Miidhama AGOA irraa haqamuu suuta mul'achuu eegale

Maatii hojii paarkii Hawaasaa keessaa hanqifame

Dargaggeettiin ganna 29 Balaayineesh Qolchaammoo ollaa paarkii Indastirii Hawaasaa taatee jiraatti.

Waggoota Afurii oliif paarkichi isheefi maatii isheetiif ollaa qofa hin turre. Warshaalee digdamaa ol paarkicha keessa jiran keessaa isa tokkotti qacaramtee miindaa ji'aa kuma lamaafi dhibba lama argattuunis jiraatti.

Balaayinash warshaa kanatti qacaramuu ishee dura leenjii oogummaa kamuu akka hin qabneefi hojii humnaa hojjechuun jireenya ishee qajeelchuuf xaarti ture.

Warshichi miindaa kaffaluun cinaatti leenjii oogummaa akka argattu taasiseera, laaqana achumaa waan argattuuf baasiin ishees hanga ta'e gadi bu'aaf.

Haata'u malee ji'oota dura hojii dhabdummaa jalaa baheera jette abdatte waliin walitti deebi'uun dirqama itti ta'e.

Warshaan huccuu omishu hojjettoota isaa hedduu yeroo gaggeessu kanneen hir'ifaman keessaa tokko ishee taate.

''Hojjechiisaan keenya qaama omisha koo narraa bitu waaniin dhabeefi gabaa waaniin dhabeef hojjettoota kuma lamaa ol gaggeessuuf nan dirqama nuun jedhee'' jetti.

Amma paarkicha osoo hedduu hin fagaatiin mana dhoqqeerraa ijaarame duratti qullubbiifi mosee gurguraa jireenya injifachuuf tattaafachaa jirti.

''Calliseen taa'aa jira yoo jedhame irra salphata. Jireenyi akkaan ulfaateera... hojii malee taa'uun baayyee ulfaata'' jechuun rakkoo keessa jirtu BBC'tti himti.

Kan ishee yaaddessu ammoo waayee daa'imman ishee lamaaniiti.

Sababoota Balaayinashiifi namoota akka ishee paarkiiwwan Indastirii keessa hojjetan kumootaan kan hojii dhabaa godhe waranaa Kaaba Itoophiyaatti dhalateen walqabatee murtee Ameerikaan fudhatteedha.

Ameerikaan bara 2000 yeroo Obaamaan pireezidantii turan, sagantaa haaraa omishaalee biyyoota Afrikaaf US' keessatti gabaa mijeessu baafte. Itoophiyaanis biyyoota hiree argatan keessaa tokko taate.

Murtee hin eegamne

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sagantaa AGOA jedhamu kana irraa fayyadamuuf hiree kan argatan biyyoota Sahaaraa gadiiti. Biyyootni kun omishaaleen isaanii qaraxa malee gabaa US'f akka dhiyaatu gochuun akka fayyadaman godha.

Itoophiyaan carraa kanarraa hanga dandeesse fayyadamuuf paarkiiwwan Indaastirii babal'isaa baate.

Sadaasa darbe garuu Itoophiyaan qajeeltoowwan waliigaltee sanaaf bitamuu diddee jechuun Ameerikaan carraa sana keessaa haqxe.

Obbo Hibrat Lammaa hoji gaggeessaa waldaa abbootii qabeenyaa Paarkii Indaastirii Hawaasaati.

Ji'oota dura Itoophiyaan carraa kana keessaa akka baatu ni murtaaha amantaa jedhu hin qabnu turee jedhu. Dabalataanis murtichi saffisaa fi qophaa'uufillee kana yeroo hin laannee jedhu.

Bara 2020'tti biyyoota 38 kan gargaaru sagantaan kun Amajjii 2022 irratti Itoophiyaa, Maaliifi Giinii sagantaa kanarraa haqeera.

Giiniifi Maaliin seeraan ala mootummaa haaraa ijaaran yeroo jedhaman Itoophiyaan ammoo Kaaba Itoophiyaatti waraana gaggeefameen sarabama mirga namoomaa jabaatu raawwate sababni jedhu irratti dhiyaachuun haqaman.

Namni Paarkii Indaastirii Hawaasaa keessatti gahee olaanaa qaban tokko maqaa isaanii akka hin eeramne gaafatanii torbanoota tarkaanfiin kun fudhatamuu dura ture keessatti mootummaan dhimmichaaf xiyyeeffannoo gahaa hin laanne jechuun komataniiru.

Ameerikaan murtee kana hin gudhattu abdiin jedhu ragaa irratti osoo hin hundaa'iin akkasumaan qilleensarra turee jedhan.

''Yaada waldhahaa AGOA fi Adowa jedhuun'' mootummaan dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuu caala tarkaanfiin fudhateefi ejjennoon waliin isaa adda hin baane qormaata ta'eera jedhan.

