Moorinihoon leenjisaa Galatasaaree funyaan qabee harkisuun himatame

Madda suuraa, Getty Images
Tarkii Galatasaareen, leenjisaan Fenerbaachee Joosee Moorinihoo leenjisaa keenyaa Okaan Buruk irra ''miidhaa qaamaa'' geessise jechuun himate.
Waancaa Tarkii 'Turkish Cup' jedhamuun beekamu irratti kileboonni lameen kaleessa galgala taphatanii Galatasaareen galchii Viiktar Osimeen 2-1 mo'ate.
Darbii addunyaa irratti sodaatamu keessaa kan kileboota kanneen lamaanii isa tokko.
Tapha kana irratti Joosee Moorinihoo funyaan leenjisaa Galatasaaree qabuun harkise.
Taateen kun istaadiyeemii Sukruu Sarakogluu jedhamu irratti akkuma taphni xumurameen raawwate.
Leenjistoonni lameen murteessaa taphchiaatti naanna'anii osoo dubbatanii gidduun Joosee Moorinihoon funyaan leenjisichaa qabuun yoo harkisu lafatti kufe.
Leenjisaan Galatasaaree kun fuula isaa qabachuun lafatti kufee gangalate.
''leenjisaan keenyaa Okaanii fi Moorinihoon murteessaa taphichaa galateeffatan. Sana booda, yeroo okaan murteessichatti dubbachuu itti fufu Moorinihoon jalqaba jechaan isa tuqe. Achii ammoo harkaan miidhaa irraan gahe,'' jechuun itti aanaan pirezidaantii Galatasaaree Metin Ozuurk dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Addunyaa irraa biyya kam keessatti kana gochuu danda'a? Biyyi Tarkiin maal isatti fakkaate?''
''Hoggansi Fenerabaachee osoo federeeshiniin kubba miilaa Tarkii tarkaanfii hin fudhatiin qoqoobii mataa isaa Mooriinihoo irratti dabarsuu qaba,'' jedhe.
BBC Sport dhimma kana ilaalchisee Fenerabaachee dubbisuuf yaalee ture.
Waggoota lamaaf Galatasaaree leenjisaa kan jiru Buruk duraanis taphataa tahee kilebicha keessa tureera.
Taatee isaa fi Joosee Moorinihoo gidduutti mudate ilaalchisee dubbii qabbeneessee dubbate.
Ibsa taphaan booda miidiyaaf kenneen ''anaa fi Moorinihoo gidduu rakkoon homaatuu hin jiru,'' jedhe.
''Duubaan funyaankoo qabee na qiimmiide. Xinnoo moccorameera. Dhugaa dubbachuuf waan akkasii namatti hin tolu'' jedhe Buruk.
"Leenjistoonni haala akkasii ho'aa keessatti amala gaarii agarsiisuun nurraa eegama. Anis dubbicha ho'isuuf jedhee hin kufne. Garuu gochaa gaarii isarraa eegamu miti,'' jedhe.
Tapha kana gara xumuraarra taphattoonni jijjiiramanii dirree seenan Fenerbaachee irraa Merti Yandaas fi kan Galatasaaree Keerim Demeerbaay fi Baaris Yilmaaz kaardii diimaan bahaniiru.
Ji'a Guraandhalaa keessa yeroo dorgommii Suupper Liigiin galchii malee xumuran Galatasaareen Moorinihoon arraba sanyummaa fayyadamuun leenjisaatti duubate jechuun himata bana jedhee ture.
Federeeshiniin Kubba Miilaa Tarkii Jhimata lama isarratti dhiyaateef Joosee Moorinihoo taphoota afurii fi Paawondii 35,194 adabae.
Moorinihoon ammoo ''Mirga namoomaakoo sarbeera'' jechuun Galatasaaree irratti himata biraa bane.
Joosee Moorinihoon erga Roomaatii ari'amuun Fenerabaachee leenjisuu jalqabanii dorgommii waancaa Suupper Liigii Tarkii ho'isaniiru.
Garuu dubbii jajjabaa fi leenjistoota kaan baay'ee aarsu dubbachuu yoomiyyuu hin dhiisan.
Arsen Wenger leenjisaa kufaatiin amala isaa tahee fi mo'amuudhaan ispeeshalistii tahe jechuun ibsanii ture.
Raafa'el Beniteez, Firaank De Boor leenjistoota akka malee Moorinihoon jechaan madeessan keessaati.
Ofii isaanii amooo ''Special one'' jechuun of waamu. Poortoo, Cheelsii, Riyaal Maadirid, Inter Miilaan, Maanchister Yuunaayitid fa;aa wlaiin waancaa injifachuun kan beekamu Moorinihoon leenjistoota qofa osoo hin taane murteessitootattis nama yaada isaa bilisaan dubbatudha.












