Keeniyaatti lammiin Itoophiyaa ajjeechaa atileetiin shakkame poolisiin barbaadamaa jira

Madda suuraa, AFP
Atileetiin dhalattuu Keeniyaa magaalaa Iteen jedhamtutti ajjeefamuu hordofee, jaalallee ishee kan tahe atileetiin Itoophiyaa shakkamuun polisiin barbaadamaa jira.
Atileetiin ganna 28 Damaris Muthee Mutua jedhamtu kun Keeniyaatti kan dhalatte tahus, lammummaan ishee biyya Baahireen.
Poolisiin akka himetti atileetiin kun waan qara qabuun waraanamtee lubbuun dabre.
Oduun kun dhagahamuu hordofee Federeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, du'a 'suukanneessaa' atileetii kanaatti gadda itti dhagahame karaa fuula Facebook isaatiin ibseera.
Tahus garuu Federeshinichi waa'ee atileetii Itoophiyaa ajjechaa kanaan shakkamee waanti dubbate hinjiru.
Ji'a jahaan duras atileetiin biroo Aginas Tirop achuma Iteenitti waraanamtee ajjeefamuunshee oduu ijoo tureera.
Akkuma Itoophiyaan Boqojjii qabdu, Iteen Keeniyaatti madda atileetota bebbeekamoo fi bakka leenjii fiigicha dheeraa itti taasisanidha.
Rooyitars hoogganaa poolisii magaalattii Tom Makori eeruun akka gabaasetti, reeffi atileetii kanaa Iteenitti mana keessatti argamuu hordofee, jaalalleen ishee lammii Itoophiyaa shakkamaa tahuusaa himan.
''Reeffishee gara hospitaalaa bakka tursiisa reeffaatti geeffameera,'' jedhan.
Poolisiin jaalalleeshee maqaansaa Iskindir Haayilamaariyaan jedhamuufi ajjeechaa raawwachuusaa amaneera jedhame barbaadaa akka jirus hoogganaan poolisii kun himan.
Atileetiin kun achuma bakka leenjii shamarree kanaatti leenji'aa kan ture oggaa tahu, biyyaa baqatee bahuunis himameera.
''Shakkamaan kun hiriyaasaa wajjin leenji'anitti bilbilee, jaalalleesaa akka ajjeeseefi reeffis mana keessa akka jiru itti hime,'' jedhan Aabba Maakorii.
Ajjeechaan Tiroop bara dabree biyyattii guddoo naasisee kan ture oggaa tahu, abbaan warraa ajjeechaan shakkame hidhaa keessa jira - ajjeechaa ishee garuu ni waakkata.












