Atileetiin Ugaandaa jaalalleenshee duraanii abiddaan gubee lubbuunshee darbe

Ribqaa Cheebteegee Olompikii Paaris irratti hirmaatteetti

Madda suuraa, Uganda Athletics Federation/X

Ibsa waa'ee suuraa, Ribqaa Cheebteegee Olompikii Paaris irratti hirmaatteetti

Atileetiin Ugaandaa beekamtuu Ribqaa Cheepteegee Keeniyaa keessatti jaalalleen ishee duraanii beenzila itti firfirsee gubuu hordofee hospitaala galtee yaalamaa turtus lubbuunshee darbuu aanga'oonni Yugaandaa ibsan.

Atileetiin maaraatoonii fiigdu umuriin ishee waggaa 33 ta’e kun Olompikii Paaris dhiyeeya gaggeeffamerratti hirmaatteetti.

Akka poolisiin ibsetti, atileetiin kun qaamnishee %75 ta’u gubatee waan tureef akka malee miidhamtee turte.

Mana jireenyaashee lixa Keeniyaatti argamu bakka itti leenjiirra turtetti ture miidhaan kun kan irratti raawwatame.

Federeeshiniin Atileetiksii Yugaandaa ''Atileet Ribqaa Cheepteegee miidhaa suukanneessaa irratti raawwatameen lubbuunshee darbuutti baayyee gaddina. Gocha akkanaan ni balaaleffanna. Haqi akka argamus gaafanna,'' jechuun X irratti barreesse.

Hospitaala atileetiin kun erga gubattee booda keessatti yaalamaa turtee fi Eldoreet keessatti argamu- Moi Teaching and Referral Hospital jedhamutti hoogganaa kan ta'an Dr Owen Menach atileetiin kun qaamnishee hundinuu erga hojii dhaabee booda du'uu ibsan.

Hiriyaan atileetii kanaas gubatee hospitaala galeera, garuu hamma ishee hin miidhamne.

Inni ammallee hospitaala keessa kutaa namoonni akkaan miidhaman keessatti yaalaman- ICU keessa jiru, garuu fooyyee qaba jedhan Dr Menach.

Keeniyaa keessatti atileetota dubartootaarratti miidhaan qaqqabu dabalaa jiraachuun yaaddoo ta'aa kan jiru yoo ta'u, kanneen miidhaan irra gahe keessaa kan lubbuun isaanii darbeeru jiru.

Ribqaa Cheebteegii manashee magaalaa xiqqoo Endebees keessatti Dilbata ishee mudate kanarraa birmatee kan ishee baraare ollaasheeti.

Namni miidhaa kana atileetii kanarraan ga'eera jedhee shakkamees gubatee miidhaan cimaan irra ga'uu poolisiin bakka sanaa Jermiyaas Olee Kosihom gaazexeessitootatti himeera.

Lachanuu Hospitaala Rifaraalaa Mo'i magaalaa lixa Keeniyaa Eldoreet keessatti argamtutti wal'aanamaa akka turan poolisiin ibsee ture.

''Yeroo atakaaroo keessa seenanii walitti deddeebisaa turanitti jaalalleen ishee kun osoo ishee hin gubiin dura dhangala'aa wayii yeroo itti facaasaa jiru argameera," jedhan qondaalli poolisii.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Naannoo daangaa Ugaandaa irraa xiqqoo fagaatutti, lafa kaawoontii Trans Nzoia keessaa bitattee mana kan ijaarratte Atileet Ribqaa Cheeptegeen, kan kana goote ammoo naannoo wiirtuuwwan leenjii atileetiksii Keeniyaa hedduun jirutti dhiyaachuu barbaaddee akka ta’e himama.

Gabaasni bulchaan naannoo sanaan dhiyaate akka jedhutti, lamaan isaanii lafa kanarratti wal falmaa turan.

Poolisiin akka jedhutti ammoo qorannoon gaggeeffamaa jira.

Atileet Ribqaa Cheepteegeen Olompikii Paaris dhiheenya kana gaggeeffameen dorgommii maaraatooniin sadarkaa 44ffaa bahuun xumurte.

Bara 2022 shaampiyoonaa fiigicha gaaraa fi daandii addunyaa Chiang Mai, Taayilaanditti gaggeeffamerrattis warqee injifatteetti.

Ebla bara 2022 keessa atileetiin dubartii kan biraa Damaaris Mutuwaa jedhamtu magaalaa Rifti-Vaalii Iteen keessatti mana keessa jiraattu keessatti boraatiin ukkaamfamtee argamte.

Kunis kan ta'e erga fiigicha fageenya dheeraan rikoordii kan cabsite Agnees Tiroopp magaalama sana keessatti waraanamtee ajjeefamtee argamtee ji'ootaan boodadha.

Haleellaa kun dhiirota irrattis xiyyeeffatameera.

Muddee darbe atileetiin lammii Ugaandaa kan biraa Beeniyaamin Kiplaagaat Eldoret keessatti raawwataniin waraanamee ajjeefameera.