Atileetiin Keeniyaa Damaariis Muutii Mutuwaa hudhamtee akka ajjeefamte qorannoon reeffaa mul’ise

Madda suuraa, MEIA MARATONA INTERNACIONAL DA PAZ
Kamisa kaleessaa poolisiin Keeniyaa qorannoo reeffa atileetii Damaariis Muutii Mutuwaa irrattis taasifameen hudhamtee akka ajjeefamte beeksise. Ammas samuudni garaa ishee keessaa fudhatamuun waanti hin beekmne biraan yoo jiraateef ni mirkaneeffama jedhe.
Iteen magaalaa atileetotaa jedhamuun beekamtu ajjeechaa atileetii dubaraa lammataa, garaagarummaa baatii jahaa keessatti keessummeessite.
Ajjeechaan Damaariis Muutii Mutuwaa torbee kana dhagahame kuni, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa irratti maaldaa lama kan argatte Agnees Tiroop baatii Onkololeessaa keessa waraanamtee erga ajjeefamteen boodadha.
Mutuwaan haadha ilma tokkoo yoo taatu, akka Tiroop maqaa guddaa qabaachuu baatullee, duutishee ajjeechaa dubartootaa fi Afrikaa Bahaattti eegumsa atileetota dubartootaaf kennamurratti yaaddoo uumeera.
Mutuwaan dhalattuu Keeniyaa taatullee Baahireeniif dorgomti. Tahus magaalaa Iteeniifi Eldoret gidduutti argamtu Kaapsaabeet jedhamutti shaakallii taasifti, kunis naannoo burqaa atileetota Keeniyaa tahuun iddoo beekamudha.
Mutuwaan bara 2010tti Olompiikii Dargaggootaa Singaapooritti adeemsifameen meetira 1000n Keeniyaadhaaf maaldaa yookaan nahaasa argamsiistee turte.
Bara 2018tti fiigicha km20 yeroo filatamaa bara sanaa galmeessuun Maaraakaashitti mo’attee turte. Akkasumas Mozaambikitti maaraatoonni walakkaan lammaffaa bahuun xumurteetti.
Jalqabni bara 2022 isheedhaaf gaarii ture, Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyya Arabaa Baahireen keessatti adeemsifameen baatii Guraandhalaa keessa lammaffaa baateetti, jalqaba Eblaa irratti immoo Angoolaatti walakkaa Maaraatooniin sadaffaa baateetti.
Hogganaan Garee Miidiyaa Neeshiin Eliyaas Maakoorii, ‘’namuusa qabeeettiifi fiigicha daandii irratti as baatee mul’achuu jalqabdee turte,’’ jedhe.

Madda suuraa, Christine Kambua
'Jireenya karaatti hafe’
Nama lammii Itoophiyaa jaalalleeshee taheefi wajjin shaakala hojjetu kan ajjeechaasheen shakkame barbaaduun itti fufee jira.
Mutuwaan ilma kan godhatte lammii Keeniyaa Feeliks Ngiilaa jedhamurraa yoo tahu, abbiyyuun ishee Joseefaat Ngilaa, ’’baayyee gaddineerra daa’ima ganna 6 dhiisteet deemte,’’ jechuun dubbatan.
‘’Ani mootummaa kanin gaafadhu namni kana irratti raawwate akka argamu gochuu qaba kan jedhudha. Waraqaa eenyummaa fi galmeewwan baankii ishee argachuu hin dandeenye. Hunduu manuma ture, amma eenyu bira jira?’’ jechuun gaafata.
Dhaabbanni Atileetiksii Keeniyaa du’a isheetiin ‘’baayyee gaddineerra’’ jedhe.
‘’Lubbuu biraatu karaatti hafe, dandeettii bishaan nyaate,’’ jedhe dhaabbatichi ibsa baaseen.
‘’Biyya biraaf dorgomaa jiraattullee, Damaariis dhiigaan Keeniyaadha. Dhumishee akkas tahuun nama dhukkubsa, sababiinsaas lubbuun egeree ifaa qabdu haleellaa mana keessaan butamuun kuni kan jalqabaa miti,’’ jedhe.
Dhaabbanni Atleetiksii Keeniyaa haleellaa mana keessaa atileetota dubartootaa irratti gahuufi leenjistoonni dhiiraa fiigdota kunneen bu’aa mataasaaniif fayyadamuun komiin irratti ka’a.
‘’Duuti Mutuwaa atileetotaaf deeggarsa haamileefi fayyaa sammuu isaanii eeguuf hojiin hojjetamaa ture,’’ jedhe.
‘’Kana booda waan gaariin taha jennee otoo eegnuu, kuni dhalate’’ jedhe Maakooriin.













