddama barootaaf ture hammeessa jedhamee sodaatameera.

Kanaan dura Ministirri Ittisaa Raajnaat Siingis deebii Hindiin kennitu namoota yakka kana raawwatan irratti xiyyeeffachuu bira kan darbu akka ta'u mallattoo agarsiisaniiru.

"Namoota taatee kana raawwatan qofa osoo hin taane warra duuba taa'anii gocha akkanaa dachee Hindii irratti raawwachuuf shira xaxan bira ni geenya," jedhan.

Hooggantootni addunyaa haleellaa kana bal'inaan kan balaaleffatan yoo ta'u, Hinditti garuu aarii fi gadda uumeera.

Namoonni ijaan argan, maatii guutuu dabalatee namoonni ayyaana kabajan lubbuu isaanii baraaruuf yeroo baqatan, jeequmsaa fi dhiigni dhangala'e mul'achuu ibsaniiru.

Namoonni ijaan argan tokko tokko akka jedhanitti namoonni qawwee qaban kun namoota Musliima hin taane irratti kan xiyyeeffatan fakkaata jedhu, gariin ammoo dhukaasichi osoo adda hin baasiin raawwate jedhu.