''Gama tokkoon sagantaan akka AGOA fi deeggarsi akka kanaa nu hin barbaachisu ejjennoon jedhu kan calaqqisiifamu fakkaata ture'' jechuun murticha jijjiirsisuuf ''rincicni mul'ate gatii nu baasiseera'' jedhan.

''Tattaaffiin kan jabaate erga barfateeti.''

Obbo Hibrat Lammaa hoji gaggeessaa waldaa abbootii qabeenyaa Paarkii Indaastirii Hawaasaati.
Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Hibrat Lammaa hoji gaggeessaa waldaa abbootii qabeenyaa Paarkii Indaastirii Hawaasaati.

'Gabaa guddicha dhabuu' 

Warshaalee Paarkii Indaastirii Hawaasaa keessa jiran keessaa tokko kan ta'e Nasa Garment PLC dha. Warshaa huccuu oomishu lama qaba. Warshaa isa tokkotti surree(bolaalee) oomisha, isa biraatti ammoo huccuu dugdaa olitti uffataman oomisha.

Hoji gaggeessaan warshichaa lammiin Indiyaa Ragaa'u Paater bara 2019 bajata qabu doolaara miiliyoona afur ta'u amma miiliyoona 10'n gaheera jedhu.

Warshaan isaanii kun omisha isaa dhibbeentaa 80-85 ta'u gabaa Ameerikaaf dhiyeessaa turus Ameerikaan Itoophiyaa sagantaa AGOA irraa haquun ishee qormaata guddaa itti ta'eera.

''Ameerikaan gabaa addunyaa ishee guddoodha'' kan jedhan abbaan qabeenyaa kun, kanaaf Ameeikaan omisha kee hin bittu taanaan hamma oomishtu xiqqeessuun dirqama'' jedhu.

''Filannoowwan biroo barbaadutti jirra. Garuu yeroo fudhachuun isaa hin oolu'' jechuun gabaa biyyoota Awurooppaa fi Kaanadaa argachuuf yaalaa akka jiran himan.

Mootummaan isaan deeggaraa jiraatus furmaata waaraa kan ta'u haalli Itoophiyaan gabaa Ameerikaatti deebitu ni jiraata yoo ta'e akka ta'u himan. Kunis ni milkaaha abdii jedhu akka qaban dubbatan.

Obbo Hibratis Itoophiyaan tarii bara 2023 gara sagantaa AGOA kanatti hiree deebi'uu ni argatti abdii jedhu qabu.

Dargaggoo hojii paarkii Hawaasaa irraa hanqifame

''Mootummaa waliinis mariitti jirra'' jedhanii ''ji'oota dhufan keessa garuu maaltu ta'uu akka malu tilmaamuu hin dandeenyu'' jedhan.

AGOA keessaa haqamuun Itoopphiyaa gatii baasiseefi baasisu hubachuuf yeroo gaafata jedhu obbo Hibrat.

''Warreen omisha fudhatan ajaja isaanii dursanii nuun gahanii waan turaniif nuusa waggaa keessatti dhiibbaan isaa badaa hin mul'anne. Qaraxni isa dabale ammoo warra bitantu danda'a.''

Dhiibbaan isaa hubatamuu kan eegale Caamsaa irraa kaaseeti jedhu.

''Ji'a Caamsaa bara darbee hojjettootni paarkicha turan kuma 30, Bara kana Waxabajjiitti garuu kuma 26'tti gadi bu'eera.'' Oomishtootni hojii babal'isuu fi carraa hojii uumanii gara kuma 40'tti ol guddisuuf karoorri qabatanii turanis karaatti hafuu dura taa'aan waldaa abbootiii qabeenyaa obbo Hibrat.

Dhiibbaan isaa hojjettoota irratti qofa osoo hin taane warreen hojjettootaaf nyaata dhiyeessan dabalatee kaanis suuta qaqqabaa jira jedhu.

''Kanneen nyaata dhiyeessan, baankiiwwan, ogeeyyii herreegaa, ogeeyyii seeraa fa'a dhiibbaan isaa suuta qaqqabaa jira.'' Jijjiiramoonni waggoota darban mul'atan boodatti akka hin deebine jedhaniis yaaddoo qaban ibsu.

''Aadaa Indaastirii kana barsiisuun waggaa shan fudhateera. Adeemsaan addana gahame.''

Hiree Balaayinashiifi kaan

Abbaa warraa Balaayinashis loltummaarraa erga gaafatama isaa fixee warshaa keessatti hojiin argate osoo hin turiin isa hir'isee carraan warshaa biraa argachuuf qabus warshaaleen nama hir'isuutti malee qacaruutti waan hin jirreef abdii heedduu hin argamne. Shimallis ''oogummaan baradhe huccuu hojjechuudha amma maal hojjedhu'' jedha.

Akka Balaayinash kanneen hojii isaanii dhaban tarii hojii keenyatti deebinaa jedhanii abdii hin muriin jiru.

Kanneen hanga ammaa hojii irraa hin hanqifamiin ammoo amma amma hir'ifamnaa jedhanii siqiqii keessa jiru.